- Sababa ‘Fuzariyemiitiin’ omishni baranaa hir’ateera
Qoshee: Yeroo ammaa gabaa irratti gatiin mi’eessitootaa kan durii caalaa dabalaa jiraachuutu himama. Keessattuu mi’eessitootni akka Barbaree immoo gabaarratti hir’achaa dhufuusaanii irraa kan madde yeroo hedduu wantoota garaa garaa kanneen akka qalama diimaafi qaama namaatiif miidhaa qabaniin walitti makamee gurguramaa jiraachuunis bal’inaan kan mul’atuudha.
Iddoowwan omisha barbareetiin beekkamaniifi barbaree foolii gaarii qabu omishan keessaa ishee tokko kan taate Aanaan Maaraqoo, waggoottan shanan darbaniif omishni barbaree bifa dur hinbaramneen hir’achaa dhufuusaa Waajjirri Qonnaafi Qabeenya Uumamaa aanichaa ibseera.
Aanichatti barana lafti hektaara 860 ta’u sanyii barbareetiin uwwifamuu kan himan waajjirichatti dursaan garee kuduraafi muduraa Obbo Maasrashaa Asaffaa, omishtummaansaa garuu kan waggoota shanan darban mul’ataa ture caalaa bara kanatti gadi bu’uusaa dubbataniiru.
Bara darbe hektaara tokkorraa hanga kuntaala 14 omishuun kan danda’ame ta’uu kan himan Obbo Masrashaan, barana garuu hektaara tokkorraa kuntaala sagal caalaa omishuun waan hin yaadamne ta’uu ibsan.
Akka ibsa Obbo Masrashaatti, dhibeen sanyii barbaree kana miidhaa jiru yeroorraa yerootti dabalaa dhufuunsaa hir’ina omishichaatiif sababa guddaa yemmuu ta’u, keessattuu yeroo ammaatti yaaddeessaa kan ta’e dhibee vaayirasii ‘Fuzaariyaa’ jedhamurraa dhufuudha.
Haala dhibeen kun itti to’atamuu danda’urratti sektaroota sadarkaa gandaa hanga naannichaatti jiraniif iyyannoo galfatanis bu’aan hanga ammaatti argame waan hinjirreef aanaan omisha barbareetiin akka biyyaatti beekamtu yeroo ammaa filannoowwan biraa barbaaddachaa jirti.
Gosoota sanyii barbaree dhukkuba kana dandamachuu danda’an keessaa inni tokko sanyii ‘imaadoo’ jedhamu qonnaan bulaan akka fayyadamuuf eeruun dhihaate jiraatus, sanyiin kunis osoo yaalii keessaa hinbahiin gubatee badeera.
Yeroo ammaa qonnaan bulaan aanichaa lafa kanaan dura omisha barbareetiif oolchaa ture sababuma kanaan gara sanyiiwwan biroo omishuutti galaa kan jiru ta’uus ibsaniiru.
Maaraqotti aanee iddoon omisha barbareetiin beekamtii qabu naannoma Kibbaa keessatti kan argamu godina Halaabaa ta’uun ni beekama.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012
5 Comments to “Aanaa Maaraqootti lafti hektaarri 860 ta’u barbareen uwwifameera”