“Duulli Oromoorratti taasifamaa jiru kan Oromoo tokkoomsuudha” -Jaal Qajeelaa Mardaasaa

Biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun haadha saboota hedduu yoo taatu, maqaafi daangaanshii kabajamee  addunyaarratti akka beekamuuf qabsoo hadhaahaafi obsa fixachiisaa ilmaanshii hundi taasisan fakkeenyummaan ka’a.

Keessumaa weerara Xaaliyaanii ofirraa qolachuuf aarsaa qaalii qabsaa’onnishii taasisaniifi bu’aa isaan galmeessisan galmee seenaatu ragaa baha.  

Qabsaa’onni injifannoo cululuqaa Itoophiyaan ittiin boontu galmeessisan hedduunsaanii ilmaan Oromoo ta’anis cunqursaa sirnoonni doofaa sabicharraan gahaa turaniin eenyummaan gootota sabichaa dhokachaa tureera.

Gootota Oromoo hedduu Itoophiyaa har’aatiif bu’uura ta’an keessaa kanneen akka Baalchaa Abbaa Nabsoo (Saafoo), Raas Gugsaa Walee, Fitaawuraarii Gabayyoo Gurmuu, Raas Mikaa’el Alii, Fitaawuraarii Habtagiwoorgis (Qusee) Dinagdee, Abuna Pheexiroos (Magarsaa Badhaasaafaa) eeruun ni danda’ama.

Kun ta’us namoonni seenaa biyyattii barreessina ofiin jedhan dhugaa sabichaa dabsanii barreessuun gootummaa Oromoofi fardeensaanii seenessa sobaatiin ukkaamsaa of gootomsaa turaniiru.

Seenessi sobaa kun akka hafuuf akkasumas walqixxummaan sabootaa akka mirkanaa’uufi ijaarsa sirna federaalizmii lafa qabsiisuuf tattaaffii Oromoofi ilmaan cunqurfamoo taasisaa jiran gufachiisuuf shirri alaa keessaa xaxamaa jiru laayyoo miti.

Wixxirfannaa biyya keessaaf alatti harcaatota adda addaatiin taasifamaa jiru kana Addi Bilisumaa Oromoo (ABOn) akkamitti hubataa jira isa jedhuufi dhimmoota biroorratti gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa Ittigaafatamaa Sabquunnamtii addichaa, Jaal Qajeelee Mardaasaa wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyaata.

Bariisaa: Oromoofis ta’e sabaafi sablammoota birootiif sirni bulchiinsa federaalizmii filatamaadhaa?

Jaal Qajeelaa: Biyya sabaafi sablammiin 76 ol jiru keessatti ijaaramuun sirni federaalizmii filannoo jalqabaati. Sababnisaas sirnichi sabni kamuu bilisummaa barbaada, mirgoota hiree ofii ofiin murteeffachuu, ofiin of bulchuufi qabeenya ofiirratti abboomuu kan kennu waan ta’eef filatamaadha. Sabaafi sablammiileedhaan kan jajjabeeffamudha.

Bariisaa: Sirnichi kanaan dura ijaaramuu dhabuusaatiin Oromoos ta’e saboonni biroo maal miidhaman?

Jaal Qajeelaa: Oromoos ta’e saboonni biroo eenyummaasaanii akka dhaban, afaansaa, aadaasaa, duudhaasaa dhiisee kan biraa akka dhaalu taasifamaa ture.

Kun immoo qorqalbii Oromoof saboota cunqurfamoo jaamsuun sabichi siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaadhaan akka hinguddanne taasise.

Jaaarraa tokkoofi walakkaaf Oromummaan akka yakkaatti lakkaa’amee dirqamaan eenyummaansaa mulqamee kan biraa akka itti fe’amu taasifamaa tureera. Otoo qabsoon hinjiraanne ta’ee silaa yoona lafaa bannee turre.

Bariisaa: Qabsoo hadhaa’aa ilmaan cunqurfamootiin taasifameen sirnoonni nama nyaataafi abbaa irree erga hundeedhaa buqqa’aniin booda federaalizimiin ijaaramee jijjiirama Oromoon barbaadu hinmilkoofnee?

Jaal Qajeelaa: Sirni Federaalizmii jijjiirama sabni cunqursaa jala ture barbaadu milkeessuu keessatti murteessaa ta’us akkaataa barreeffameen hojiitti hiikamuu hindandeenye. Isa kanarraa kan ka’e jijjiiramni hammi tokko jiraatus hanniifi saamichi kanan dura sabicharra qaqqabaa ture bifasaa geeddarachuun dinagdee hawaasaa golgoleessaa ture.

Kana malees sirnichi akkaataa hannaafi saamichaaf mijatutti waan hodhameef guddinni dinagdee, hawaasummaafi siyaasa Oromoo akka quucaru taasisaa tureera.

Bariisaa: Jijjiiramni sirnichaan hamma tokko milkaa’eera jettan kan akkamiiti?

Jaal Qajeelaa: Mirga afaan ofiitiin barachuu, mirga aadaafi duudhaa ofii guddisuu, Naannoon Oromiyaa jedhamtu akka jiraattu taasifamuufaan hojiilee milkaa’ina argataniidha.

Bariisaa: Oromoofi naannoleen biroo mirga qabeenyasaaniirratti murteessuu gonfataniiru jechuun nidanda’amaa?

Jaal Qajeelaa: Maal, eessaa? Sirnichi federaalizmii ta’us qaamni aangoo siyaasaa dhuunfate dinagdee naannolee hunda abbummaan waan hoogganuuf qe’ee ofiirratti abboomuun hindanda’amne.

Dinagdeewwan guguddoon naannoleetti argaman mootummaa federaalaatiin waan hoogganamaniif guddinni naannolee akka quucaru ta’aa tureera. Naannoon aangoo siyaasaa of harka galfatee ture aangoo dahoo godhachuun saamicha guddaa qaqqabsiisee of ijaaraa naannolee biroo miidhaa dinagdeefi hawaasummaatif saaxilaa ture.

Bariisaa: Oromoon warraaqsa siyaasaa hadhaa’aa taasisaa tureen har’a ol jechuu eegaleera. Hojmaata badaa dhabamsiisuun walqixxummaa sabootaa mirkanessuuf sochii taasifamaa jiru akkamiin madaaltu?

Jaal Qajeelaa: Warraaqsa Oromoon taasisaa ture hadhaa’aa, obsa fixachiisaafi rakkisaa ture. Warraqsi kun xumurameera jechuun hindandahamu. Haala mijataa uumame kanatti fayyadamuun Oromoofi Oromiyaa ceessisuun dirqama dhalootaati.

Dimokraasii diriirsuuf yaaliin gama mootummaatiin taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’us haalonni booddeetti harkisoon ilaalcha durii wajjin walxaxan heddummaachuun hawaasa komachiisaa jira. Kunimmoo adeemsa dukkanaa’aa walqixxummaa sabootaa kan hubu waan ta’eef kichuutti cituu qaba.

Bariisaa: Oromoon dimokraasii dhugaa diriirsuun walqixxummaa sabootaa mirkaneessuuf warraaqsa eegalus Oromoon biyya bulchuu hindanda’u ilaalcha  jedhuun siyaasa Oromoo jalaa miila butuuf yaalii taasifamaa jiru  akkamiin ilaaltan?

Jaal Qajeelaa: Oromoon kaleessas har’as qabsaa’aa kan ture mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu, ofiin of bulchuu dhugoomsuufi walqixxummaan sabootaa akka mirkanaa’uufi. Kun ta’us harcaatonni kaleessa hirkattummaafi hannaan of ijaaraa turan haala mijataa dhabuusaaniin siyaasa Oromoorratti duula banaa jiru.

Duulli siyaasa Oromoo dadhabsiisuuf taasifamaa jiru kun biyya keessaafi alatti gaggeeffamaa kan jiru ta’uun ifatti mul’ata.  Yaaliin ajjeechaa xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mohaammadirratti aggaamamellee qaamuma duula Oromoo facaasuuf karoorfameeti.

Kun ta’us aggaammiin Jawaarirra qaqqabe tokkummaan Oromoo ifatti bahee akka mul’atu godheera.

Har’as biyya keessaafi alatti duula maqaa gurraachessuu sirnicha laaffisuuf aggaamame kamuu tokkummaan dura dhaabanna. Dhimmichi dhimma siyaasaa osoo hintaane dhimma Oromummaa waan ta’eef.

Jaarraa 21faa kana keessa sirna dulloomaafi doofaa deebisanii ijaaruuf yaaliin taasifamu kamuu fudhatamaafi deeggarsa sabootaa hinqabu.

Yeroo ammaa saboonni hundi mirga hiree ofii ofiin murteessuu gaafachaafi dhugoomfachaa wayita jiranitti ilaalcha booddeetti harkisaafi dukkanaa’aa durii deebisuuf yaaliin taasifamu gatii hinbaasu.

Kun ta’us Oromoon maaliif aangoo qabate, Oromoon maaliif siyaasaan caalee argame jechuun duulli Oromoorratti banamu kun yoomiyyuu caalaa tokkummaa Oromoo kan cimsuudha.

Bariisaa: Sirnoonni doofaafi moofaa barootaaf ummata Oromoof ilmaan cunqurfamootti ba’aa ta’anii turan Oromoo lagaafi naannawaan qoqqoodaa ergama siyaasasaanii dhokataa milkeeffachaa turuu seenaan ragaa baha. Kun akka hindeebineef maaltu ta’uu qaba jirtu?

Jaal Qajeelaa: Sochiin harcaatota kannrrnii tokkummaa ilmaan Oromoo daran cimsaa jira. Jaarmayaaleen siyaasaa maqaa Oromootiin socho’an hundi waliin hiriiruun hidda ilmaan harcaatuu buqqisuu qabu.

Hamma mirga Oromoo kabachiisuuf warraaqnetti garaagarummaa ilaalcha siyaasaa jiru dhiphisuun olola biyya keessaafi alatti Oromootarratti afarfamaa jiru dhabamsiisuuf walii galleerra.

Bariisaa: Ololli biyya keessaafi alatti Oromoorratti afarfamaa jiru sirna dulloomaa Itoophiyaa durii deebisuuf yaalii taasifamu ta’uu hammam quba qabdu?

Jaal Qajeelaa: Itoophiyaa dulloomtuufi saamtuu durii deebisuuf yaaliin taasifamu abjuudhaan garba daakuudha. Qabsoon ilman cunqurfamootiin jaarraa tokkoofi walakkaaf taasifamaa ture sirna dukkanaahaafi booddeetti harkisaa akkasii dhabamsiisuudha.

Har’a jaarraa 21fa kana keessa saboonni 76 caalan walitti baksuun olaantummaa saba tokkoo ol baasuuf yaaliin taasifamaa jiru abadan laga hincehu.

ABOn jaaramayaalee maqaa Oromootiin qabsoorra jiran mara waliin ta’ee mirgi hiree murteeffannaa Oromoofi kan saboota biroo akka mirkanaa’uuf kutannoodhaan hojjeta.

Dhimma Oromoorratti ejjennoo mootummaan aangoorra jirus ta’e paartiileen morkattootaa maqaa Oromootiin socho’an qabatanii jiran tokko. Kunis faayidaaf abbummaa Oromoo eenyuufuu dabarsinee akka hinkennine waliigalleerra. Isa kana dhugoomsuufis waliin hojjechaa jirra.

Barri ani sii beekaa hafeera. Kan isaaf ta’u abbaatu beeka. Kun ta’us yaaliin olola sobaa afarsuun siyaasa Oromoo dadhabsiisuun sirna doofaa deebisuuf taasifamu fagoo hindeemu.

Bariisaa: Qaamonni sirna dulloomaa durii leellisaniifi deebisanii lubbuu itti horuuf yaalan qeerroo humna jijjiiramaa jedhamu shororkeessaa jechuun maqaa gurraachessaa jiruutii kanarratti maal jettu?

Jaal Qajeelaa: Qeerroon har’a isaan shororkeessaa jechuun maqaa gurraachessan akka isaan har’a gadi bahanii sagaleesaanii dhageessisaniif humna qaanqee dimokraasii isaan agarsiiseedha. Qeerroon humna jijjiiramaa, abdii biyyaa, utubaa lammii, dhadhaabbata dhalootaati.

Humni kun walqixxummaa sabootaa akkasumas nageenya biyyaafi waardiyyaa kan dhabbatuudha malee akka afarsitoonni jedhan miti. Qeerroon alatti Ejjetoon saba Sidaamaaf qabsaahaa ture bu’aa qabsoosaaniis injifannoo mirga abbaa biyyummaasaa qabatamaan mirkaneeffachuu kan dandahe yoo ta’u, qabsaa’uunsaa jeequmsaaf osoo hintaane jijjiirama sabasaatiif waan ta’eef maqichi maqaa shira harcaatotaatiin gurraacha’u miti.

Bariisaa: Harcaatonni sirna dulloomaa durii leellisan kunniin waggoota 27 booda ani nafxanyaadha jecha jedhu akka dhageessisan maaltu isaan onnachiise?

Jaal Qajeelaa: Fedhiin daangaa hinqabu. Ta’us ilmaan harcaatotaa jaarraa tokkoofi walakkaaf boquu ummataatti ba’aa ta’anii turan ija baasanii ani nafxanyaadha akka jedhan kan isaan taasise agarsiistuuwwan adda addaatu jiru.

Inni jalqabaa mootummaan aangoorra jiru sirna barootaaf qorqalbii sabootaa jaamsee olaantummaa saba tokkoo leellisu faarsuun karaa saaqeefiira.

Sirnoota jaarraa tokkoofi walakkaa oliif saboota hiraarsaa harka kutaa, harma muraa, ajjeesaa, biyyaa baasaa turan maqaa dhahanii leellisuun isaan onnachiiseera.

Kan waraane irraanfatus kan waraaname hinirraanfatamu akkuma jedhamu dirmammuu kaleessaa tuttuqaa madaa ummataa babal’isuuf yaaliin taasifamu dhaabachuu qaba.

Bariisaa: Summii leellisni sirnoota durii ummata keessatti facaasan komii kaasaa jiraachuu quba qabduu? Mootummaarraa hoo maaltu eegama?

Jaal Qajeelaa: Keessa uummata bal’aa dhaggeeffachaa deemuun dirqama. Hanga kun hintaanetti harcaatota kaleessa dheengadda cunqursaa gaggeessaa turan faarsuun dhaabachuu qaba.

Sabaafi sblammiileen sirnoota kanaan dhiigaa ture hedduu bakka ta’etti irra deebiin faarsuunis daangaa qabaachuu mala. Dhimma kanaa wajjin walqabatee gaaga’amni dhufu hammaachuu waan danda’uuf daangaa qabaachuu mala.

Bariisaa: Oromoon  warraaqsa siyaasaa injifatee dinagdeetti ceheera jedhamaa jira  dhugaadhaa?

Jaal Qajeelaa: Warraqsi dinagdee milkaa’ina kan argachuu dandahu odeessa afaaniin osoo hintaane dhaabbilee misoomaa guguddoo naannolee harka mootummaa federaalaa jiran naannootti deebisuuni.

Dhaabbileen misoomaa Oromiyaa keessa jiran mootummaa federaalaa jala hanga jiranitti dinagdeen Oromoo fooyya’uu hindandahu.

Kana malees qabeenya naannolee federaalli hoogganuun sirna bulchiinsa dimokiraasii dhugaa kan faallessu waan ta’eef bilisa  yoo bahe warraqsi dinagdee milkaahina argata. Oromoon dinagdeesaarratti abbaa ta’uuf  injifannoo siyaasa harka ofiitti galfate seera qabeessaan hojiitti hiikuun dirqama.

Bariisaa: Walitti makama ADWUI akkamitti ilaaltu? Qaamoleen tokko tokko walitti makamicharratti komii sirna federaalizimii ni dadhabamsiisa jedhu qabuutii asirratti hoo maal jettu?

Jaal Qajeelaa: Komiin kun sodaa sirna gabroomfataa  durii olaantummaan saba tokkoo leellifamaa turetu deebiha jedhurraa madde.

Sochichi sirna durii deebisuufi jedhamee akka shakkamu wanni taasise leellisa mootummaan sirna nama nyaataa duriif taasisuudha.

Kunis olaantummaa saba tokkootiin Itoophiyaa tokkoomte ijaaruufi yaaddoon jedhu babal’achaa jira.

Imaammanni walitti baquu jedhu kunis hanga ammaatti iftoomee waan hinmul’anneef gara sirna duriitti adeemaa jiraachuu mul’isa. Inni kunimmoo deeggarsa sabootaa waan hinqabneef fagoo deemuu hindandahu.

Sabaafi sablammiileen hedduu mirga hiree murteeffannaa gaafachaa kan jiran yoo ta’u, milkaahina sabni Sidaamaa argate sirna baquu sabootaa abdii kan kutachiisuudha.

Bariisaa: Oromoon mirgoota hiree ofii ofiin murteeffachuu, abbaa biyyummaasaafi qabeenya ofiitti  akka ajajuuf eenyurraa maaltu eegama?

Jaal Qajeelaa: ABO dabalatee jaarmiyaaleen siyaasaa maqaa Oromootiin socho’an, qeerroon, mootummaan aangoorra jiru akkasumas humnoonni federaalizmii dhugaaf dhaabbatan duula  farreen federaalizimii biyya keessaafi alatti Oromoorratti bananirratti qabsaa’uun imala jijjiiramaa eegalame kana galmaan gahuun Itoophiyaa hunda keessummeessitu ijaaruuf qabsaa’uutu furmaata.

Bariisaa: Turtii nu wajjin taasistaniif guddaa isin galateeffanna.

Jaal Qajeelaa: Isinis ulfaadhaa.

Waasihun Takileetiin

Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Recommended For You

8 Comments to ““Duulli Oromoorratti taasifamaa jiru kan Oromoo tokkoomsuudha” -Jaal Qajeelaa Mardaasaa”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: w69
  3. Pingback: chobreview.com
  4. Pingback: live chat altogel
  5. Pingback: zbet911
  6. Pingback: cinema rule

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *