Ijaarsa indastirii nageenyaa, yunivarsiitiiwwaniif

Biyya kamuu keessatti sadarkaa hundatti nageenya eegsisuun akka filannootti kan dhiyaatu osoo hintaane akka dirqamaatti kan fudhatamuudha.

Jaarraan amma keessa jirru kunis garaagarummaa ilaalcha yaadaa, aadaa, seenaafi afaanii qabnu waliif kabajuun mari’annee furmaatarra geenyuufi waliigaltee biyyaalessaa uumuun biyya ijaarsi sirna dimokiraasii hundee hinsochoonerra dhaabatte bu’uuressinuudha.

Kunimmoo ijaarsi indastirii nageenyaa damee nagaafi tasgabbii, misoomaa, badhaadhinaa, akkasumas qaroominaa ta’uusaa kan agarsiisu waan ta’eef, keessumaa dhaabbilee barnoota olaanaaf murteessaa ta’uurra darbee dirqamaa yoo jedhame dhugaarraa kan fagaate hinta’u.

Gaaffileen bu’uuraa Itoophiyaa keessatti ka’aa jiran garuu, “Dandeettiifi gahumsi, akkasumas ilaalchi dhaabbilee nagaafi tasgabbii eegsisanii ykn kabachiisanii hangam qulqulluudha? Gahumsi hoggantootni garaagarummaa eenyummaa barattootaa hogganuurratti qaban hangam?, Muuxannoon biyyoota Afrikaafi Awuroopaas maal fakkaata?” kanneen jedhaniidha.

Yunivarsiitii Arsiitti Doktar Roobsan Margoo barsiisaafi qorataa garaagarummaa eenyummaa yoo ta’an, sababoota walitti bu’iinsa yunivarsiitiiwwaniifi furmaatasaarratti tibbana Gaazexaa Bariisaaf xiinxala bal’aa kennaniiru.

Haala kanaan irraa caalaan ogeessota barnootaafi qaamoleen nageenyaa rakkoo ilaalchaatiin kan xaxamanii jiran yoo ta’u, gariinsaanii ammoo miseensa daldaltoota siyaasaa ta’uudhaan imaanaa ummatni bal’aan isaanitti kenne dagachuusaanii dubbatu. Barattootnis keessumaa kanneen sadarkaa yunivarsiitiiwwaniitti barachaa jiran muraasni kaayyoosaanii irraanfachuun meeshaa siyaasaa ta’aa dhufaniiru. Kanarraa kan ka’e yunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti walitti bu’iinsi eenyummaarratti xiyyeeffate  kallattiisaa jijjiirrachuun hammaateera; sadarkaa yaaddessaarras gaheera jedhu.

Furmaata waaraa fiduuf ammoo muuxannoon biyyoota Afrikaafi Awuroopaa tokko tokko maal fakkaata? Walitti bu’iinsi barattootaa eenyummaarratti xiyyeeffate Itoophiyaa keessatti qofa mudachaa kan jiru osoo hintaane akkuma addunyaattuu jiraachuusaa yaadachiisu. Akkaataa itti waldhabdeen barattoota yunivarsiitiiwwan Itoophiyaa keessa jiraniifi biyyoota Afrikaa biroo, akkasumas Awuroopaa keessatti furamu garuu garaagarummaa guddaa qabaachuusaa ilaaluun gaariidhaa jedhu.

Barattootni dhaabbilee barnoota olaanaa seenan irra caalaansaanii dargaggoota waan ta’aniif, hawaasni yunivarsiitiiwwaniis ta’e qaamoleen nageenyaa  heddummina eenyummaasaaniif kunuunsaafi eegumsa barbaachisaa ta’e gochuufi qabu. Garaagarummaa eenyummaa barattootaa gidduutti mul’atus dhiphisuuf sirnaan hogganuun murteessaadhaa jedhu.  Biyyoota Afrikaa keessaas Keeniyaafi Afrikaan Kibbaa gama kanaan waan milkaa’aniif fakkeenyummaan kan eeraman ta’uu dubbatu.

Biyyoota Awuroopaa kanneen akka Ispeen, Iskaandiiviyaa, Jarman, Ruusiyaafi Beeljiyeemfaa keessattis hanga har’aattuu walitti bu’iinsi eenyummaarratti xiyyeeffate dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti mudachaa jira kan jedhan Doktar Roobsan, wayita ammaa garuu walta’iinsa ummataafi mootummaatiin daran hir’isuun kan danda’ame ta’uu himu.

Bulchiinsaafi hojii waliigala dhaabbilee barnoota olaanaa biyyoota kanneenii keessatti  hirmaannaan barattootaa guddaa yoo ta’u, ilaachiifi fedhiinsaanii, akkasumas sagaleen barattootaa karaa bakka bu’ootasaanii guutummaatti akka calaqqisiifamu taasifamaa jedhu. Itoophiyaatti garuu faallaa kanaan yaadni barattootaa ukkaamfamaa waan jiruuf madda walitti bu’iinsaa ta’eera; kunis hatattamaan sirreeffamuu kan qabuudha.

Biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa keessatti garaagarummaan eenyummaa akka kennaatti kan fudhatamuudha jedhanii, biyyoota Afrikaa hedduu keessatti garuu akka abaarsaafi cubbuutti fudhatamaa tureera; adeemsa keessa garuu jijjiiramaa jiras jedhu. Garaagarummaa eenyummaarratti xiyyeeffate dhaabuun waan hindanda’amneef, keessumaa yunivarsiitiiwwan keenya keessatti sirnaan hogganuun barbaachisaa ta’uu gorsu. Yeroodhaa yeroottis hubannoo barattootaa gabbisaa deemuun hojii murteessaa akka ta’e hubachiisu.

Waliin jireenya sabootaa, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa bu’uura hinsochoonerra dhaabuuf garuu barnootni sadarkaa hundattuu kennamu ykn baratamu nageenyaafi waliin jireenyasaanii kan cimsu ta’uu qaba. Imaammataafi sirni barnoota biyyattiidhaan bocamee hojiirra oolchaa jiru sirnoota darbanirraa  kaasee hanga har’aatti ijaarsa indastirii nageenyaaf iddoo guddaa hinkennine jedhu. Kunimmoo keessumaa dhalootni har’aa maalummaafi gatii nageenyaa osoo hinbaratiin gara dhaabbilee barnoota olaanaatti akka makaman kan taasise ta’uusaas ibsu.

Sirni barnootaas ta’u imaammatni damee barnootaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu sabootni, sablammootniifi ummattootni Itoophiyaa caalaatti walitti hidhamanii nagaan waliin akka jiraatan kan tumsu miti. Kanarraa kan ka’e ummattootni jaarraa hedduuf nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa turaniifi jiran walhubannaa malee akka walirratti duulan godheera; yunivarsiitiiwwan mootummaa keessattis walitti bu’iinsi eenyummaarratti xiyyeeffate daran akka hammaatu taasisuurratti argama jedhu.

Kana furuuf ammoo mootummaan barnoota ijaarsa nageenyaa imaammataafi sirna barnootaa biyyattii keessatti akka hammatamuuf hojjechuu akka qabu gorsu. Kunis, barnootni nageenyaa jalqabumarraa kaasee sadarkaa kamittuu kennamuu akka qabu kan agarsiisu yoo ta’u, indastirii nageenyaa hundeessuufis tarkaanfii murteessaadha jedhu.

Akka ibsasaaniitti, Itoophiyaa keessatti garaagarummaan ykn heddumminni eenyummaa akka kabajamuuf barnoota sadarkaa 1farraa kaasee barnootni ijaarsa nageenyaa akka kennamu gochuun dirqamadha. Heddummina eenyummaa keessummeessuu jechuunis garaagarummaa aadaa, seenaa, afaanii, duudhaafi ilaalchaa lammiilee biyyattii hunda biratti mul’atan osoo isa tokko isa biraarraa hincaalchisiin madaala tokkorra kaawuun fudhachuu, kabajuufi kabachiisuu danda’uu jechuudha.  

Walitti bu’iinsi dhaabbilee barnoota olaanaa keessumaa yunivarsiitiiwwan keessatti barattoota gidduutti uumamaa jirus hubannoon isaan heddummina eenyummaarratti qaban gadaanaa ta’uusaa kan agarsiisu yoo ta’u, ummatniifi mootummaan walta’insaan hojjechuu akka qaban mul’isa jedhu. Rakkoon biyyattii inni bu’uuraas seenaa Itoophiyaarraa kan madde waan ta’eef murtee siyaasaatiin qajeelchuun dhimma filannoo hinqabne ta’uusaas gorsu.

Kanas yoo ibsan, “Barattootni jalqabumarraa kaasee seenaa qabatama biyya kanaa calaqqisiisu barachaa har’a hingeenye. Waan isaan maatiifi hayyootarraa dhagahaafi barachaa dhufan seenaa eenyummaafi gootummaa saba tokkoo qofa calaqqisiisuutu itti himamaa dhufe malee maalummaafi faayidaa nageenyi heddummina eenyummaa keessaan qabu miti. Kunimmoo barattootni dhaabbilee barnootaa olaanaa keessatti waldanda’anii waliin akka hinbaranneef sababa ijoo ta’uusaa mul’isa” jedhan.

Itoophiyaan saboota, sablamootaafi ummattoota hedduurraa waan uumamteef, yeroo ammaa kan duriirra garaagarummaan eenyummaasaanii akka kabajamuuf fedhiin jiru guddaadha. Sirnootni darban heddummina eenyummaa ummattootaa osoo hinkeessummeessiin ukkaamsaa waan turaniif waliin jireenya ummattootaarratti dhiibbaa uumeeraa jedhu. Sadarkaaa addaddaatti walitti bu’iinsota uumamaa jiraniifis ka’umsa ta’uunsaanii beekamee gara furmaataatti deemuun dirqamadha jedhu.

Dimshaashumatti, walitti bu’iinsi yunivarsiitiiwwan addaddaa keessatti mudachaa jiran yaaddoo biyyattii isa olaanaa ta’aa kan dhufe waan ta’eef,  furmaatni waaraa ijaarsa indastirii nageenyaa qaama dhimmi ilaallatuun imaammataafi sirna barnootaa keessatti bocamee hojiirra ooluu akka qabu hubachiisu.

Barattootni dhaabbilee barnoota olaanaa keessaa barachaa jiranis ta’e dargaggootni marti  garaagarummaa eenyummaa walii waliisaanii akka fudhataniif ykn keessummeessaniif qoodni maatii, ogeessota barnootaa, maanguddootaa, abbootii amantiifi qabeenyaa olaanaa ta’uusaas yaadachiisan.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012

Recommended For You

8 Comments to “Ijaarsa indastirii nageenyaa, yunivarsiitiiwwaniif”

  1. Pingback: barber prahran
  2. Pingback: videos
  3. Pingback: cb tokens

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *