Finfinnee: Torban kun Oromiyaa keessatti torban taatee gaddisiisaan itti uumamee lubbuun namootaa darbe, namni itti madaa’eefi qabeenyi itti barbadaa’e ture. Kunis aggaammii xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaammad irratti Kibxata halkan walakkaatti raawwatame mormuun godinaaleefi magaalota hedduu keessatti mormiin balaaleffannaa taasifameen ture. Ta’us mormichi bifa jijjiirratee qaamolee ajandaa siyaasaa dhokotaa qabaniin gaaga’amni hedduu qaqqabeera.
Kana kan hubate Gaaddisni Hoggansa Oromoofi Jawaar mormiin akka dhaabbatu erga dabarsaniin bakkeewwan baay’eettimormii dhaabatee hojiin guyyuu eegalus, hanga kaleessa oduun kun qindaa’uutti bakkeewwan muraasatti ammayyuu sochii harcaatonni muraasni taasisaniin miidhaan qaqqabaa jira.
Dhimmi kun dhuma argachuu akka qabuufi mootummaa, ummanni, abbootiin Gadaa, abbootiin amantiifi hunduu ga’eesaa ba’aachuu akka qabuudha namoonni nuti dubbisne tokko tokko kan ibsan.
Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaafi Abbaan Gadaa Tuulamaa, Goobana Hoolaa Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, taateen tibbana raawwatame kan daran nama gaddisiisu yoo ta’u, gochichi tasumaayyuu ummata Oromoo kan bakka bu’u miti jedhu.
Mormii taasifameen lubbuun namootaa darbeera, baay’oonni madaa’uufi qabeenyis barbadaa’uu kaasanii, saboonniifi sabalmoonni kaleessa waliin jiraachaa turan gara addaan fo’amutti adeemaa jiru. Mormiin taasifame sararasaarraa kaatee gara amantiifi sanyiitti geddaramuun qaamoleen ajandaa dhokotaa qaban akka jiran kan mul’su ta’uu himu.
“Haalli kun gamanumaa qoratamee yoo to’atamuu baate biyya diiguuf deema. Anga’oonni biyyattii yommuu dubbatan dhimmoota tokko tokko sirriitti ilaaluun ergaa dabarsaniif of eeggannaa gochuu qabu. Wanti dubbatan ummataaf mataduree ta’ee ummata kan kaasu yoo ta’e, booda deebisuun waan nama dhibuuf utuu sirriitti ilaalanii wayya.
Ummannis wanti jedhamee yoo jiraatee “abaluu akkas jedhe” jedhee babal’isuurra dogoggorri yoo jiraate qaamaan itti dhihaatee akka irraa baratamuufi of sirreessan taasisuu qaba. Abbootiin Gadaa, abbootiin amantii, jaarsoliin, ugaazoonni ummataafi hordoftoota amantiisaanii ilaafi ilaameedhaan gorsanii karaatti deebisuu qabu” jedhu.
Pirezidaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Paastar Tsaadiquu Abdoos gamasaaniin akka jedhanitti, namni gaaffii qabu karaa nagaatiin yaadasaa dhiheeffachuun mirga. Namni mirga gaafatu immoo mirga namaas eeguun dirqama.
Tibbanas mormii Oromiyaa keessatti taasifameen qarreefi qeerroon Oromiyaa haala kanaan mormiisaanii dhageessifataa osoo jiranii, qaamonni muraasni diigamuubiyyattii eegan fucha kanatti fayyadamuun walitti bu’iinsi uumamee miidhaan akka qaqqabu sababa ta’aniiru.
Adeemsi akkanaa kan biyya baleessu ta’uusaatiin akka laayyootti waan ilaalamuu qabu akka hintaane kaasanii, waliin mari’achuufi waldhaggeeffachuudhaan deemamuu baannaan booda garri itti qaban rakkisaa akka ta’u addeessu.
“Hamma ani beekutti Oromoon obsaadha, yeroo mara maqaa keenyaan namoonni badii raawwachuu barbaadan kan fayyadaman. Kanaaf keessumaa dargaggoonni har’aa bor biyya kan geggeessu isaan waan ta’eef waan raawwatan hunda qalbiifi obsaan gochuu qabu” jedhu.
Mootummaanis akkuma kanaan dura itti iyyaa turre olaantummaa seeraa kabachiisuurratti xiyyeeffatee hindeemu taanaan, nageenya ummataa hintiksu taanaan biyyittiin kan seermaleessotaa ta’uudhaan walfixiinsi biyyoota ollaatti ta’e biyya keenyattis uumamuuf deema. Kanaaf dhimmoota uumamanirrattis utuu yeroo hinkennin iftoomina uumuun qaama sirrii hintaane seeratti dhiheessuu qaba jechuun hubachiisu.
Taatee tibbanaa keessa ergaa dhokotaatu jira kan jedhan ammoo, Barsiisaa Yunvarsiitii Finfinnee Doktar Firdisaa Jabeessaati. Kana immoo kan mootummaan beekus hinbeeknes ni jira.
Mootummaan Oromiyaa garuu dhimma kana quba waan qabu hinfakkaatu. Qaamonni ajandaa dhokotaa qaban yoo ani bulche malee biyyi kun biyya hintaatu jedhaniifi maallaqni hedduun kan kaffalameefiidha. Warreen ergaa kan qabaniidha kan mormii qeerroo keessa seenuun bifa jijjiirsiisuuf yaalan.
Kanaaf kanaa booda ummanni Oromoo amma tsagabbaa’ee qonnasaa, barumsaafi hojiisaatti deebi’uu qaba. Mootummaanis akka sirnoota darbanii qaroo ummata Oromootti bu’uurraa of qusachuufi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti ejjennoo qabatee hojjechuu qaba jedhu.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Onkololeessa 15/2012
3 Comments to ““Anga’oonni biyyattii ergaa dabarsaniif of eeggannaa gochuu qabu” -Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa”