‘ETRSS-1’: Mallattoo imala badhaadhinaa

Biyya keenya, Itoophiyaatti kaleessa seenaa guddaan tokko raawwatameera. Innis saatalaayitiin ‘ETRSS-1’ /Ethiopian Remote Sensing Satellite/ jedhamu ‘China Academy of Space Technology- CAST’) wajjin ta’uun gara hawaatti furguggeeffame.

Saataalaayitiin maakiroo kiiloo giraama 70 ulfaatu, eertuu odeeffannoo lafaa funaanee deebisee garuma lafaatti erguufi Afrikaa bahaafi lixaa agaagu kun hojiilee damee qonnaa, misooma magaalaa, to’annoo qabeenya uumamaa, hojii kaartaa, meetrolojiitiif odeeffannoo wiirtuu obzarvaatoorii fiixee Finfinnee, Inxooxxootti argamuuf dabarsuuf kan ooluudha. Kana malees gama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaatiin, darbees ce’umsa beekumsa tekonolojiitiif faayidaa guddaa qabaata.

Akka Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad fuula feesbuukiisaaniirratti ibsanittis saatalaayitiin kun keessumaa qonna biyyattii ammayyeessuuf, hojii beekumsaan utubame hojjechuuf, gabaa Afrikaafi Addunyaatti haala beekumsarratti hundaa’een dorgomanii mo’achuufi bu’aa qabeeyyii ta’uuf daran kan gargaaruudha.

Kana malees odeeffannoowwan adda addaa baasii olaanaadhaan bitamaa turan hambisuuf, sochii naannawa daangaatti taasifamu hordofuuf, haala qilleensaa ittiin ilaaluufi ammayyeessuuf, ragaa gahaa funaanuufi hojii odeeffannoorratti hundaa’e raawwachuuf gargaara.

Saatalaayitiin baasii irra caalaa mootummaa Caayinaatiin aguugamen hojjetame kun gara fuulduraattis qaamolee adda addaa wajjin ta’uun saatalaayitoota biroo omishuun akka danda’amuuf kallattiin kan agarsiisuudha. Hojicharratti ogeessonni Itoophiyaa diizaayiniisaarraa eegalee hanga omishaatti hirmaachuunis ce’umsa teknolojii mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaata.

Wiirtuun to’annoo saatalaayitichaa guutummaatti Finfinnee, ta’uunis sochii Itoophiyaan gara hawaatti taasistuufi jalqabbii barbaacha beekumsaafi odeeffannooshii amma tokko jettee eegalte si’aayinaan akka ittifuftu kan taasisuudha. Kanaanis imalli gara badhaadhinaatti taasisnu eegalamuusaafi  otoo addaan hincitiin dhalootatti akka darbu kan mirkaneessuudha.

Saatalaayitiin tuttuqaa harkaa tokko malee ifa ykn ho’a qofa fayyadamuun odeeffannoo funaanuuufi Itoophiyaan seenaashii keessatti yeroo jalqabaatiif gara hawaatti ergite kun imala badhaadhinaafi guddinaa biyyi keenya qabatte milkeessuu keessattis gumaacha ijoo qabaata.

Itoophiyaan bittaa fakkiiwwan saatalaayitii waggaatti qarshii miliyoona 350 ol baasti. Kanaaf saatalaayitichi baasii haala kanaan bahaa ture xiqqeessuun imala guddinaafi badhaadhina hamilee haaraan qabattee hojjechaa jirtu daran ni utuba.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

6 Comments to “‘ETRSS-1’: Mallattoo imala badhaadhinaa”

  1. Pingback: https://noonoo.org
  2. Pingback: sagame
  3. Pingback: more information
  4. Pingback: altogel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *