Akaadaamichi madda ispoorteessitootaa ta’aa jira

Adaamaa: Biyya teenyatti yeroo dhihoodhaa as dhaabbilee leenjiiwwan ispoortii adda addaa keenaa jiran keessaa tokko kan ta’e Akkaadaamiin Leenjii Ispoortii Dargaggoota Itoophiyaa isa tokko.

Akkaadaamichi bara 2006 irraa kaasee dargaggoota guddatoota umrii 15 gadi ta’an waggaa waggaadhaan filachuudhaan akaakuuwwan ispoortii  10n leenjisaa jira. Akkaadaamichi leenjii kana kennaa kan jiru ogeeyyota piroofeeshinaaloota ispoortiiwwan kanneen muuxannoo olaanaa qabaniin yoo ta’u, bu’aa olaanaas argamsiisaa jira.

Piroofeeshinaalonni kunneenis yeroo yeroodhaan ogeessota dhaabbilee ispoortii biyyattii keessaaf simpooziyeemii ispoortii qopheessee muuxannoowwan qaban waggaa waggaadhaan kennaa turaniiru. Baranas guyyoota lamaaf kaleessaafi dheengadda Adaamaatti kennameera.

Leenjii kanarrattis wiirtuulee leenjii ispoortii atileetiksi Xirunash Dibaabaa, Boqojjiifi Hagara Salaam dabalate  federeeshinoonni biyyaalessaa, kilaboonni, leenjistoonni ispoortiiwwan  adda addaa  hirmaataniiru. 

Guyyaa leenjiin kun itti eegalame akkaadaamichi maal hojjechaa akka jiru ilaalchisuudhaan ogeessota tokko tokko haasofisiisneerra.

Daarektarri itaanaan akaadaamichaa, Obbo Waldagabrel Mazgabuu akka ibsanitti, akaadaamichi misooma ispoortiif xiyyeeffannaa guddaa kennee yeroo gabaabaa keessatti ogeeyyonni ispoortii biyya keessaafi alatti leenji’aniifi muuxannoo qaban itti makamuun ammaan tana haala gaariidhaan dargaggoonni leenji’aa jiru.

Kanaan dura rakkina giddugala leenjiiwwaniin kan ka’e ispoortiin quucaraa turuus ibsanii, ammaan tana akaadaamicha burqaa ispoorteessitootaa ta’uusaan  rakkinni ni furama jedhu.

 Haaluma kanaan dargaggoonni  Akaadaamichaa leenji’anii bahan kilaboota adda addaa keessatti ramadamuudhaan garee biyyaalessaatiif filatamuun sadarkaa biyyoolessaatti meedaaliyaawwan warqii, meetifi nahaasaa argamsiisaa jiraachuu dubataniiru.

Keesumaa  Itoophiyaan kanaan dura akaakuuwwan ispoortiiwwan ittin hinbeekamne, Judoo, Tekuwaandoo, Wushuu, fiigicha gabaabaafi utaalcha ol ka’aan sadarkaa shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi olompikiitti meedaaliyaa argachaa kan jirtu ispoorteessitoota firiiwwan akaadaamichaatiini jedhu.

Leenjisaa piroofeeshinaalaa Obbo Fiqaaduu Mangistuu akka ibsanitti, kanaan dura leenjin kennamaa kan ture muuxannoodhaan ture. Wayita san biyyattiin qabxii olaanaa kan qabdu olompikiifi shaampiyoonaawwan atileetiksiitiini.

Bakka piroofeeshinaalonni hinjireetti qabxii akkanaa argachuun bu’aa ba’ii olaanaa kan muldhisuudha. Bakka meeshaan ispoortii ammayyaa hinjirretti addunyaarratti beekamuun cimina olaanaa kan gaafatu waan ta’eef warreen achin nu’gahan kanneenif kabaja olaanaan qaba jedhan.

Haata’u malee addunyaan ammaan tana leenjiiwwan aadaa dhiisanii karaa saayinsaawa ta’etti fayadamaa waan jiraniif akaadaamiiwwan ispoortii keessatti leenjistoota piroofeeshinaalotaa  fayyadamun  barbaachisaadha jedhu.

Pirojektii  Wiirtuu Leenjii Kubbaa Miilaa Amboorraa kan hirmaatan Obbo Daawit Biraanuu akka jedhanitti, ammaan tana federeeshinonni ispoortiiwwan adda addaa hogganan leenjii ammayyaatti fayyadamuun dargaggoota beekamoota horachuuf rakkina guddaadhaan xaxamaa jiru.

Karaa tokkoon ogeesoonni piroofeeshinaalonni kilaboota bira gahuf birokiraasiin halaalatti ittisa. Karaa biraatiin iddoowwan oolmaa ispoortii, keessumaa dirreewwan ispoortiif misha ta’an baayi’inaan waan hinjirreefi kanneen jiranis haroomaa ba’uusaaniitti kilaboonni abdii kutachuudhaan baay’eensaanii diigamaa jiru.

Akkasumas leenjiin kan kenamu atileetota (ispoorteessitoota) kanaan dura  turaniif waan ta’eef dargaggoota guddattootaafi dargaggoonni dandeettii qaban iddoo tokkotti fidduudhaan leenjisuuf humni maalaqaa waan hin jirref ispoorticharratti rakina guddaa uumera jedhu.

Federeeshinonni qabxii fiduuf malee dargaggoota guddatootaaf ilaalchi qaban dadhabaadha kan jedhan ammoo Obbo Fiqaaduu  Yilmaa, leenjisaa  garee atileetiksi Akaadaamii Ispoortii Dargaggoota Itoophiyaati.

Leenjiin kennamuu kan qabu iddoo tokko qofatti osoo hin ta’in bakka atileetonni jiran marattu ta’uu qaba. Kilaboonni atileetiksii wayita shaampiyoonaawwan Itoophiyaa adeemsifaman qofa dhihaatanii atileetota meedaaliyaa argatan adamsanii fudhachuurra naannoleetti gaddi bu’anii gargaaru qabu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012

Recommended For You

3 Comments to “Akaadaamichi madda ispoorteessitootaa ta’aa jira”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *