Waadaa seename hojiitti hiikaa deemuu barbaachisa

Finfinnee: Mootonniifi aanga’oonni darban hedduun miira ‘faayidaafi gaaffii Oromoo deebisna’ jedhuun ka’anii erga aangoo hawaasichaa of harka galchanii booda gaaffii ummataatiif deebii waaraa kennuu dhabuun agarsiistuu hooggantoota Itoophiyaa ta’aa tureera.

Gochi akkanaa immoo amantaa ummanni aanga’ootarraa qabu kan hir’isuufi rakkoo nageenyaa ta’uu waan danda’uuf miirri kutannoo siyaasaa qabatamaan mul’achuu qaba.

Dura Taa’aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddina haala yeroo Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif dheengadda kennaniin ummatni Oromoo gaaffiilee adda addaa  waggootaaf kaasaa ture har’as ittifufuu dubbatu.

Gaaffiin ilmaan Oromoo yeroo dheeraaf kaasaa turan akka hindeebineef sababa ta’aa kan jirummoo aanga’oonni aangoof fiiguun ala imaanaa ummataa milkeessuu keessatti hanqina akka qabanis ni eeru.

Yeroo ammaa ummanni Oromoos ta’e kanneen biroo waadaa seenamuun ala qabatamaan kan mul’atu akka hintaanes ibsanii, kan afaaniin dubbatan hojiitti hiikuuf kutannoon qondaaltotaa fooyya’uu qaba jedhu.

Gaaffiilee irra deddeebiidhaan ka’aa jiran keessas kanneen akka Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa gochuu, waa’ee mirga abbummaafi daangaa Finfinnee, beenyaa haqaqabeessi qonnaan bultoota lafasaaniirraa ka’aniif kennamuu dhabuufaa ta’uu ni eeru.

Gaaffiileen kunneenimmoo deebii quufsaa kan argatan miira kutannoo aanga’ootni sabicha bakka bu’an taasisaniin ta’uu Piroofeesar Mararaan himanii, imaanaa ummataa dagachuun turee bulee gaaga’ama fiduu akka malullee dubbatu.

Mootonni darban hedduunsaanii sanyummaansaanii Oromoo ta’us gaaffii Oromoo tokkollee osoo hindeebisiin qorqalbiin Oromoo akka jaamu taasifamuu himaniiru.

Gochi kun irra akka hindeebi’amneef paartiin aangoorra jiru kutannoo siyaasaa qabaachuu akka malu dura taa’ichi dubbataniiru.

Kun ta’us waldhabdee aanga’oota gidduutti mudatuun gaaffiin ummataa akkuma kaleessaa rarra’ee akka hafu waan godhuuf qondaaltonni of ilaaluu akka qaban Piroofeesar Mararaan ni eeru.

Kun hanga hintaanetti adeemsi fuula fuulaa kun faayidaa ummatichi barbaadu akka harkifatu waan godhuuf of eeggannoon barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Mootummaan aangoorra jiru waan ummata abdachiise har’a boruutiin bira darbuurra wanta hojjechuu danda’u hojiitti hiikuu akka qabus Piroofeesar Mararaan ni dubbatu.

Gaaffiilee ummataa yeroorraa yerootti ka’an keessaa Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa taasisna waadaan jedhu afaaniin galamus sosochiin itti jiramu iftoomina waan hinqabneef ammas komii kaasaa jira jedhaniiru.

Yeroo ammaatti sosochiin gama mootummaan jiru abdii kan namatti horu ta’us abdichi kan afaanii qofa ta’ee akka hinhafne hubachiisaniiru.

Ummatni faayidaansaa jalaa uggurame har’as mirgasaatiif akkuma kaleessaa falmachuunsaa waan hinoolleef karooraaf raawwii ilaalaa deemuun barbaachisaa akka ta’e Piroofeesar Mararaan dhaamaniiru.

Qabsoo hadhaa’aa qeerroon taasiseen guyyaan jijjiiramaa kun hundaaaf dhalachuullee kan kaasan piroofeeserichi, aanga’oonni bu’aa qabsichaa ta’an ummaticha garaa ciibsuun akka irra jiraatu dubbataniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

3 Comments to “Waadaa seename hojiitti hiikaa deemuu barbaachisa”

  1. Pingback: hostel bangkok

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *