Birokraasii!

Akkamiifi attamitti jirtu? Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin isiniif nagumaa? Ani miskiinni keessan naagaa kooti. Maalin ta’a jettaniiti. Isinii naaf jiruu, anaa ofii kootiif jiruu, hunda caalaammoo Waaqa anaafi isiniif jiruu maalan ta’a jettaniiti.

Waa’ee birokraasii nyaataan walqabsiisee torban darbe kaasnee irratti haasofnee nyaata sanis osoon hin nyaatin mar’umaan koo akka cuuciitti garaa kiyya keessaa wacaa osoo jiruu osoon homaa hinjedhin calliseetuman ofirra gadi taa’ee gaddee wanta borumtaasaa ta’uu danda’u yaadaa achumatti hirkadhee muguu koorratti ibsaan gidduu kana badee hinbeekne badee barreessuukoo addaan kutee har’aaf bulfadheen ture.

Ibsaan akkuma dhufeen waanin barreesse amma kanan isinii qooda. Akkuma iddoo mugee dammaqeen buddeena koo tiriidhaan qabadhee jiru irra barariin tokko yommuu deemtu argeen garaa dhuma beela’e saniin seeqee bararii san ilaale.

Way, yaa bararii! as fiigdee achi fiigdee… giddugaleessa nyaatichaa deemtee takkaa boqottee ammas kaatee gara kaabaa deemtee achii deebitee gara giddugaleessaa galtee achiimmoo gara bahaa deemte achittis xiqqoo ishee akkuma boqatteen gara kibbaa deemte.

Yaa bararii! Ajabuma kan ishee sun! nyaatan ani maallaqa kootiin bitadhee nyaachuuf qopheeffadhe isheen immoo akka garaa ishee keessa bashaatee fiigdi. Akka garaa ishee…akka fedha ishee… maal qaba mee osoon akka ishee bilisummaa argadhee akka garaa kiyyaa bakka garaan koo na ajaje deemee?

Maal qaba mee osoon wanta deemsa koo ittisu dhabamee akka fedha kiyyaatti biyyan barbaade deemee biyya barbaadetti boqadhee biyya barbaade deemee biyya barbaadee waanin barbaadu nyaadhee waanin barbaadu dhugee sa’aatiin barbaadetti ka’ee deemee bakka garaa kiyyaa gahee?

Maal qabamee? Osoo yeroo kaaniitii akkuman bararii kana argeenin kophee kootiin dhidhiitee ajjeesa ture. Amma garuu humnan waan akkasii ittiin raawwadhu argachuu hin dandeenye. Maaliif jennaan tokkoffaa gar malee beela’eera. Lammaffaa irratti immoo mee bilisummaa dhuma kana akka feetetti itti jiraattee ittiin haa gammaddu jedheeni.

Inni lammaffaa kun kan ta’e inni duraa waan naaf hin milkoofneefi. Malee eenyu abbaasheetu kan yeroo kaan yommuu keenyan irrattuu yommuu deemtu argu buusee dhidhiitu nyaata inni horii isaatiin bitate irra yommuu deemtu callisee ilaala? Yoona kanan nyaaticha tasumaa nyaachuu akkan hin dandeenye mirkaneeffadhe. Bararattiinis akkuma waliin geessen gara lixaa deemtee tiriirraa buutee deemte.

Gara lixaa jennaanin, amma kana kanin jiru lixa biyya keenyaati. Gidduu kana gara Wallaggaa kana gadi bu’een ture. Wallagga kana yeroo hunda yommuun deemu baay’uman gaddee deebi’a. “Maaliif gaddita Wallaggii kunoo fiixee tokkoo kaasee hamma fiixee kan biraatti magariisaafii qabeenya uumamaa isaatinoo jaallatamaafi hawwata’oo?” naan jettu ta’a.

Dhuguma akkasis naan jettan waan mamii qabuufi waan tokko nama shakkisiisuu miti. Wallaggi gaarreen mukkeen magariisaan uwwifame, albuuda kanneen akka Warqee, marbiliifi kan fafakkaatan baay’inaan keessaa haramu. Wallaggi biyyeen isaatuu yoo nyaatan namaa sifaahu. Wallaggi biyya dammaafi aannaniiti. Wallaggi biyya dhadhaafi fooniiti. Walumaagalatti Wallaggaa biyya wanti jireenya dhala namaa kamiifuu barbaachisu of keessaa qabuudha.

Yaa nama isaa! Wayyoo yaa nama Wallaggaa! Yaa nama hin quuqnee! Yaa jaalala! Yaa naaf nyaadhu naaf dhugii! Yaa siif du’innaa! Wayyoo maaliin ibseen maaliin dhiisa. Amma kanin jiru magaalaa Mandii keessa. Magaalaan Mandii magaalota Wallagga Lixaa keessaa tokko yommuu taatu, irra jireessaan kan beekamtu bunaafi warqee isheetiini.

Caalaatti kan qalbii koo hawwatee akkan fajaju na taasise jaalala ummanni ishee keessummaadhaaf qabu. Keessummaan kabaja guddaa akka qabu warra Mandii caalaa namni natti himu jiraachuu malus ani hamman bara jireenyaa koo kanatti iddoowwan adda addaa argetti kan hamma Mandii garaa ana gahe hinjiru.

Mandii kanin beeku waggaa lamaan dura yeroo komaandi poostiin yeroo lammataatiif biyya keenya keessattuu addatti Oromiyaa irratti labsamee ummanni keenya mormii guddaa keessa lixe san ture.

Yeroos yeroo muddamaa waan tureef namni hundumtuu naasuu cimaa keessa ture. Ani akka carraa ta’ee hojiidhaafin yeroo jalqabaatiif deeme waan ta’eef biyya hin beekuun ture. Namoota muraasa garuu kanin beeku qaba ture. Sanirraan immoo hiriyoonni koo baay’een isaanii kan afaan keessaa wal fuunee walirraa nyaannu kan dhalattoota magaalaa Mandii ta’an jiru waan ta’eef obbolaan isaanii waan jiraniif biyyaaf keessummaan ta’a jedhee waan tokko hin sodaannen ture. Sanirraan immoo amalan uumamaan qabu keessaa inni tokko nama ofitti madaqsee jaalalaan wajjin buluudha. Egaa manni maree bakka bu’uuta ummataa akkuma tapha lakkoofsaa bara sana tureen labsicha dabarseen magaalli Mandii abiddumatu irraa boba’e. Karaan iddoodhuma hundumaatti cufamee gommaan iddoo hundumaatti boba’e. Osoo jennuu dubbiin karaa asfaaltii irratti gommaa gubuu kuni mormii nagaa hundumaa caalaa miidhaa hedduu asfaaltii gatii guddaadhaan kadhaa meeqaan hojjetame kana akka miidhu alanan arge. Kun fuulduraaf akka itti yaaddamu abdii guddaan qaba. Qabeenyaa keenya osoo miidhaa irraan hin gahin mormuun ni danda’ama jedhee waanin amanuuf osoo waan akkasii kanarraa of qusannee. Maaliif yoo jenne borus kan miidhamu numa kaa! Gara haasaa koo yommuun deebi’u. Nuti qabeenyaa Wallaggi qabdu keessaa marbilii Daalattii daawwannee kaameraa keenyaanis waraabbannee yommuu deebinu karaa cufuunifii gommaa karaarratti cufuun kan raawwate. Nuti akka carraa ta’ee osoo magaalaa hin seenin karaan nutti cufame. Waan goonu wallaale osoo dhiphuu guddaa keessa jirruu namni wayii alaalaa osoo fiiguu nutti dhufe. Yoona kana sodaannee waan goonu wallaalle. Namtichi akkuma dhufeen rakkina magaalaa keessa jiru nuuf ibsee akka asii eessattuu socha’uu hin dandeenye nutti hime. Akka furmaataatti konkolaataa keenya iddoo amma jiru kana dhaabnee miila keenyaan gara magaalaa akka deemnuuf yaada nuuf dhiheesse. Yoona kana meeshaan hojii waraabbii ittiin waraabnu kaameeraa dirooniidhaa kaasee hamma meeshaalee gatii gurguddaa ta’anii konkolaataa keessaa qabna waan ta’eef ani konkolaataa kana dhiisee eessayyuu deemuu akkan hin dandeenye itti himeen isaaniin morme. Kana kanin jechuu danda’e namoonni anaa wajjin turan hundi isaanii deemuuf murteessan waan ta’eef. Namtichichi na amansiisee konkolaaticha karaarraa gara bosonaatti xiqquma achi siiqsinee nuti uffatuma keenya baattannee gara magaalaa Mandii cuccufamtee deemne. Yerosin jaalala jaraa arge. Kanin torban isiniif barreessa jedhe sanis waayee gaagura odala irraa sanii akkasumas dhiimma dhihaa kanin har’a jalqabe kanas qabadhee torban ittin isiniif fufa.

Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail.com naaf barreessuu dandeessuun dhaamsa kooti.

Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi
Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

3 Comments to “Birokraasii!”

  1. Pingback: ltobet
  2. Pingback: sex tre em

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *