Dhaabbilee siyaasaa hangafa Oromoo keessaa tokko kan ta’e Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), jireenya baqaa waggoota dheeraa booda erga biyyatti deebi’e waggaa tokko caaleera. Filannoo baranaarratti hirmaachuufis Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatiin galmaa’ee waraqaa ragaa fudhachuun sochii eegaleera.
Qophii addichi filannoof taasisaa jiruufi dhimmoota biroorratti hayyu duree ABO, Jaal Daawud Ibsaa waajjirasaaniitti haasofsiisneerra. Gaafdeebiin isaan wajjin taasisnes akka armaan gadiitti dhiyaateera dubbisa gaarii.
Bariisaa: Filannoo bara 2012f ji’oota muraasatu hafa; qophiin taasisaa jirtan maal fakkaata?
Jaal Daawud: Yeroon filannichaaf hafe gabaabaadha. Boordii Filannoorraa waraqaa ragaa argachuuf waggaa tokko dura iyyata galfannus kan arganne dhiheenyatti. Sababa kanaan sochii nuti filannoof taasisnu gara ji’oota saddeetiif rakkoo keessa ture. Waliigalteedhaan dhufnus mootummaan waliigaltee keenya hojiitti hiikuuf qophii hinturre. Faallaasaatiin filannoo bara 2012f akka morkotaa cimaatti waan nu ilaalaniif kana laffisuuf yaaluutti ka’an. Kana karaatti deebisuuf mariifi jaarsummaa baay’ee keessa erga seenamee ji’oota lamaa as xiqqoo waan sirrate fakkaata.
Sababoota eeramaniifi kanneen biroorraa ka’uun qophiin nuti filannoof taasisuu qabnu boodatti nu jalaa harkifateera. Ta’us yeroo qabnutti haalaan fayyadamuuf qophii imaammataa gara xumuruutti jirra. Leenjii leenjistootaas bakkawwan adda addaatti kennaa jirra. Leenjiin kaadhimamtoota filannoos ittifufa. Leenjisuu cinaatti haala filannoo kaadhimamtootaarratti miseensotaafi deggartoota keenya wajjin ni hojjetama. Mirgaafi dirqama filattootaarrattis leenjii ni kennama.
Dubartoota filannoorratti hirmaachisuufis hojjetaa jirra. Biyya kanatti dubartoonni siyaasa keessatti ni hirmaatu akkasumas, ni miidhamu. Haala kana keessatti dubartoonni ga’umsaan hirmaattota akka ta’aniif hojjetamaa jira. Dimshaashumatti hojiilee kanaan dura xumuruu qabnu amma eegalaa jirra jechuudha.
Paartiilee morkottootaa wajjummaan hojjechuu dandeenyu wajjinis waliigalleera. Torbanuma darbellee paartiilee 10 wajjin waliigaltee mallatteessineerra. Kun ji’oota hafanittis kan ittifufu ta’a. Paartiilee biroo wajjin ammoo falmii ni eegalla, akkasumas haala rakkoo biyyattiitiif furmaata waaraa argamsiisuun danda’amurrattis ni mari’anna.
Qophiin waliigalaa keenya kana fakkaatus ammayyuu hudhaaleen danqaa nutti ta’an jiru. Kanneen keessaas caasaan mootummaa deggarsa barbaachisu taasisuu dhabuun, hanqinni faayinaansii, boordiinumti filannooyyuu sirnaan of ijaaree xumuruu dhabuufi kkfn ni eeramu.
Bariisaa: Miseensonnifi deggartoonni keessan hidhamuun ibsamaa tureeraatii rakkoo kana furuuf hamman tattaafattaniittu?
Jaal Daawud: Miseensonni keenya baay’een ammayyuu hidhaa jiru. Haala amma jiruun hidhamtoonni siyaasaa mana hidhaa jiran miseensota ABO qofa. Fakkeenyaaf Buraayyuu qofatti hidhamtoota siyaasaa Oromoo 108, Finfinneettis 50 oltu jira. Biyyattiitti mana murtii nama tti deeddeebisaa dubbii lafarra harkisuun tooftaadha. Seeraan kan hidhame fakkeessanii, dhiibbaa siyaasaa taasisuutu mul’ata.
Taateen kun waan addaa yoo ta’u, qaama deebii itti kennus hinarganne. Rakkoon kun akka furamuuf Kaawunsilii Hoggantoota Paartiilee Siyaasaa Oromiyaarratti kaasneerra. Kun ajandaa keenya ijoo waan ta’eefis dhimmichi hanga ministira muummeetti dhiyaateera. Kanaafuu haalli akkanaa nuuf gufuu guddaadha. Hidhamanii turuun haa hafuutii jalqabumayyuu hidhamuu hinqaban ture.
Hojiin keenya ittaanu Komishinii Mirga Namoomaa biyyattiitti ol iyyachuudha. Dhimmichi kallattiidhaan waan isa ilaallatuuf hamma yoonaattuu dhaqee hidhamtoota ilaaluu qabaayyu. Kanarra darbees dhaabbilee dhimma mirga namoomaarratti hojjetan hundaaf beeksisuuf jenna.
Yaaliin keenya milkaa’uu dhabee ittuu namni yoo dabalamee hidhame akkam ta’a inni jedhu rakkoo ABO qofa osoo hintaane kan ummata biyyattii hundaati.
Bariisaa: Paartiilee 10 dhiheenyatti waliin hojjechuuf waliigaltan wajjin dhimmi ijoon walitti isin fide maali?
Jaal Daawud: Dhaabbilee kanneen waliin yeroo qabsoos waliin turre. Fknf kan Gaambeellaa, Beenishaangul, Sidaamaa akkasumas, amma kan gara biyyaa hinseenne malee dhaaba ‘Taaxaq Itoophiyaa’ jedhamuufi kanneen biroo wajjin turre. ALA bara 2018ttis paartiilee Itoophiyaa hedduu wajjin Landanitti konfiransii gaggeessinee turre. Kaayyoo ijoon keenyas qabsoo qofaaf walarguu osoo hintaane furmaata waaraa fiduuf rakkoo jirus waliin ilaaluufi furmaata siyaasaa wajjummaan kaa’uudha.
Rakkoon keenya ijoon qaamni gubbaa jiruufi aangoo qabu qofti kallattii siyaasaa kaa’uun rakkoon biyyattii furamuu waan hindandeenyeef kana jijjiiruu barbaanna.
Inni biraa rakkoolee siyaasaa biyyattii keessaa cunqursaa gitaa, mirga nama dhuunfaafi gareetiin walqabatee sochii barattootaa mul’ataa jirurratti paartiilee kanneen waliin yaada walfakkaatu qabna. Akka waliigalaatti rakkooleen Itoophiyaa keessa jiran kan walitti nu hidhan malee adda kan nu fageessan waan hintaaneef waliin hojjechuu filanne.
Bariisaa: Paartiin biraa ABO waliin hojjechuuf fedha qabu yoo jiraate kun gama keessaniin akkamitti ilaalama?
Jaal Daawud: Dhaabni sagantaa siyaasaa keenya fudhateefi itti amane akkasumas, sanada waliigaltee keenyaa fudhatu kamuu dhufuu danda’a. Nutis itti deemnee amansiifnee kan daballu baay’eedha.
Bariisaa: ABUT dhiheenya kana paartiilee biyyattii dhimma federaalizimii qabatanii socho’aniif waamicha taasisee ture. Dhaabni keessan maaliif waamichicha fudhachuu dide?
Jaal Daawud: Akka nutti fakkaatutti, biyya kanatti namni, dhaabni yookiin dhaabbanni kamuu waan barbaaderratti walga’ii waamuu, komii dhiheeffachuufi ummatattis beeksifachuun mirga. Akka isaan jedhanitti waamichichi waamicha biyya fayyisuuti. Mootummaan amma jiru sirna federaalaa biyyattii diigaa jira jedhaniis miidiyaalee garagaraarratti dubbatu.
Maalis ta’u maal ABUT (‘TPLF’) qaama ADWUIti; diigamuu sirna federaalizimii keessattis haalli isaan bilisa itti ta’an hinjiru. Gidduusaaniitti waldhabdeen jiraachuu mala. Sun dhimma keessoosaanii waan ta’eef nuti gidduusaanii seenuu hinbarbaannu.
Kana malees ‘TPLF’ wajjin yeroo dheeraaf waraanarra turre. Rakkoo keenya kana teenyee hinhiikne. Kana fuulduratti teenyee kan hiiknu ta’a. Utuu kun kanaan jiruu ‘TPLF’s ta’u dhaabni biraa haala walitti bu’iinsa biraa hinuumneen qabamuu qaba. Kanaafi, nutis addaddummaa keenya qabannee yaa’icharraa haafne. Rakkoon kun hiikamuu kan qabu nu waliin qofa osoo hintaane mootummaa waliinillee ta’uu mala.
Bariisaa: Dhaabichi “Sirni federaalaizimii diigamee sirnimootummaa waalta’aa lafa qabachuufi” yaada jedhu kaasa. Akka ilaalcha keessanitti dhuguma sirni federaalizimii diigamaa jiraa?
mootummaa waalta’aa lafa qabachuufi” yaada jedhu kaasa. Akka ilaalcha keessanitti dhuguma sirni federaalizimii diigamaa jiraa?
Jaal Daawud: Sodaan akkasii ni mul’ata. Gama mootummaatiin ammoo gara Paartii Badhaadhinaa isa jedhamutti yoo deemne ibsawwan “sirnichi ni eegsifna” jedhan ni ba’u. Kanarratti akka ADWUItti marii waan gaggeessaniifi walitti dhiheenyas waan qabaniif sodaa qaban ibsachuu malu. Nu caalaas keessoosaa beeku waan ta’eef.
Nuti garuu kan amannu ibsa mootummaa sagantaa koo keessa jira jedhuudha. Danbii ittiin bulmaatasaaniis ilaalleerra. Kana keessatti ammoo mirgi garee akka kabajamu ifaan taa’eera. Kanaaf sirna federaalizimii diiguun Itoophiyaa gatiilee guguddoo waan kanfalchiisuuf akka salphaatti akka hindiigamne ni amanna. Hojiirra oolmaansaa hanqina haa qabaatu malee kan aarsaa guddaan itti kanfalameefi Itoophiyaa walitti fiduuf akka riqichaatti gargaaru sirnuma federaalizimii kana jedhee amana dhaabni keenya.
Bariisaa: Dhiheenya kana paartiileen morkattootaa walga’ii Boordii Filannoo Biyyaalessaa waliin adeemsisan utuu irratti walii hingaliin bittinaa’eera. Kanaafis akka sababaatti kan ka’e seera baay’ina miseensotaatiin walqabatee ba’eedha. Baay’ina miseensotaa dabaluu kana ABOn akkamitti ilaala?
Jaal Daawud: Wiixinee seerichaarratti marii taasifnee turre. Wanti yeroos mariirratti ka’e jijjiiramee gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa deemee murtaa’uunsaa komii kaaseera. Akka keenyatti ulaagaa achirra jiru guutuun nu hinrakkisu ta’a. Garuu adeemsiifi sirnisaa isa irratti waliigalame dhiisanii waan biraa itti dabalanii fiduun baay’ina paartiilee morkattootaa hir’isuuf yaadamee kan dhufeedha. Kunimmoo paartiilee hedduu shakkii keessa buuseera.
Dhimmi baay’achuu paartiilee hagas bowwuu ta’uu hinqabu. Innis adeemsa keessa ofiisaayyuu of sirreessaa kan dhufuudha. Kanaaf dhimmichi bilchinaafi obsaan ilaalamee osoo hiikamee gaariidha.
Bariisaa: Haala qabatamaa amma jiruun akkasumas, yeroon hafe gabaabaa ta’uusaatiin walqabatee dhaabni keessan yeroo filannoo kanarratti ejjannoo akkamii qaba? Jaal Daawud: Ejennoon keenya filannoon yeroosaa eeggatee adeemsifamuu qaba kan jedhuudha. Sababnisaa yoo filannoon hinadeemsifamu ta’e ADWUIn waggoota 27f bite ammas ittifufee haa bitu jedhanii beekamtii kennuudha. Sagantaansaas itti haa fufu jechuu ta’a. Kanaaf immoo ADWUIn of jijjiiree humna haaraa ofiin jedheetu dhufe, kunis bu’uura seeraa maaliin itti haa fufu jedhama.
Kanaafuu filannoo kun adeemsifamee yoo xiqqaate waan kan dura turerra kan adda ta’e yoo dhufe ummataafis abdiidha. Dhiibbaan dhaaba humna meeshaafi aangoo siyaasaa qabuun umurii of dheeraffates waan nurraa bu’uuf filannichi yeroosaatti akka adeemsifamu barbaanna.
Bariisaa: Tarii haala qabatamaa amma biyyattiin irra jirtu wajjin walqabatee yoo filannoon kun adeemsifame biyyattiin ittuu diigamti yaaddoon jedhu jira. Kanarra ammoo dheeressuu wayya kanneen jiran jedhuutuu asirratti maal jettu?
Jaal Daawud: Biyya oolchuun gara biyya
diiguu isa caalutti yoo nu geesseewoo? Kanarratti wabii maalii qabna? ADWUIn aangoorra turuusaatiin biyyattiin akka turtuufoo wabii maaliitu jira? Ammas taanaan biyyattii gara diigamuutti geessaa kan jiru isa mataasaati.
Dhimma kanarratti paartiilee hunda waliin mari’atanii yoo filannoon dheerate bu’aa kanatu argama jedhanii ragaa qabatamaan agarsisuufi amansiisaa ta’e fiduu gaafata. Bakka kun hinjirretti maalirra dhaabanneetu haa dheeratu jenna?
Bariisaa: Miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kana dura nagaan ummatatti makamanii turan haala maaliirra jiru? Kanneen bosona jiranoo fuuldureensaanii maali?
Jaal Daawud: Waa’een WBO waa lama. Nuti Asmaraatti waltaanee dhufne. Waggoota 27n darban hariiroon nu gidduu ture hariiroo lolaati. Kana xumurree, nagaadhaan waliin hojjenna. ABOn nagaan gale hojjeta. Mootummaanis dhaabichi sochiisaa gufuu tokko malee akka hojjetuuf ni kabaja kan jedhuudha.
Kana jalatti dhimma waraanaatu ka’a. Waraana kana kanneen humna nageenyaatti dabalamuu danda’an dabaluuf, kanneen ulaagaa sana hinguunnemmoo haalli mijaa’eefi ummatatti makamanii jiraatu. Kanaafis waan isaan dandeesisu mootummaan deggarsa ni taasisa kan jedhuudha. Waliigalteen kun waraana nu waliin Eertiraadhaa dhufe, kanneen bosona jiraniifi ummata keessa jiran kan ilaallatuudha. Kana hojiirra oolchuufis koreen waloo dhaabatee biyya seenne. Fandii kanaaf barbaachisus mootummaan Jarman arjoomee ture.
Mootummaan garuu waliigaltee kana diigee koree waloo waliin ijaarrellee hojjechiisuu didee karaa ofiisaarra deemuu filate. Haala kanaan miseensonni WBO warreen nagaan ummatatti makaman bajata malee akkanumaan faca’aniiru. Kanneen ummata keessa jiran galagalee kan isaan ilaalu hinjiru. Kanneen bosona jiranis sirnaan galuun utuu irra jiruu falmii “hidhannoo hiikkachuu qabu” jedhu kaasan.
Miseensonni immoo akka booji’amaatti qawwee keenya lafa keenyee hingallu jechuun yaada walmormii keessa seenamee dhaabichumayyuu gara biraatti ofuu barbaadan. Booda nuti harka keessaa fudhannee gara dhimma filannootti fuula keenya deebifanne.
Bariisaa: Akkuma waliigalaattuu haala siyaasaa borcamaa fakkaatu amma jiru kana keessatti abdii akkamiitu isinitti mul’ata?
Jaal Daawud: Dhugaa dubbachuuf wantoonni baay’ee nama yaaddessan ni jiru. Kunneenis kanneen amma uumaman osoo hintaane yeroodhaa gara yerootti guddataa kan dhufaniidha. ADWUIn ummata waliin walhudhaa turuunsaa qabsoo ummataatiin akka rukutamu ta’eera. Caasaan bulchiinsaas rukutameera. Kun waan ijaan mul’atuudha. Ammas walitti bu’iinsonni bakkeewwan addaddaatti uumamanii jiru.
Namoonni dhaabicha keessatti ummata miidhaa, boosisaa akkasumas, malaammaltummaadhaan maqaansaanii ka’u rakkoo bulchiinsa gaarii caalu uumuurratti argamu. Kana malees ADWUIn dhaabbilee hedduufi ummata waliin walitti bu’iinsarra ture. Kunimmoo ummataafi humna nageenyaa gidduutti walitti bu’iinsa uumaa jira. Humni addaa, pooliisiifi kkf kanneen jedhaman ummata haalli kamiin qabaa jiru inni jedhu ilaalamuu qaba.
Kana malees walitti bu’iinsawwan ummata gidduutti uumamuuf ittigaafatamaan ADWUIdha. Kanaafis ragaa hedduu dhiheessuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf buqqa’iinsa naannoo Somaaleefi naannawasaatti uumamee tureef ittigaafatamaan caasaa nageenyaafi humna waraanaa dhaabichaati. Dhimma yeroos uumameedha egaa amma biyyarratti qofa osoo hintaane gidduu isaaniittiyyuu waldhabdee kan uume.
Dabalataan ammoo miidiyaaleen mootummaas ta’e kanneen biroo jibba ummata gidduutti facaasuun haalli amma jiru akka uumamu taasisaniiru. Ta’us adeemsaan ni sirrata yaada jedhu qabna.
Bariisaa: Gaaddisi Hoggansa Oromoo dhiheenya hundaa’e sochii akkamii taasisaa jira. Rakkoolee kanneen hiikuufoo waan hojjechuu yaade qabaa?
Jaal Daawud: Nu’iifi ODP gidduutti rakkoo guddaatu ture. Amma xiqqoo tasgabbaa’uunsaa bu’aa gaaddisa kanaati. Gaaddisa kanaan rakkoon nu gidduu jiru guutummaatti hiikamuu baatus mariidhaan sirrataa jira; hariiroon keenyas fayya qabeessa ta’aa deemuun kanumaafi. Ta’us ammayyuu hincimanne. Gaaddisa kana caalaatti yoo itti fayyadamne bu’aa ni fida jennee amanna.
Kanaan ala ajandaawwan hedduu qabanneerra. Haalli nageenya Oromiyaa keessa jiru akkamiin hiikamuu danda’a kan jedhurratti mari’achuuf yaadneerra. Tarii ajandaa kanarratti mari’annee waliigalteerra yoo geenye nageenya Itoophiyaafillee bu’aa olaanaa buusa. Haala gidduutti uumamu beekuu baannus gaaddisicha jalatti mari’achuun hunda keenyaaf bu’aa qaba.
Bariisaa: Akkuma beekamu isin nama siyaasaa beekamtiifi dhageettii qabdaniidha. Kanarraa ka’uunis ittigaafatamni olaanaa isinitti kennamee Foramii ‘Destiny Ethiopia’ keessatti filatamuun ji’oota ja’aaf turtanii jalqabbii gaarii agarsiistaniittu. Turtii keessan akkamiin ibsitu?
Jaal Daawud: Foramichi wantoota fuulduratti Itoophiyaaf ta’anirratti kan mari’atuudha. Achirra dhaabbachuunis dhaabbileen fuulduree qopheeffatan waan hinmalle fidanii akka hindhufne ittisuuf, isa gaarii ta’emmoo hojiirra oolchuuf kan dhaabbateedha. Haala kanaan ji’a Caamsaa bara 2011 irraa kaasee hojiirra kan turre yoo ta’u, bu’aa gaariinis argameera. Kunis maxxanfamee ba’eera; ummataafis ibsameera.
Bariisaa: Namoonni foramicharratti hirmaattan yaadaafi ilaalcha siyaasaa garagaraa kan qabdaniidha. Kun turtii keessan rakkisaa hintaasisnee laata?
Jaal Daawud: Foramicharratti bakka buutonni paartiilee garagaraa, barsiisonni yunvarsiitii, hawaasni siiviikiifi namoonni beekamoon hirmaataniiru. Baay’een keenya wal hinbeeknu, falmiin siyaasaa biyyattii gabbataa miti, akkasumas ilaalchi waliif qabnu gaarii hinturre. Kanaaf jalqabarratti akkamiin adeemna inni jedhu bitaa namatti ta’uunsaa hinoolu. Egaa asirratti hammam addaddummaan jiraatus bifa naamusa qabuun ture kan adeemsifne.
Bariisaa: ADWUIn dhiheenya dhaabbilee deeggartoota ofitti dabaluun Paartii Badhaadhinaa hundeesseera. Asirratti yaada akkamii qabdu?
Jaal Daawud: Dhaabni siyaasaa tokko of maqsuu, bittinneessuu, dhaaba biraa waliin tokkummaa uumuu yookiin adda irraa gara tokkummaatti dhufuuf mirga qaba. Akka biyyattittiis seerri taa’e ni jira. Kanarraa ka’uun murtoosaa ni kabajna. ADWUIn ammoo paartii bulchaa jiru waan ta’eef ittigaafatama heddutu irra jira.
Gabaabaadhumatti waa’ee paartichaa dubbachuuf rakkoon gidduusaaniitti uumame yoo hiikame malee rakkoo baay’ee fiduu danda’a. Seera keessoosaanii haalaan beekuu baannus dhuguma seericha hordofanii tokkoomanii inni jedhu gaaffii tokko. Ta’uu baannaan falmiin biraa gidduusaaniitti ni ka’a. Inni biraan ADWUIn qabeenya bal’aa qaba. Kanarrattis falmiin biraa ka’uuf adeema jechuudha. Kunimmoo caasaa mootummaa godaa hanga gubbaa keessa waan jiraniif gara rakkoo hammaataa birootti geessuun nus ta’u ummata biyyattii tuquu hinoolu sodaa jedhu qabna.
Kana malees paartichi paartii biyya bulcha jiruudha; filannoottis adeemaa jira. Utuu wanti gidduusaatti falmii uumu akkanaa jiruu ba’aa akkanaa ofitti fudhachuunsaa hamma keessa darba sodaa jedhus ni uuma. Yaada ummataas bakka lamatti kan hireedha.
Inni tokko sirna mootummaa tokkoo kan uumu waan ta’eef ni deeggarra kan jedhu yoo ta’u, inni lammataammoo, sirna federaalaa qabsoofneef diiguufi sodaa jedhu uumeera. Akka waliigalaatti walitti makamuusaanii wajjin walqabatee gaaffilee hedduutu deebii barbaada. Kun immoo kan uume paartichi haalaan waan of hinibsineefi sirni federaalaa diigamuu dhabuuf waan amansiisaa ta’e dhiheessuu waan hindandeenyeefi. Kanaaf akka kanaan duraa amantes dhiistes fudhachuu qabdaadhaan gara hidhaatti deemuu dura deebii ga’aa kennuu qaba.
Bariisaa: Kitaaba Ida’amuu Doktar Abiyyiin barreeffamerratti yaada akkamii qabdu?
Jaal Daawud: Kitaabicha dubbiseera, garuu yaada irratti kennuuf falaasamoonni siyaasaa ifa naa hintaane waan jiraniif namoota galeef gaafachaan jira; irra deddeebi’ees dubbisuun qaba. Kanaaf homaa jechuu hindanda’u.
Bariisaa: Ammaan tana biyyattiitti siyaasni qofti afarfamaa waan jiruuf dinagdeen dagatamaa jiraatii kanarratti maal jettu?
Jaal Daawud: Waa’ee dinagdeetiin walqabatee qaala’inni jireenyaa nama baay’ee dararaa jira. Guddinni biyyattiis hudhameera. Wanti hubatamuu qabu siyaasniifi dinagdeen adda ba’uu akka hindandeenyeedha. Haalli nageenyaas ta’e dinagdee biyyattii furmaata kan dhabe waan siyaasni furmaata dhabeefi. Ammas siyaasni biyyattii furmaata osoo hinargatiin waanti biraan ni furama jedhanii yaaduun rakkisaadha.
Bariisaa: Dhumarratti yoo dhaamsa qabaattan?
Jaal Daawud: Nutis ta’u ummanni Itoophiyaa qabsoofi lola nuffinneerra. Ta’us kanneen aangoo siyaasaatti rarraa’a ammallee waan nuffan nutti hinfakkaatu. Kanaaf hundi keenya heerragni keenya aangoo siyaasaa otoo hintaane rakkinni Itoophiyaa keessaa akka furamu hunduu haqaan of kennee akka hojjetuun dhaama.
Saamraawiit Girmaatiin
Suurri Daanyee Abarraatiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
2 Comments to ““Rakkooleen jiran kan walirraa nu fageessan waan hintaaneef waliin hojjechuu filanne” -Jaal Daawud Ibsaa”