Malaan Jireenya “Nuuroo Bazadee”

Ashamaa!

Jirtuu…? Dhaamsa yeroo darbe isinitti dhaammadhe sirrumatti Waaqa biraan naaf geessaniirtu jedheen abdadha. Isa waa’ee haadha warraa kootii isin taphachiiseen ture. Da’umsaaf akka qophoofteefi akka Waaqa naa kadhattan kanan hadaraa isiniin jedhe sana. Kunoo Waaqayyo abbaan gaarummaa kadhannaa koofi kan keessanis nuuf dhagaheetu haati manaa koos nagaadhaan ofkolteerti. Qeerroo maal fakkaatu naaf deesseeti, Oromoof ammoo qabsaayaa tokko gumaachiteeti. Kanaaf ammas bareechaa naa eebbisaa. Yaa Rabbi deessuu hunda nagaadhaan ofkolchi!

Akkuman asii olitti isinii kaasuu yaale gidduu kana ani cinqii hamaa keessan ture; waa’eedhuma haadha manaa kootii ilaalchisee jechuudha. Gabaan feesbuukii ammoo gannuma gurraacha kanaan baay’ee bulluqeera. Ho’eera jechuu kooti. Hanni qormaata biyyoolessaafi imaammata barnootaa haaraa waan jedhamuun walqabatee oduun gabaa feesbuukii akka gaarii gatii guddaadhaan bitee gurguraa jira.

Hunda caalaa kan qalbii na bite kan akka oduu naannoo bataskaanaa sanaa garuu hinjiru. Barreeffama koo isa darbe irrattis waa’ee kanaa isiniif dhiheessuun koo ni yaadatama. Dhugaa dubbachuuf namni sabboonaan akka Luba Balaay Makoonnin yeroo ammaa ummanni  Orommoo qabu hinjiru. Ajandaa sadeen kana bal’inaan maxxansaalee itti aanan keessatti bal’inaan qabadhee akka isiniif dhiheessu waadaa galaa har’aaf garuu mudannoo koo bara ijoollummaa kan yeroo hunda raajeffadhu tokko qabadhee isiniif dhihaadheera. Finoota kaartaa haaraa kanaanis waan walqabatuuf jedheetani. Kunooti.

Barrisaa dhuma 1980mootaati. Reefu barataa ‘highschool’  taane. Sadarkaa lammaffaa jechuu kooti. Achi gahuunuu sadarkaa guddaadha waan taheef kanan sadarkaa koo Ingiliffaan himuu fedheef malee ‘high school’ jechuu macheem akka nama tamaare tokkootti isinitti himuuf yaaluunuu doofummaadha. Maayyimii!

Warri sirna duriitiin barattan silaafuu ‘nuuroo bazadee’ hin wallaaltanu. (Jechi sirna durii jedhu kun siyaasaafi malee sirna barnootaatiif cubbuu hinqabu mitii yoo itti fayyadame?). Booda gaafa Afaan Oromoo afaan barnootaa ta’ee eegalu mala jireenyaa jedhameetu moggaasa argate nuuroo bazadichi. Hiriyoonni koo tokko tokko eessaa akka fuudhan hinbeeku ‘malaan jireenya’s jedhanii kan waaman baay’eedha. Barattoonni oftuulummaa Ingiliffaatiin bokokan tokko tokko ammoo “home economics” jedhanii barnootuma waa’ee qullubbiifi hodhaa daanteelii kana faranjessuuf afaan mimmi’eeffatu. ‘Home economics’ kana gaafa xinnoo Ingiliffi naa ifuu jalqabu “diinagdee manaa” jedheen ufuma kootii hiikkadhe. Maarree!? “Home work”iidhaan hojii manaa erga jennee kanas akkasumatti turjumaanna kaa.

Warri waliin baranne itiyye assagadachiin macheem inuma yaadattu, astamaarii nuuroo bazadee teenya. Jaartii morgoggee san! Amma ishiin bakka dhugaa jirtiifi malee kanaa oluu otoo arrabsee qir nan jedhu. Baga duute hinjedhamu garuu … baay’een keenya malli jireenyaa akka gaafasirraa nu harkaa bade nutti hindeebine.

Maarree gaafa tokko peereediin ishii gahee-sagantaan gosa barumsa ishii gaheetu fuula guduunfamaa saniin eegalte. Gabatee gurraacha irrattis mataduree barumsa har’aa qubee saabaa walhuddeellatee kaan walsassakaaleen barreessite.

“አስራ ሁለቱ ቅመማ ቅመሞች” jedha. Harki wayyabni barataa Magaaloftuu waan taaneef Amaariffa kana homaa hinjennu isa fufurdaa wallaalla malee. Kan Amaariffaan jennu isa afaan keenyaan dubbannu ta’uusaa garuu irgixanyaa moti.

