Torbee Kibxata darbee halkan walakkaa tiksitoonni xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaamad utuu isatti hinhimin dhokatanii akka ba’aniif ajaji itti kennamee akka tureefi Jawaaris akkuma odeeffannoo kana tiksitootasaarraa dhaga’een gara qaamolee dhimmichi ilaallatuutti bilbilus qaamni bilbila kaasee isa haasofsiise akka hinturreefi dhimma kanaan walqabatee rakkoo uumamuuf mootummaan kan ittigaafatamu ta’uu halkanuma sana fuula feesbuukiisaarratti maxxansee turuunisaa ni yaadatama.
Dargaggoonnis aggaammii aggaamame kana balaaleffachuuf halkanuma sana gara mana jireenyaa Jawaaritti kan imalan ta’uufi borumtaasaa ammoo hiriira nagaa ba’uufi daandiileen bakkeewwan adda addaatti cufamuunsaanii niyaadatama. Hiriirri kun gara hokkoraatti ce’uun lubbuun namoota 67 kan darbe yoo ta’u, hedduun ammoo miidhaa qaamaa cimaafi salphaaf saaxilamanii; qabeenyi baay’eenis barbadaa’eera.
Kanaan walqabatees Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad, Ministirri Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaafi Pirezidaantii Itaanaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shiimallis Abdiisaa Finfinneetti Abbootii Gadaa, Abbootii Amantii, jaarsolii biyyaafi haadholii godinaalee Oromiyaa mararraa babahan wajjin marii taasisaniiru.
Doktar Abiyyi maricharratti akka jedhanitti, Jawaar waggaa tokkoofi walakkaaf kan eege mootummaadha. Mootummaan Jawaar mitii namni kamuu seeraan ala akka miidhamu hinbarbaadu. Nuti nageenya barbaanna. Nageenyi mirkanaa’aan jiraannaan badhaadhinni biyyattii fagoo miti. Nageenyi garuu waan barbaaneefi hawwineef qofa waan hindhufneef jaarsoliin biyyaa bakka rakkoon nageenyaa jiru deemanii warra mufates ta’e mootummaa dubbisaanii nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf hojjechuu qabu.
Ummatni Oromoo mirgiifi faayidaansaa eegamnaaniif sabootaafi sablammoota kamuu wajjin walqixxummaan jiraachuu barbaada kan jedhan Doktara Abiyyi, mootummaanis waan gaaffii, fedhiifi faayidaa ummata Oromoo duubatti deebisu hojjechaa hinjiru jechuun ibsan.
“Mootummaan gaaffii sabichaa karaa saayinsaawaafi seera qabeessaan deebisuuf hojjechaa jira. Nuti aangoo kan qabanne hojjennee jiruufi jireenya ummata keenyaa fooyyessuufi malee ummata keenya hatuuf miti. Hanni warra kanaan duraayyuu hinfayyadne. Nuti hanga humni keenya danda’etti waan ummata Oromoofi Itoophiyaaf fayyadu hojjechuuf carraaqaa jirra” jedhan.
Obbo Lammaan akka jedhanitti, tokkummaafi walitti dhiyeenyi keenya kan kaleessaarra har’a wayya. Paartiileen siyaasaa maqaa Oromootiin hundaa’anis Gaaddisa Hooggansa Oromoo jalatti ijaaramanii rakkoo kamuu mariidhaan furuuf hojjechaa jiru.
Dhaabbiilee siyaasaa biyya alaatii galan waliinis hojjechaa jirra. Bakka hanqina qabnuttis walgorsaafi waliin mari’achaa deemna. Kunis gara fuulduraatti cimee ittifufa.
Hanga duuti, dararaafi hidhaan Oromoorraa hindhaabatnetti sa’aatii 24:00 yoo dhamaane gatii hinqabu kan jedhan Obbo Lammaan, sadarkaa kanarraan kan nu ga’e qabsoo, dhiigaafi lafee ilmaan Oromooti. Kana sakandii tokkoof dagachuun doofummaadha. Biyya kanaaf nagaafi waanti gaariin akka dhufuuf hojjenna.
Rakkoo kamuu mariidhaan furuu qabna malee walitti mufannee tokkummaa keenya diiguu hinqabnu. Kan nurraa eegamu walgorfachuufi hanqina keenya walitti himuufi hayyoota, maangudootaafi qeerroo keenya waliin mari’annee rakkoo keenya furuuchuudha malee garaa garummaan nu gidduutti uumamuu hinqabu jedhu.
Tokkummaafi nageenya keenyaa mirkaneessuun dhimma xiyyeeffannaa olaanaan irratti hojjetamuu qabuudha kan jedhan Obbo Lammaan, hojii keenyatti summii naquu kan barbaadan hedduun waan jiraniif qabsoon keenya akka duubatti hindeebineef tokkummaa keenya cimsinee waliin hojjechuu qabna jedhu.
Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, adeemsa waggaa tokkoofi walakkaatiin ummatni Oromoo waliin ta’ee dhimmoota hedduu milkeesseera. Qormaatawwan isa quunaman cabsee karaa haaraa saaquudhaan imalasaa itti fufeera.
Yaaliin tokkummaa Oromoo diiguufi hooggansa Oromoo dadhabsiisuuf raawwatamaa tureefi jirus salphaa miti. Bara 2010 Ministira Muummee Doktara Abiyyirratti boombii darbachuun yaaliin ajjeechaa raawwatameera.
Bara darbe humni hidhate masaraa mootummaa dhaquudhaan yaaliin fonqolcha mootummaas raawwatameera. Kan Jawaarirratti raawwatames kanarraa adda hinjiru. Mootummaan naannichaafi federaalaas rakkoo torban darbe mudate furuuf karaa dheeraan deemameera jedhu.
Rakkoofi dogoggoroota kamuu mariidhaan furuun utuu danda’amuu xaxaa keessa seenuun barbaachisaa miti kan jedhan Obbo Shiimallis, hiriirri ummatni Oromoo waan Jawaarirratti aggaamame balaaleffachuuf ba’e diinni gara hokkaraatti jijjiiruun lubbuun lammiilee hedduu darbeera. Mootummaan naannichaa namoota badii torban darbee keessatti hirmaatan hojmaata seeraatiin qulqulleessee seeratti kan dhiyeessu ta’uu himaniiru.
“Diinnonni tokkummaa keenya diiguu, humna keenya laaffisuufi addaan nu qooduu barbaadan hedduudha” kan jedhan pirezidaantichi, diina afaan banee nu nyaachuuf hamuummatu injifachuuf tokkummaa keenya cimsachuu qabna. Kaleessa, har’a boris tokkummaan keenya humna keenya. Aarsaan kaffalamu kamuu Oromoo fuulduratti kan tarkaanfachiisu ta’uu qaba. Tokkummaan Oromoo olola sobaatiin diigamuu hinqabu. Fedhiifi faayidaa Oromoo mirkaneessuuf harka walqabannee hojjechuutu nurraa eegama jedhan.
Hirmaattonni marichaa tokko tokko yaada kennaniin akka jedhanitti, namni biyyattiif quuqamu yoo jiraate waa’ee biyyaa qofa haadubbatu. Mootummaanis olaantummaa seeraa kabachiisuu qaba. Kanneen maallaqaan bitamanii yakkawwan adda addaa irratti hirmaataa jiranis gocha akkasii irraa of qusachuu qabu.
Jijjiirama mul’achaa jiruunis waan takkaa arginee hinbeekne argineerra. Taatee torban darbe raawwatame mootummaanis ta’e ummatni Oromoo gara fuulduraatti akkamitti deemuu akka qaban kan hubachiisuudha.
Diinonni nu burjaajessuu barbaadan baayeedha kan jedhan hirmaattonni marichaa, miidiyaan hawaasaa, miidiyaaleen idileefi xiinxaltoonni siyaasaa nu burjaajessuuf yaalan waan baay’ataniif ammaan booda olola sobaafi fakkeessaa kamiifuu iddoo hinkenninu. Ololli sobaattis daangaa gochuun barbaachisaadha jechuun ibsan.
Nuti utuu qeerroon keenya jiruu homaa hinsodaannu. Garuu walarginee mari’achuun ammoo dhimma murteessaadha. Nageenya keenya eegsisuufi itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf ammoo yeroo gara garaatti walgeenyee mari’achuu qabna. Nageenyi yoo jiraateedha baanee galuu, daldaluu, hojii keenya geggeessuu kan dandeenyu.
Taateen torban darbe mudate baay’ee nama gaddisiisa kan jedhan hirmaattonni marichaa, mootummaan qaamolee yakkicha raawwatan qoratee seeratti akka dhiyeessus gaafataniiru. Utuu tarkaanfiin seeraa cimee yakki akkas hinbabal’atu ture jedhu.
Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012
Natsaannat Taaddasaatiin
6 Comments to ““Nageenyi mirkanaa’aan jiraannaan badhaadhinni biyyattii fagoo miti”Doktar Abiyyi Ahmad”