Aadaa Oromoo keessatti jaarsi hammatee, bokkuufi eeboociibsee, kan dogoggore gorsee, kan jallate soroorsee, kan dhiiga namaa dhangalaase adabee, kan miidhame waldhaanee ykn waldhaansisee araaraafi qabbana buusuun waanuma jirudha.
Aadaafi duudhaa Oromoo keessatti araara buusuufi jaalala uumuun mala jireenya hawaasummaa ittiin cimsaniidha.Sirna Gadaa keessattis duudhaaleen kunniin eenyummaa ummata Oromoo darana calaqqisiisu. Kanaafuu, jaarsi Oromoo abaaree balleessuu, eebbisee badhaasuu, gorsee araarsuu ni danda’a.
Duudhaan tokkoon tokkoon tarkaanfii Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi keessaa calaqqisus kanumarraa kan maddeedha. Doktar duudhaa Oromoo kanaan durfamuun yeroo aangoosaanii ji’oota 18 lakkoofsise keessatti tarkaanfii gama nageenyaa, siyaasaafi dinagdeetiin fudhataniin qaamolee adda addaarraa badhaasota 19 fudhataniiru.
Keessumaa badhaasni noobeelii 100fan Doktar Abiyyi Ahimad Kibxata darbe Norweey, Oslootti fudhatan agarsiistuu duudhalee nageenyaa, dhiifamaafi jaalalaaf akkasumas ga’umsaafi bilchina waliigalaa geggeessaa cimaan kun akka addunyaatti qaban kan agarsiisuudha.
Badhaasichi duudhaalee kanneeniif abboomamuun qindoominaan waa hunda mo’achuun akka danda’amuufis akka agarsiistuutti kan tajaajiluudha.
Doktar Abiyyi wayita Itoophiyaan gama siyaasaatiin karaa qaxxaamuraarra jirtutti gara hoggansaatti dhufanii jibbaafi haaloo dhabamsiisuun nagaa, jaalalliifi dhiifamni akka dhugoomuuf halkanii guyyaa nuffii tokko malee duudhaa ganamaarraa ka’uun hojjechuusaanii waan hubateef koree badhaasa noobeeliitiin badhaafamaniiru.
Ministirri muummeen bakkawwan deeman hundatti ka’umsaafi maniisaanii nageenya godhachuudhaan lammiileen biyyattii miira jibbiinsaafi haaloo dhabamsiisanii dhimmoota isaan tokkoomsurratti akka xiyyeeffataniif of kennanii hojjechuunsaaniitiin badhaasa dorgomaa danuu qabu kanarra aananiiru.
Hidhamtoota hiikuun, daangaa dimokraasii bal’isuudhaan, addummaa dhaabbilee amantii jidduu ture furuun, jaarmiyaalee nageenya mirkaneessan caasessuufi dameelee biroo danuurratti bu’aalee qabatamoon tattaaffii isaan taasisaniin argamuunis dhimma qalbii koree badhaasa noobeelii dhormateedha (hawateedha).
Badhaasichi hojii hojjetame qofaaf otoo hintaane kanneen gara fuulduraatti hojjetamaniifillee ergaa guddaa kan qabuudha. Dhimmoota irratti waliigalamurratti xiyyeeffannaan akka hojjetamus kan taasisuudha.
Akka isaan jedhanittis, badhaasichi haala gaarii Itoophiyaa addunyaatti agarsiisuufis kan gargaaruudha. Kanaaf waliigaluufi waldhaggeeffachuun jaalala biyyattii guddisuuf carraa gaarii, duudhaa ganamaatiin argameefi fidu kanatti fayyadamuun daran barbaachisaadha.
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
5 Comments to “Badhaasa milkii gaarii fidu”