Dhalootaaf eeggachuun dubbiin, gochaan, ilaalchaan dantaa dhuunfaa irra dabarsanii egeree dhaloota irratti hojjechuu gaafata. Inni kun ammoo faayidaa dhuunfaan jaamanii dhumiinsi dhalootaa kan itti hindhaga’anme danuun yoo jiraatanillee gartuu isaan keessa yeroof namoota ulfa baasuun akka sirriitti labsan ilaalchisee waan xiqqoo haa ilaallu..
Ulfa baasuun sirriidha mirga eenyuutii? Ulfa baasuun yakka moo miti kan jedhuufi kan kana fakkaatu erga falmiin eegalee wagoota lakkoofsiseera. Haa ta’u iyyuu malee ulfa baasu ilaalchisee dhalootni keenya, sabni keenya maal beekuu qaba kan jedhurratti gabaabumatti haa ilaallu.
Namootni ulfa hinbarbaachisneef keessumaa dargaggoonni kan saaxilaman fiilmota qullaa namaa argisiisaniifi saalfii tokko malee hojii qunnamtii saalaa raawwatamu interneeta irratti maxxansaman do’achuun akka ta’e hubachuun nama hin dhibu. Dargaggootni of qabuun akka dubbii Waaqayyootti of eeggachuun akka hinjiraanneef sababa ta’aa jira. Fakkeenyaaf qoratnoo Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) bara 1992 (ALA) godheetti addunyaa kana irraa guyyaa tokko qofatti qunnamtii saalaa miliyoona 100tu ta’a. Isa kana irraa kan ka’e guyyaa tokkotti ulfa kuma 910tu uumama. Ulfa uumaman kana keessaa dhibbantaa 50 karooraa ala yommuu ta’u dhibbantaan 25 ammoo ulfa hinbarbaachisne jedhamee beekama. Kanaaf guyyaa tokkotti addunyaa kana irraa ulfa kuma 150 oltu baafama. Dhiigni daa’imman danuu lola’aa oola. Sababa kanaaf hanga ammaatti mucooliin miliyoona 100 ta’an ajjeefamaniiru. Yeroo ammaa immoo inni kun daran ni caala. Kun waggaa muraasa dura waan ta’eef har’a immoo baay’ee caalee jira. Gochi kunis mirga jiraachuu ilmaan namootaa kan sarbe akka ta’e argina.
Namootni sababoota garaagaraa irratti hundaa’uudhaan mucaa gadameessa keessaa guddina dhorkuun ajjeesu. Sababootni kunis namoota baayyeedhaaf karaa ta’uun ulfa baasuun akka seeraa qabeessa ta’ee heeyyamamuuf biyyoota heedduu gargaareera. Bu’urri falmii kanaas kanneen akka ulfa hin barbaachisnee, qaamafi sammuu haadhaa irratti ulfi sun miidhaa ni geessisa jedhamee yoo tilmaamame, mucaan dhalatu hir’ina qaamaa ni qabaata jedhamee yoo shakkamu, ulfa gudeedamuu irran ka’ee uumamee, fira irraa ulfaa’uu, dhiibba hawaasummaafi diinagdee kan jedhaman jiru. Isaan kana sababeeffachuun ulfa baasuun akka dandaa’amu kan falman ni jiru.
Ulfa baasuu ilaalchisee tarii gaaffii garaa garaa qabaachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, dubartiin karoora malee ulfoofte tokko da’uudhaaf ni dirqisiifamtii? Mucaan durbaa humnaan gudeedamte ykn fira ishee irraa ulfoofte tokko irraa baasuun gaarii mitii? Kan jedhuu fi kan kana fakkaatan qabaachuu dandeenya. Gaaffiilee kana miira keenya qofaan yoo ilaallu deggeruu dandeenya. Kanaaf furmaatni ulficha baasuu qofaadha jennee yaaduu dandeenya. Garuu wanti beekuu qabnu biyya lafaa ajjeechaan guute kana keessatti hanga dandaa’ametti dhiiga dhangalaasuu irraa of qoqqobbachuun barbaachisaadha. Sababoota ittiin addunyaan kun daa’imman hin dhalatin ajjeesuudhaaf ulaagaalee kenneef hordofuun dongongora.
Yeroo tokko tokko namootni sababa hiyyummaa, gudeeddii ykn yakka garaagaraa irraan kan ka’e ulfi tokko hinbarbaachisu kan jedhanis ni jiru. Gudeeddiin ykn yakki dubartootarra ga’u mirga dubartootaa sarbuu, maqa balleessii, yeelloofi kkf ishee saaxiluu ni danda’a. Isa kana jalaa ba’uuf gara ulfa baasisuutti yaada ishee hiruu dandeessi. Akka ragaan mana yaalaa tokko tokko mul’isutti immoo dubartootni ulfa hin barbaachisne baasan ijoollota shamarran umurii dargaggummaa irra jiraniifi utuu hin heerumin karoora malee ulfa’anii dha. Ulfi kun ammoo gudeeddiin akka hin taane ragaan ni mul’isa. Shamarran dhimma gudeeddiitiin mana murtiitti dhihaatan 4, 500 keessaa kan ulfa’an akka hin jirre argisiisa. Waggoota muraasaan dura dhimma gudeeddiitiif ulfa uumaman baasuun akka furmaata tokkootti ilaalamaa ture. Haa ta’u malee gudeediitiin ulfi uumamu baay’ee akka hintaane argina.
Yeroo tokko tokko ulfa baasuun hiyyummaadhaaf qoricha jedhamee yaadama ta’a. Inni kun garuu namoota hiyyummaa keessa jiraataniif keessumaa biyyoota kan akka Afriikaa rakkina hamaa keessa kan galchuudha. Sababiin isaa namoonni ulfa baasuutiif horii guddaa dhangalaasu. Namootni xiqqoon mana yaalaa qaban karaa isaan ittiin durooman ta’uu danda’a. Hiyyeessotaaf garuu ulfa dhorkuu malee ulfa baasuun furmaata hin ta’u. Darbees namootni ulfa baasuu akka mala ittisa da’umsaatti ilaaluu hinqaban. Karoora isaanii ala haati manaa yoo ulfoofte, kennaa Waaqayyoo ta’uusaa beekanii fudhatanii guddifachuu danda’uu qabu. Kanaachi da’umsa ittisna jedhanii ulfa sana yoo baasan fuula Waaqayyoo durattis, fuula seeraa durattis ajjeechaadha. Ajjeechaan immoo yakka.
Kana qofas utuu hin ta’in ulfa baasuun miidhaa heedduu ni qabaata. Ala tokko namni ‘Gwendolyn Brooks’ jedhamtu“Ulfa baaste yoom iyyuu hinhirraanfattu. Mucaa argachuun sirra turee dhabde ni yaadatta. Barruu mucaa xiqqoo, rifeensa mataa irraa hin qabnee…mucaa silaa guddatee quba hodhaa deemtu dhabuun hin dagatamu” jette. Sababa ulfa baasuun xiin-sammuu (Psychology) haadhotii hedduu ni miidhama. Yeroo baayyee haadhotiin ulfa baasan jeequmsa, aarii, nagaa dhabuu fi abdii dhabuutu itti dhagaa’ama. Keessumaa akka nama lubbuu balleesseetti sababii of lakka’aniif himata eenyuu iyyuu malee ofii isaaniitti yakka muraa jiraatu. Gara fuula duraattis dhabduu ta’anii waan hafan sababii itti fakkaatuf ni dhiphatu. Akka haadha gaarii ijoollee isaanii sirriitti guddifatanittis of hin yaadan. Dhuma irratti dhiphina guddaa irraan kan ka’e gara lubbuu isaanii balleessuutti adeemuu danda’u.
Namootni duraan dursanii yeroo ulfa baasuuf kaayyeffatan waan boqonnaa argatan itti fakkaata. Garuu akka namni Nawey Michel jedhamu dubbatuutti haadhotiin erga ulfa of irraa baasanii booda boqonnaa argatu utuu hin ta’in dhiphina yeroo ulfi sun jiru caalaa akka miidhaman dubbata. Ulfa sana baasuudhaan rakkina ishee jalaa waan furamte yoo itti fakkaateyyuu waa’ee lubbuu bade sanaaf baay’ee itti dhaga’ama. Sodaa, aariifi yakkamoo ta’uu isaaniitu boqonnaa isaan dhowwa. Kanatti dabalataan, haadhotiin ulfa of irraa baasan, yoo abbaa manaa qabaatan abbaan manaa isaanii ba’uu ulfa kanaa irratti walii hin galle yoo ta’e, abbaa manaa isaanii irraa kabaja dhabu. Mana warra isaanii jiru yoo ta’e immoo, maatiifi hawaasa isaanii irraa kabajafi fudhatama waan hin arganneef, yaadaan dhiphachuu irra darbee gara lubbuu isaanii balleessuutti tarkaanfii fudhachuu danda’u.
Caalaatti immoo ulfa baasuun dhala dhabuu danda’u. Yeroo ulfa baasan meeshaan ittiin fayyadaman gadameessa haadhaa miidhuudhaan itti fufiinsa firii kennuu gadameessa sanaa irratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Haadholiin dhala dhabanii hafan tokko tokko yeroo mari’achiifaman seenaa kanaan dura dabarsan keessatti akka ulfa of irraa baasanii turanitti dubbatu. Akka ogeessotni fayyaa jedhanitti yeroo ulfa baasan sababii mormi gadameesaa miidhamuuf mucaa kanaan booda dhalatu irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a. Kanaafuu carraan dhala dhabuu haadholii kanaan dura shaakallii ulfa baasuu qaban, kanaan dura warra ulfa hin baafnee caalaa bal’aa dha. Darbees ulfa baasuun lubbuu haadhaa irratti miidhaa guddaa ni qabaata. Ala tokko barreessaan hin beekamne tokko “…,ulfa baasuun dhukkubsatanii gara mana yaalaa kan dhufan keessaa fayyanii kan ba’an walakkaa qofa” jedhe.
Kanaaf, haadhotii ulfa baasuun du’aa jiraniif eeggannaa gochuun barbaachisaa dha. Darbees haadhota ulfa baasuun booda gargaarsa addaa dhabuun du’an biyyoota guddataa jiran kan akka Afriikaa keessatti gabaasni isaanii hin argamu. Ulfa baasuun lubbuu mucaa badu sana qofa irratti miidhaa qabaata osoo hin taane dubartii ulfa of irraa baafte irrattis miidhaa cimaa sababii qabaatuuf, yeroo dhimmi mirga dhala namaa ka’u, addumaan immoo ulfa baasuun mirga yeroo jennu lubbuun namoota baayyee baduuf akka itti gaafatamnu beekuun barbaachisaadha.
Sababiinsaa daa’imni garaa keessaa nama lubbuu qabuudha. Guddatees nama ga’eessa waan ta’uuf, ilaalcha nuyi ulfa baasuu irratti qabnu jijjiiramuu mala.
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012
9 Comments to “Dhaloota boriif haa eeggannu”