Walmorkiiwwan waancaa magaalota naannolee

Finfinnee: Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa magaalotaa jedhamuudhaan osoo shaampiyoonaan liigii piriimeerii Itoophiyaa hin jalqabamiin magaalota naannolee adda addaatti gaggeeffamaa tureera.

Baranas magaalota Adaamaa, Maqalee Finfinneefi Hawaasaatti adeemsifameera. Walmorkiiwwan magaalaa Adaamaafi Maqaleetti adeemsifamaa turan kan xumuraman yoo ta’u, kan Finfinneefi Hawaasaa ammoo adeemsifamaatuma akka jiru sagantaa qophaa’erraa hubachuun danda’ameera.

Walmorkii waancaa kubbaa miilaa Adaamaatti adeemsifamerratti kilaboonni Kibbaa affeeraman Hawaasaafi Hadiyyaa Hosaa’inaa waancaaf dhaqqabanii Hawaasaan 1-0n mo’achuudhaan waancaa fudhateera.

Akkasumas tapha Maqaleetti adeemsifameenis kilabonni Kibbaa  Bunni Sidaamaafi Walaayitaa Dichaan tapha maaheessaaf walarganii Bunni Sidaamaa 1-0n mo’achuudhaan waancaawwan lameenuu naannoo Ummattoota Kibbaatti galeera.

Yeroo 14ffaaf kan qophaa’e waancaan kubbaa miilaa magaalaa Finfinnee ammoo boru tapha Qiddus Giyoorgisiifi Oromiyaarraa kan affeerame Magaalaa Sabbataa jidduutti gaggeefamuun  xumurama  jedhameeti eeggama.

Qiddus Giyoorgis waancaaf kan dhihaate dheengada Buna Itoophiyaa 2-0n mo’achuun yoo ta’u, magaalaan Sabbataa ammoo Humna Ibsaa mo’achuudhaan dhiyaachuusaa kan yaadatamuudha.

Walmorkiin waancaa kilaboota olaanaa Kibbaa kan barana “Waancaa Nageenyaa” jedhamuun gaggeeffamuu ammoo kaleessa waaree booddee Istaadiyooma Hawaasaatti jalqabameera.

Kaayyoon walmorkiinwwan kunneen itti adeemsifamaniif shaampiyoonaan liigii piriimeerii Itoophiyaa osoo hinjalqabamiin dura kilaboonni naannolee ejjennoosaanii akka safarataniif kan yaadamedha. Wayita walmorkiiwwan kunneen gaggeeffaman taphattootas ta’u deggartoota jiddutti akka kanaan duraa walitti bu’insa tokkoo malee akka xumuramuuf karoorfameera.

Kanaanis kilaboonni naannolee affeeramuudhaan walmorkii kanarratti wayita hirmaatan rakkoolee  nageenyaa asiin dura deggartoota jidduutti muldhatu kan salphisu waan ta’eef,  walitti dhufeenya dargaggootaa cimsuurra darbee riqicha ta’a jedhameeti abdatama.

Walmorkiiwwan kunneen wayita gaggeeffamaa turan dargaggoota hirmaatotaafi deggartoota isaanii jidduutti rakkoon nageenyaa osoo hin muldhatiin xumuramuusaaniitti ummanni keenyas itti gammadeera.

Kunimmoo haala kanaan itti fufnaan waggootan darban wayita shaampiyoonaawwan adda addaa gaggeeffaman  istaadiyoomonni kubbaa miilaa dirree waraanaa fakkaachaa turan  barana tasgabbiidhaan  adeemsifamu abdii jedhu namatti horuu danda’eera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

4 Comments to “Walmorkiiwwan waancaa magaalota naannolee”

  1. Pingback: sunwin tài xỉu
  2. Pingback: hihuay
  3. Pingback: b52 club
  4. Pingback: Ford Everest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *