Murtichi murtii nagaqabeessa ta’ee akka xumuramuuf

Dhimmoota hoggansa mootummaa jijjiiramaa Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamuun xiyyeeffannaa cimaa argatee irratti hojjetamaa jiran keessaa tokko waa’ee gaaffii ofiin of bulchuu saba Sidaamaati.

Godinni Sidaamaa ammaan tana Naannoo Ummatoota Kibbaa jalatti bulaa jiru aanaalee 36fi gandoota 566 qaba. Baay’inni Sidaamaa kan Naannoo Hararii, Affaar, Beenishaangul Gumuziifi Gaambeellaa waliin walbira qabamee yoo ilaalame harka lamaan ykn sadiin caala.

Ummatni Sidaamaa bulchiinsa mataasaa sadarkaa naannootti hundeeffachuuf waggoota 130 kan qabsaa’e yoo ta’u, keessumaa ammoo waggoota shanii as irra deddeebiin gaaffiin kana dhiyeessaa tureera.

Akka dhimmamtoonni sabichaa tokko tokko jedhanitti, ummatni Sidaamaa akka naannootti hundaa’ee ofiin of bulchaa waan hinturreef, misooma siyaas-dinagdeerraa fayyadamummaasaa haala walqixa ta’een mirkaneeffachaa hinturre. Dandeettii raawwachiisummaa hoggansa siyaasaas akka laafu taasifameeras. Boora’uu nageenyaafi dhabiinsa tasgabbiitiifis ulaa baneera.

Egaa ummanni akka biyya keenyaatti heddummina sabootasaatiin sadarkaa shanaffaarratti argamu kun gaaffiisaa naannoo ta’ee ofiin of bulchuu waggoota dheeraaf qaamolee kanaan dura biyya bulchaa turaniif dhiyeessaa turus jalaa ukkaamfamaati ture.

Mootummaa jijjiiramaa kanaaf galanni haa ta’uutii amma garuu haaluma gaaffiilee kuufamoo adda addaatiif toora tooraan deebii kennuuf karoorfatee hojjetaa jiruun dhimma ofiin of bulchuu ummata Sidaamaatiif deebii kennuuf waadaa seenameen waadichi kabajamee, adeemsa akka raawwachiisuufis boordii filannoo biyyaalessaatiif hojmaneen kennamee guyyaan sagaleen ummataa itti kennamuf Sadaasni 10 bara 2012 eegamaa jira.

Akka Boordiin Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsetti galmeessi kenniinsa sagalee ummataaf kanaaf guyyoota darbaniif adeemsifamaa tures har’a haala milkaa’ina qabuun xumurameera.

Akkuma sirni galmeessa kennitoota sagalee haala nagaqabeessa ta’een adeemsifamaa turetti, nageenyi guyyaa sagaleen ittti kennamuus akka mirkanaa’uuf qindoominni qaamolee nageenyaa maanguddootaa, abbootii amantiifi ejjettoo daran murteessaadha. Bu’aan sagalee kennamee maalis ta’e maal amananii fudhachuun dhimma qaamolee hundarraa eegamuudha.

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

15 Comments to “Murtichi murtii nagaqabeessa ta’ee akka xumuramuuf”

  1. Pingback: Thai Massage
  2. Pingback: Saphir Thailand
  3. Pingback: tiger126
  4. Pingback: nutrition
  5. Pingback: superpg1688
  6. Pingback: pigspin
  7. Pingback: 123moviesfree

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *