Nageelleetti walmorkiin michummaa adeemsifame

Finfinnee: Oromiyaa Godina Gujii, Magaalaa Nageelleetti walmorkiin kubbaa miilaa Michummaa kilaboota waldaa Fayyaa bulchiinsa Magaalaa Nageelleefi Waldaa Fayyaa Amaanu’eel Dubbaalaa jidduutti adeemsifameera.

Walmorkii michummaa dirree kubbaa miilaa Magaalaa Nageelleetti adeemsifame kanatti kilabni Hawaasaa Waldaa fayyaa Amaanu’eel Dubbaalaa ,Waldaa kubbaa miilaa Magaalaa Nageellee 2-1n mo’achuun waancaa fudhachuunsaa beekameera.

Akka dursaan garee leenjiifi waldorgommii ispoortii bulchiinsa Magaalaa Nageellee Obbo Taammiraat Abaataa bilbilaan Gaazexaa Bariisaatti himanitti, walmorkiin kun kan adeemsifame bakka daaw’ataan kubbaa miilaa magaalaa nageelleefi naannooshee argamanitti ta’uun beekameera.

Walmorkii kanas dirree kubbaa miilaa Magaalaa Nageeleetti argamuudhaan kan jalqabsiisaan Kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Nageellee Obbo Addunyaa Tasfaayeefi Obbo Kalalaa Siidaa ittigaafatamaa waajjira ispoortii magaalattii ta’us dursichi muldhisaniiru.

Akkasumas walmorkii kanaan kan mo’ate kilaba Amaanu’eel Dubbaalaa waancaa kan badhaasan keessummaa kabajaa Obbo Addunyaa Tasfaayee Kantiibaa Magaalaa Nageelleeti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You