Dhaabbatichi rakkoo bulchiinsa gaarii xiyyeeffannaan hordofuu qaba

Abbummaan aangoo ummata Itoophiyaa akkasumas qabsoo dhugaa birmadummaa  seeraatiif  waggoota dheeraaf taasifameen miidhaawwan bulchiinsaa lammiileerratti maal na dhibdeedhaan raawwataman sirreessuuf  hojmaata si’aayaa diriirsuun dhimma yeroon gaafatu waan ta’eef Dhaabbanni Abbagaar (‘Ombudsman’) labsiidhaan bara 1992 hundaa’e.

Kana malees hojiin qaamoleen raawwachiistuu mootummaa raawwatan walitti hidhamiinsaafi mirgoota jireenya guyyuu lammiilee wajjin haala walitti hidhameen aangoon murteessummaasaanii guddataafi bal’ataa waan dhufeef,
adeemsa kanaan murtiiwwaniifi ajajawwan haqaqabeessa hintaane qaamolee raawwachiistuu mootummaafi qondaaltonnisaanii dabarsan miidhaa akka hinqaqqabsiisneef ittisuuf  ykn  sirreessuuf hundaa’uun dhaabbatichaa barbaachisaa waan ta’eef hundaa’e.

Hunda caalaa lammiileen badii bulchiinsa irratti raawwatameen miidhaaf saaxilamanii hafuurra karaa salphaa ta’een komii dhiyeeffatanii itti dhaggeeffataman, furmaata akka argatan gochuuf dhaabbatichi akka hundeeffamu taasifame.

Seera tumtuun akka bakka bu’ummaasaatti qaamni raawwachiistuu seeraa bu’uura seeraatiin kan raawwatuufi murtiileen  bulchiinsi  kennu kan mirgoota lammiilee hinsarbine ta’uu mirkaneessuuf dhaabbatichi dirqama waan qabuuf guutamaa ta’uu baatus sochii gochaa tureera.

Dhaabbatichi mataduree, “Mirga Guutuu Hundaaf’’ jedhuun Onkoloolessa 13 bara 2012 guyyaa bulchinsa gaarii sadarkaa biyyaalessaatti mariiwwan adda addaatiin kabajee ooleera.

Marii kanarratti argamuun haasawa kan taasisan ittaantuu afyaa’ii  Mana Marii  Bakka Bu’oota Ummataa Aadde Shittaayee  Minaalee akka ibsanitti, mootummaan federaalaa dhaabbilee ummataa adda addaa hundeessuudhaan rakkina hawaasa keenyaa dhiheenyatti akka to’atan gochaa akka jiru addeessan.

Haaluma kanaan Dhaabbanni Abbagaar Itoophiyaa rakkinoota hawaasa qunnaman yeroo yeroodhaan dhiheenyatti dhaggeeffachuudhaan qaamoleen dhimmichi ilaallatutti dhiheessee fiixaan ba’insasaa to’achaa jira jechuudhaan muldhiseera.

Marii kanarratti miseensonni mana marichaa abbootiin amantii, bakka bu’oonni dhaabbilee adda addaafi paartiileen morkattootaa argaman kanarratti haasawa kan taasisan daarektarri Abbagaar  Itoophiyaa, Doktor Indaalaa Hayilee akka  ibsanitti, guyyichi guyyoota sadarkkaa biyyaalessaatti kabajaman hunda caalaa olaanaadha.

Dhaabbatichi kaayyoon hundeeffameef qaamoleen dimokraatawaan  haala qabatamaadhaan  seera mootummaan baase  sirnaan fiixan baasuufi dhiisuusaanii hordofuuuf ta’uu eeranii, olaantummaa seeraa eegsiisuufis  ittigaafatamummaa bahachuuf yeroo kamuu caalaa kutattummaan hojjetaa jirra jedhan.

Biyyaa keenyattis ta’u sadarkaa biyyoolessaatti dhimmoota adda addaa bu’uureffachuudhaan guyyoonni ayyaanaa kabajamuun baratamaadha kan jedhan Doktor Indaalaan, guyyicha caljedhamee kabaju qofa osoo hinta’in ajandaalee qabxii gaarii fidanirratti xiyyeeffachuun hubannoo argamsiisuudha jedhu.

Bu’uuruma kanaan guyyoota ayyaannooni itti kabajaman kanneen murteessuudhaan dhimmoota qabxiiwwan gaarii argamsiisan galmeessuun danda’ameera jedhan.

Walta’insa hundaa kan gaafatu dhimmi bulchiisa gaarii  ummata biyya keenyaatiif murteessaa ta’uusaattisadarkaa biyyaaleessaatti dhimma abbagaariin walqabatee guyyaansaa murtaa’ee kabajamaa akka hinturre dubbatu.

Dhimmicha wayita ilaalu abbootii dhimmaa baay’ee kan qabuufi ajandaa qaama hundaa  fakkaatus sadarkaa ayyaanaatti haala kanaan xiyyeeffannaan waan itti hin kennamin fakkeesseera jedhan.

Akkuma guyyaa bishaanii, guyyaa harka dhiqannaa, guyyaa turizimiifi kkf bulchiinsa gaariin, fayyaaf, nageenyaaf, badhaadhammaaf guddinaa faayidaan inni qabu wayita ilaalamu wabii jireenyaa waan ta’eef waggaa waggaadhaan kabajamuu akka qabu yaada dhiyeessaniiru.

Fakkeenyaaf Hindiitti murtee mootummaatiin waggaatti (“Decembar 23”) Onkoloolessa 13 guyyaa bulchiisa gaarii jedhamuudhaan sadarkaalee adda addaatiin kan kabajamu yoo ta’u, hunda caalaa bulchinsa gaariirratti xiyyeeffachuudhaan hubannoo uumuurratti ilaalcha guddaa taasisa jedhan.

Haaluma kanaa dhaabbanni Abbagaarii Itoophiyaas dhimmichi kallattiidhaan kan isa ilaallatu ta’uusaatti muuxannoo gaarii kana gara biyya keenyaatti fiduudhaan guyyaa bulchiisa gaarii (‘Good Governance Day’) jedhuun  barana kabajamu eeru.

Marii adeemsifame  kanarratti waraqaawwan qo’annoo hayyoota adda addaatiin dhihaataniiru. Doktor Henok Siyyum Qorataa Immaamataafi Bulchisa ummataafi  hojii gaggeessaa ittaanaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa akka jedhanitti, dhaabbilee ciccimoon dimokraasii Itoophiyaa keessa waan hinjirreef bulchiinsi gaariin akka hinmirkanofneef gufuu ta’uu eeran.

Akkasumas Itoophiyaa keessatti paartiileen siyaasaa dimokraatawoofi dhaabbileen dimokraatawaa waan hinjirreef biyyattii keessatti bulchiinsa gaarii hawwuurra darbee bu’uura godhachuu hindandeenye jedhan.

“Nuyi biyyaa sirnoota dheeraa duri qabnuudha” kan jedhan Doktor Henok, ollaan ollaa waamee wayita buna dhugu marii taasisuudhaan aadaa rakkoolee isaan jidduutti uumaman mariidhaan fixuu danda’u kan qabnu ta’uu eerani, Itoophiyaaf sirni dimokraasii haaraa ta’u baatus sirni bulchiinsa gaarii karaa dimookraasiitiin jiru kan lafa hinqabanne ta’uu himan.

Itoophiyaatti dhaloonni dimokraasiifi bulchiini gaarii gaafatu hinjiru jechuu osoo hinta’in warraaqsa bara 1966, qabsoo waggaa 17 ADWUI, bara 1997 finciloonni ummataa bara 2007 hanga 2010 turan bu’uurrisaa dimokraasiif ta’uus ibsaniiru.

Dhaabbileen dimokraasii tajaajila lammiilee biyyaaf kennaniin seeraafi danbiiwwan biyyattii bu’ureffachuudhaan lammiileen tajaajila gaarii akka argatan hordofuudhaan sirreessuufi hordofuudhaan saaxilu qabu jedhu.

Walumaagalatti dhaabbileen dimokraasii rakkinoota biyya keessatti mul’atan hordofuudhaan addaan baasanii xiyyeeffannaan irraatti hojjechuu akka barbaachisu dubbataniiru.

Bakka bu’oonni paartiileefi dhaabbilee amantiis adeemsa sirna dimokraasii keessatti lammiileen tajaajila bulchiinsa gaarii argachuu qabu yaada jedhu dhiyeessan.

Bulchiinsi gaariin lubbuufi qabeenya kan jedhan hirmaattonni kunniin, nageenyi qabeenya guddaa waan ta’eef kanarratti dhimma bulchiinsa gaarii wajjin walqabsiisuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechuu akka barbaachisu eeran.

Dhaabbileen dimokraasii akka cimaniif ga’ee olaanaa taphata kan jedhan hayyoonni tokko tokkos, dhaabbileen adda addaas nagaafi  tasgabbii mirkaneessuuf bulchiinsi gaariin iddoo olaanaa qaba jedhaniiru.

Keesumattuu biyyoota ce’umsa siyaasaa keessa jiraniif hojii gaarii akka hojjetan gargaara, yeroo ce’umsaa booddees hojiileen dimokraasi irra caalaa akka cimu taasisa jechuun eeraniiru.

Dimookraasiin kan ummataati. Mootummaanis kan filatamu ummataan jedhu hayyoonni kunniin, dimokraasiin jiraannaan dhaabbilee dimokraasii dagaagsuu keessatti keessumaa kan amantii, sirni Gadaafi aadaan iddoo guddaa akka qaban beeksisaniiru.

Dhaabbilee dimokraasii ciccimoo horachuu dhabuurraa kan ka’e yeroo baay’ee walitti bu’insa, buqqa’insaafi baqachuuf saaxilamneerra jedhan. Kanaaf sirni dimokraasi sirriitti hojiirra oolee mirgi lammiilee yoo kabajame nageenyiif tasgabbiin ni dhugooma, olaantumaan seeraas ni mirkanaa’a jedhan.

Rakkinoota yeroo ammaa biyya keenyatti mul’ataniif caalaatti ibidda qabsiisaa kan jiran dhaabbilee siyaasaa, rogeessitootaafi miidiyaalee gara garaa ta’uus addeessanii, mootummaan kana callisee ilaaluurra sirna to’annoosaa daran cimsuu qaba jedhaniiru.

Keessumattuu ummata waggoota dheeraadhaaf waliin jiraachaa ture qaamoleen nageenya hinbarbaanne sanyumaadhaan, gosaafi, amantiidhaan walitti buusuun ummata jeeqaa waan jiraniif mootummaa qofarratti osoo hin gatiin nus ofirraa ittisuutu nurraa eegama jechuun ibsaniiru.

Kana malees mootummaan dhaabbilee dimokraasii biyya keessatti uumaman cimsuudhaan warreen nageenya booressuuf wixxirfataa jiran karaa nageenyaatiin akka falman gochuun malchiisaa ta’uu eeraniiru. Walumaagalatti ummanni biyyattii keessumaaa gama tajaajilaatiin waan barbaadu akka argatuuf Dhaabbata Abbagaar Itoophiyaa dabalatee kanneen biroon yeroo kamuu caalaa amma xiyyeeffannaan hojjechuu qabu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You