Mootota Iluu Abbaabooraa

Kutaa 1fa

Oromoon Sirna Gadaatin akka bulu beekamadha. Yaata’uutii adeemsa yeroo kessatti jijjiramni addunyaa keessatti mul’ate Gadaa keessattis mul’achaa dhufuun hin oollee. Bifuma kanaan hawaasa Oromoos haala qubannaafi walitti dhufeenya uummata alaa wajjin qaburraa kan ka’e jijjiramni gadaa keessattis mul’achuu eegale. 

Jijjiramni kunis qabsoo Oromootaa jaarraa 16fa booda araddaa ofiitti deebi’uuf godhame keessatti kan mul’ateefi boodas sochii Oromoo Maccaa gurmuun afreefi sadachaa gara lixaatti godhame keessatti kan cimaa dhufeedha. Akkuma beekamu ijaarama mootoota Shanan Gibee yeroo cimee ba’utti bifuma walfakkatuun Oromoonni Gosa Tum’ee Noonnoos Aadaa mootii ofii hundeessuu eegalan.

Qacceen gosa Tum’ee  noonnoo keessa balballi  Iluus gareewwan gara lixaatti socho’anidha. Hundeessaan Mootummaa warraa Iluus gosuma kana keessaa warra 9an Iluuti. Maatiin Mootummaa kana hundeesse warraa Guyyee laaftoo yoo ta’an , namni adda dureen mootummaa kana gurmeessuun kan beekame Mootii Caalii Shoonoo dha. Seenaan Iluu Abbaaboor jecha lama qaba innis Iluun maqaa gosaa yoo ta’u, Abbaaboor Maqaa kabajaati . Akkaa Aadaa Oromootti Ijoolleen  maqaa lamaa qabu inni duraa Maqaa manaa  yoo ta’u inni lamaffaan maqaa kabaajaati.  kunis yeroo baay’ee maqaa fardaatiin taa’a. Maqaan kabajaa kun yeroo baay’ee bifa fardaafi milkiin walqabata. Fakkeenyaaf (Abbaaboor, Abbaa Ayyaansoo, Abbaa jifaar, Abbaa Nabsoo,Abbaa Milkii, Abbaa Daamaa, Abbaa Daalee wkf. ) itti moggaasu.

Seenaan Oromoota gara lixaa irri caalaan isaa hin qoratamne. Qorannoo Yaasiin Mahammad seenaa qabiyyee lafaafi seenaa waliigalaa Iluu Abbaaboor bara 1889-1974 keessa akka ture bal’inaan ibsa. Yaasiin hanga tokko seenduubee baroota weerara Minilik dura ture keessattuu sirna ittiin Oromoon naannoo sanaa ofiin of bulchaa ture irratti bal’inaan hin qoranne. Iluu Abbaaboor keessatti iddoowwan akka Odaalee Koodoo, Dooggiifi Odaa Maaruu wiirtuu bulchiinsa Gadaa turan. Akka ragaa manguddootarra argameetti, sababa fageenya giddugaleessa Gadaa Maccaa (Odaa Bisil) irraa kan ka’e Oromoon naannoo sana jiraatan wiirtuu ofii akka hundeeffatan himama. Iluun gosa Oromoo baay’ee kan of keessaa qabuufi mootummaa isaa, warra haddeessoo jalatti kan ijaarrate ture. Iluun kan of gurmeesse akkuma Oromoota gosoota maccaa kamiyyuu  seera  Gadaan tumachuun Caffee Dooggii irratti waggaaa saddeeet saddeetitti  seeraaf taa’aa akka turan manguddoonni ni dubbatu. Caffeen Iluu Miseensa Qoroo ykn Abbootii biyyaa Kan “Saglee saglanii mataa afurtamii shanii” jedhamuun beekamu. Mataa afurtamii shanii  kunis  qoroowwan gurmaa’ina kana keessatti hirmaatan ykn bakka bu’oota gosaafi balbalaa ta’uu isaaniiti. Isaanis:

  1. Iluu mana-9         Qoroo Sagal ( Abbaa biyyaa )
  2. Noonnoo -6     Qoroo ja’a
  3. Cooraa- 8                 Qoroo saddeet
  4. Suphee  – 2             Nagawoo Borootti
  5. Doorannii  -2    Qoroon Agamsoo Odaatti
  6. Mattuu -4               Dagaa Mattuutti
  7. Hurrumuu -5        Eegguutti (Korpheessoo Xiixaa)
  8. Buunnoo  -7    Meexxii Shangootti
  9. Buree  -2                Warra Agamsoo Qambuutti

Walumatti  45  ta’u kunis federeeshinii gosaa ta’uu isaati.

Akkuma armaan olitti eerametti Caffeen Iluu kan Dooggiitti argamu akka warra hangafaatti bakka bu’oonni qoroon afurtamii shanii kun seera akka tumaa turaniifi yeroo booda tumaa kana cabsuun abbootiin duulaa akka aangoo irratti hafaniifi mootummaa Iluu ijaaran ni dubbatama (Imaanuu Abduu manguddoo). Yeroo booda Iluun iddoo saditti of ijaaruun humna ofii cimsaaf babal’isaa beekamtii guddaa argate.

  1. Iluu Quraa  Dooggii
  2. Iluu Abbaa Sambii Bachoo
  3. Iluu Abbaa Dinkaa Qeerrasii jedhamu turan.

Haaluma walfakkaatuun, kufaatiin bulchiinsa Gadaa Iluu keessattis hundeeffama mootummaa waliin walqabata. Akka odeeffannoo manguddootarraa argameetti, Sirni Gadaa akka laafu kan sababa tahuu danda’e aangootti cichuu Abbootii Duulaafi Abbootii Bokkuuti. Sababni aangootti isaan rarraasee hambise addatti kanadha yoo jedhamuu baates jalqaba jaarraa 19ffaa keessa Abbootiin Gadaa Iluu Abbaaboor sirna aangoo Gadaa itti aanutti dabarsuu addaan kutanii mootummaa ofii hundeessaniiru. Bu’uurri humna isaanii qabeenyaafi deeggartoota garee maati isaanii yoo ta’u adeemsa kanaan sirni Gadaa walqixxummaa irratti hundaa’ee sirni gitaafi bulchiinsa aangoo giddugaleessa nam tokkee godhateen bakka bu’e.  Hojiin guddaan garee bulchiinsa sirna mootiis sirnaafi duudhaa bulchiinsa Gadaaf wabii dhaabachuu osoo hin ta’iin waraana daangaa babal’ifannaa ta’e. Sirni walii abboomu hafee, gareedhaan jiraachuu jireenya dhuunfaaf carraaquutti jijjiirame.

Iluu Abbaaboor keessatti hundeeffamni bulchiinsa mootii suuta suuta kan mul’ate yoo ta’u yeroo jalqabaaf sirna bulchiinsa Gadaa dabsuun mootummaatti kan jijjiire Shoonnoo Qilxuuti jedhama. Ragaan tokko tokko yaaduma kana deeggaree bara bulchiinsa Abbaa Gadaa Laaftoo Guyyaa irraa eegalee aangoon abbaa irraa gara ilmaatti akka darbuu eegale himama. Haaluma kanaan Laaftoo Guyyaa aangoo Abbaa Gadummaa ilma isaa Qilxuu Laaftootti akka dabarse innis dabaree isaa Shoonnootti akka dabarseefi Shoonnoo Qilxuu Abbaa Gadaa sirna mootii hundeessuun bulchiinsa Gadaa mootummaa ofiitiin bakka buusedha.  Abbootii Gadaa isa dura turan irraa caalatti aangotti rinciicuu qofa osoo hin ta’iin qabiyyee lafaa bal’aa qabachuufi qabeenya kuufachuun  ilma isaa Caali shoonootti aangoo dabarfame. Aangoo qofa otoo hin ta’in  qabeenya guddaa akka dhaalchise himama. Xumura jaarraa 18ffaafi jalqaba jaarraa 19ffaa mootonni Iluu Abbaaboor  Caalii Shoonoon hundeeffame akka aangoon namtokkee eegale dubbatama. Mootonni duraa duubaan gara aangootti dhufanis akka armaan gadiitti kan ifa ta’aniidha.

Abbaa Aangoo Ga’ee Bara Bulchiinsaa
Laaftoo Guyyaa Abbaa Gadaa ……..
Qilxuu Laaftoo Abbaa Gadaa   ……..
Shoonnoo Qilxuu Abbaa Gadaafi mootii   …..
Caalii Shoonoo(Abbaa Boor) Mootii   1820-1850
Diimaa Caalii (Abbaa Raagoo) Mootii 1851-1872
Gaarrisaa Diimaa (Abbaa Algaa) Mootii 1872-1876
Faxansaa Iluu /Abbaa Ayyaansoo    Mootii 1876-1886 turan.

Akkuma armaan olitti eerame kallattiiwwan Oromiyaa adda addaatti Oromoon Sirna Gadaan buluu dhiisuun mootummaa abbootii biyyaan ijaaraman ykn moototaan akka buluu eegalan ni dubbatama.

Gosa Tum’ee mana noonnoo balbala Iluu keessatti qacceen warra Hadheessoo mootummaa saglan Iluu jechuun akka ijaare ni dubbatama. Barreessitoonni baay’een mootummaa Iluu waan hin qoranneef odeeffannoo gahaan dhimma kanarratti hin turre. Haa ta’u malee, jaarraa 19ffaa keessa Oromoon Tum’ee  adeemsa jijjiirama siyaasaafi hawaasummaa Shanan Gibeefi warra Leeqaa fakkaatu keessa darbaniin kan walfakkatu keessa waan turaniif isaaniis Sababa wal-fakkaatuun  sirna Gadaa irraa maqsuun abbootii qoroo hedduun caffee ofiitti wal-ga’anii mootummaa ofii ijaaratan. Qoroowwan miseensa mootummaa isaaniis yoo ilaalle Buree warra Qoraattii ykn Boonaa Gamtaa, Deeggaatti warra Kuusaa Dooyyoo, Buunnoo warra Firrisaa Abbaa Woggaa, Cooraa warra Qumbaabee, Mattuu  Dagaa Mattuu ykn Abbaa Raagoo, Yaayyoo Caalii Shoonoofi Goree warra Abbaa Morkeefi iddoowwan biraattis Qoroowwan Oromoo Iluu keessatti hedduutu argamu.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Haayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita amma Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012

Recommended For You

7 Comments to “Mootota Iluu Abbaabooraa”

  1. Pingback: cam models
  2. Pingback: Food Recipes

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *