Yaada ka’umsaa
Akka seera labsii invastimantii Itoophiyaa lak. 280/2002tti, tarsiimoon guddina waliigala dinagdee biyyattii sirna gabaarratti qofa xiyyeeffataa ture rifoormii gaggeeffameen misooma invastimantii biyya keessaafi alaa akka hammatu taasifamuunsaa kan yaadamuudha.
Itoophiyaa keessatti sochiiwwan invastimantii yeroodhaa yerootti guddachaa waan dhufaniif sirni daldalaa biyyoota Afrikaa Bahaa caalaatti ijasaanii alergii biyyattiirra akka keewwatan taasisuu danda’eera. Kunis baay’inni indastiriiwwan kanneen akka sibiilotaa, abaaboo, agro pirosesiingiifi kkf haalaan dabalaa waan turaniif, biyyattiin shaqaxootaafi meeshaalee sasalphaa gabaa biyyoota baha giddugaleessaa, Awurooppaafi Eeshiyaa dhiyeessuu jalqabdee turte.
Erga jijjiiramootni siyaasaa galmaa’uu eegalanii as garuu sochiiwwan misooma invastimantii biyyattii qabbanaa’aa dhufeera. Kanuma mirkaneessuuf tibbana gareen gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee keessa jiran shanan (Sabbataa, Hoolataa, Buraayyuu, Suluultaafi Laga Xaafoo Laga Daadhii)tti bobba’uun sochii pirojektota invastimantiirratti daaw’annaa taasiseera.
Sadarkaa pirojektotni invastimantii irra jiran
Akka guutuu biyyaattuu sochiiwwan misooma invastimantii naannoo Oromiyaa jajjabeessaa waan tureef fakkeenyummaan eeramaa tureera. Haalli nageenyaa waggoota sadii asitti ture garuu misooma invastimantiif mijataa waan hinturreef saffisa duraatiin akka hindeemneef sababa ta’eera.
Pirojektotni invastimantii biyya keessaafi alaatiin gaggeeffaman sababoota garagaraatiin magaalota godinichaa keessatti hojjechaa kan turaniifi jiraniidha. Ta’us, pirojektotni invastimantii gariin hojiisaanii addaan kutuutiin waggoota dheeraaf tajaajila kennaa akka hinjirre irra gahameera.
Akka fakkeenyaatti, magaalaa Sabbataatti pirojektotni invastimantii hojii misoomaa keessa turanii gidduutti addaan kutan hedduudha. Isaan keessaa pirojektotni ‘Goldan Rooziifi Moobil Laandi’ jedhaman qabiyyee lafaa hektaara 36.6 qabatanii waggoota dheeraaf tajaajila malee taa’aa akka jiran beekameera; kana bulchiinsi magaalichaas mirkaneesseera.
Hoolatatti ammoo pirojektotni invastimantii 25 giddugaleessaan waggoota torbaaf hojii misoomaa hojjechaa turan addaan kutaniiru. Kanneen keessaa invastimantiin, ‘Itoophiyaan Meediyoos’ jedhamu qabiyyee lafaa hektaara 108rratti kan qubate yoo ta’u, bara 2009 jalqabarraa kaasee omisha abaaboo omishaa ture addaan kuteera. Kunis qonnaan bultoota, hojjettoota duraan turaniifi abbaa qabeenyaa gidduutti walitti bu’iinsa uumeeras.
Magaalaa Suluultaatti pirojektota invastimantii sagal, Buraayyuutti 16, akkasumas Laga Xaafoo Laga Daadhiitti 15 walumatti pirojektotni invastimantii 67 hojiilee misoomaa jalqabanii turan guutummaatti dhaabuunsaanii beekameera. Ka’umsa kaappilaalaa qabaniin yoo ilaalamu qabeenya dinagdee keessatti socho’uu qabu qarshii biliyoona torbaa ol qisaasessaniiru.
Qaawwa seerotaa
Hoggansaafi hordoffii, akkasumas to’annaa misooma invastimantii ilaalchisee seerotni sadarkaa biyyaatti hojiirra oolaa jiran qaawwa guddaa qabaachuu ogeessota damichaatiin ibsamaa tureera; ammas akkasuma.
Akka federaalaatti labsiin invastimantii Itoophiyaa lak. 280/2002 hojiirra kan jiru yoo ta’u, abbootii qabeenyaa kaappitaala mataasaaniin of danda’anii misoomatti seenan calaluurratti qaawwa qabaachuun ibsamaa tureera.
Akka Oromiyaatti ammoo qajeelfamni ifatti invastaroota ittiin calalan, hordofaniifi to’atan waan hinturreef pirojektotni invastimantii kallattii ummatni barbaaduun akka hinhojjetamne godheera. Haa ta’u malee hanqina qabaatus hanga har’aatti qajeelfama lak. 28/1990tiin hojjetamaa turuusaa eeramus gadi bu’uu dhabuunsaa gahee hojii ogeessotaarratti dhiibbaa uumeera.
Labsiin liizii lafaa lak. 721/2004s keessumaa haala qabiyyee lafaa qonnaan bultootarraa itti fuudhaniifi abbootii qabeenyaatiif itti dabarsanitti qaawwa bal’aa kan qabu waan ta’eef hordoffiifi to’annoon pirojektota invastimantii akka laafuuf sababa ta’aa tureera; jiras. Wayita ammaa garuu labsiin kun Ejensii Misoomaafi Manajimantii Lafaa Federaalaatiin fooyyeffamaa jiraachuunis hubatameera.
Deebii Komishinii Invastimantii Oromiyaa
Komishiin Invastimantii Oromiyaa dhaabbata mootummaa yoo ta’u, bara 1992 hundeeffamuun misooma invastimantii naannichaa hordofaafi to’achaa tureera.
Mul’atnisaas akka inistitiyuutiitti of cimsuudhaan naannoon Oromiyaa wiirtuu misooma invastimantii biyyattii akka taatuuf kutannoodhaan hojjechuudha. Tajaajila guutuufi si’ataa ta’e maamilootaaf dhiyeessuufi qabeenya murtaa’aa jirutti sirnaan fayyadamuu, akkasumas hojiirra oolchuun duudhaalee komishinichi qabatee itti hundeeffameedha.
Hojiilee abbootii qabeenyaa jajjabeessuun, invastarootaaf eeyyama kennuufi haaressuun, eeyyama daldala invastarootaa mirkaneessuun, abbootii qabeenyaatiif qabiyyeen lafaa akka qophaa’u gochuufi invastimantiiwwan biyya alaa hawachuun gahee hojiisaati.
Pirojektotni invastimantii magaalota godina addaa keessaa lakkoofsaan 82 ta’an tajaajila malee akka taa’aa jiran qorannoodhaan adda baafameera. Gariinsaanii rakkoo nageenyaa ture sababeeffachuun hojiisaanii dhaabaniiru. Kaawwan ammoo hojiin hojjechaa fi bu’aan argachaa turan walmadaaluu waan hindandeenyeef addaan kutuuf murteessaniiru.
Dhuguma dubbachuuf taanaan pirojektotni ivastimantii naannoo Oromiyaa keessa jiran hojii fakkeenyummaan eeramu hojjechaa turaniiru. Wayita ammaallee irra caalaansaanii ciminaan hojjechaa kan jiran yoo ta’u, dinagdee naannichaas ta’e biyyattii sochoosuu keessatti qooda guddaa bahachuurratti argamu. Warri addaan kutan garuu sababa quufsaa qabaachuusaanii qorannoodhaan mirkaneeffachuun danda’ameera.
Fakkeenyaaf, pirojektotni invastimantii guguddoon hojiisaanii addaan kutan kisaaraa keessa waan seenaniif liqaa baankotni isaanirraa qabu ofirraa deebisuu hindandeenye. Baankotnis maallaqa liqeessan deebifachuuf mirga guutuu waan qabaniif qabeenyi abbootii qabeenyaa kunneen akka hinsochooneef ajaja manneen murtiitiin akka dhorkamu taasisaniiru. Kunimmoo qabiyyeen lafaa gara baankii lafaatti deebi’uun tajaajila biraatiif akka hinoolleef danqaa guddaa ta’eera jechuudha.
Qajeelfamootniifi hojmaatni duraan turanis walxaxaa waan tureef, keessumaa qabiyyee lafaa invastarootaaf dabarsuurratti rakkoo uumaa tureera. Qaamoleen ittigaafatamummaatiin lafa daddabrsaa turanis lakkoofsaan akka heddummaataniif karaa saaqeera. Wayita ammaa garuu seerotni qaawwi akka uumamuuf ka’umsa ta’an fooyya’aniiru. Yeroo dhiyoo keessattis pirojektotni invastimantii abbummaansaanii hinbeekamne kunneen murtee kan argataniidha.
Biiroon Bulchiinsaafi Misooma Lafaa Magaalota Oromiyaa
Biiroon Bulchiinsaafi Misooma Lafaa Magaalota Oromiyaas dhimmi pirojektota invastimantii kanneenii yaaddessaa ta’uu ibseera. Ta’us, qabiyyeewwan lafaa pirojektota kanneenii gara baankii lafaatti deebisuuf murtee siyaasaa kan barbaadu ta’uus eereera.
Kanaan booda garuu tajaajila malee akka taa’an gochuun fedhii misooma ummataa cufuu waan ta’eef dhimmichi kaabinee mootummaa naannoof akka dhiyaatu taasifameera. Murteen kaabinee Caffee Oromiyaatiin erga ragga’ee boodas qabiyyeewwan lafaa gara misoomaatti akka seenan ni taasifamas jedhameera.
Furmaata
Pirojektonni invastimantii magaalota Godina Addaa Oromiyaa keessatti tajaajila malee waggoota dheeraa lakkoofsisaa jiran guddina dinagdee naannoo Oromiyaas ta’e biyyattii duubatti harkisaa jiru. Carraa hojii lammiileen qabanis guutummaatti cufaniiru.
Abbootiin qabeenyaa pirojektota kanneenii kallattiinis ta’u alkallattiin deggarsa mootummaa malee socho’uu waan hindandeenyeef karaa danda’ameen gara hojiisaaniitti akka galan gochuun murteessaadha. Invastaroota fedhiifi humna hinqabne ammoo calaluun tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuufis qophii barbaachisa.
Hundarra ammoo pirojektootni invastimantii hedduunsaanii abbaa waan hinqabneef, qorannoon adda baasuun yeroo kan fudhatu ta’uu hinqabu. Kuni marti murtee mootummaa kan eeggatan waan ta’eef, fedhii ummataa guutuuf saffisaan sirreessuun dirqama ta’uusaa hubatamuu qaba.
Takkalliny Gabayyootiin
Suurri Gabaaboo Gabreetiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012
7 Comments to “Pirojektota invastimantii murtee mootummaa eeggatan”