Itiyyee assaggaduun mataduree lafa keessee, jalas sarartee barruu harkaa qabdu ilaalaa  gara keenya deebi’uun kallattumaan gaafiitti seente.

“እስቲ አስራ ሁለቱን ቅመማ ቅመሞች ጥቀሱ?” jette. Hunduu harka baasee waa qimamii jedhamu tarreesse. “ዝንጅብል፣ ኮረሪማ፣ ድንብላል፣ ጥቁር አዝሙድ፣ ነጭ አዝሙድ…” hammi carraan qaqqabe hunduu deebii laate. Kudha lammanuu waamamaniiru.

Yaadannoon koo kana booda dhufe. Gurbaa garraamii Oromoo fayyaalessa tokkotu ture. Dirribaa jedhama. Basaasorraa miillaan deddeebi’ee barata. Amaariffa gara inni baheyyuu hinbaane Dirreen.

Nuti warra bara sana Oromummaan hin galiniifi Dirribaan afaan amaaraa wallaaluusaa akka doofummaatti ilaalla. Doofaan numa ture. Qaamaanis umriinis nu hunda keenyaayyuu waan caaluuf gara duubaa taa’a. Hirmaannaas hin qabu. Amaariffa isaatti waan kofalluuf of qabe malee galuufii didee miti.

Har’a garuu innis gabaa nuuroo bazadee kana keessaa hafuu hin barbaanne fakkaata. “ኢቱ ኢቱ ኢቱ ኢቲዬ ኢቲዬ ኢሀው ኢቱ ኢቱ” jedhe harkasaa dheeraa san mirmirsaa. Maal akkana gaggaba qimamii waamuudhaaf jenne warri taajjabne hedduu dha. Kudha lammanuu eeramanii isa kamtu hafe jennee yaadaan walgaafachaa qalbiidhaan ammoo maqaa qimamii Dirribaa kana dhagahuuf of qopheessine.

አንተ ደግሞ ምን ልትል ነው jette itiyyeenis durumaa Dirribaa amaariffa caccabsu kana waan hin jaallanneef.

Innis gaafa deebisu gootummaadhaan “አበሱዳ” jedhee hafuura baafate. Eessatti beekaree xuqur azmuudii? Qilleensa gidduu kanaatu na yaadachiise. Kolfa hirmaanne…

Mirgoota heera mootummaatiin beekkamtiin laatameef keessaa mirgi afaan, aadaa, seenaa fi eenyummaa ofii qabaachuu, itti fayyadamuu, gabbisuu fi kunuunsuu kan sabaa fi sablammmoota biyyattii hundaati. Eenyunuu sarbuu hin danda’u. Abbaan  arges oluma ka’ee namarraa mulquufis aangoo hin qabu. Wanti dhiheenya kana gara ministeera barnootaatiin ta’es gaaga’ama gama Kanaan dhufeef sababa guddaa ta’eera.

Kun battalatti sirraa’uu qaba. Yaadoliin qixa kanan marsaalee hawaasaa irratti tarkaanfatan bu’uura sirrummaa akka qaban nan hubadha. Garuummoo adeemsi keenya hamma miira irraa walaba ta’ee yaada moo’ataafi ragaadhaan deeggarame qofaan hamma hin gaggeeffamnetti achumaa wal borcuu ta’a. Amma yeroon yeroo Oromoo Oromoo jechaadhuma aduu dhiisifannee bariifannu qofaa miti. Sanarra dabarree akka Afrikaatti yemmuu itti yaannuu dha. Hardha Oromoon a’aa biyyaa ofirraa qaba.

Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa haa ta’u gaafa jedhamu yaadi kun bifa tarsiimawaadhaan hoogganamuutu irra jiraata. Gaafa afaan kuni afaan hojii mootummaa ta’u Oromoon faayidaa maalii argata; maal immoo dhaba jedhanii gadi taa’anii herrega hojjechuutu nu barbaachisa.

Dhugaadha Oromoon fedhii namaan waliin jiraachuuf qabu irraa hawwiin inni ormi ykn firri moggaa afaansaa akka baratuuf qabu olaanaa dha. Hamma naaf galutti yeroo amma keessa jiruun afaan saba kanaa yoo afaan hojii mootummaa federaalaa ta’e irra caalaa kan fayyadamaa ta’u sabaa fi sablammoota Oromoodhaan ala jiranuu dha. Oromoon gama Kanaan bu’aan (material advantage) inni qabaatu hin jiru yookiinis baay’ee xiqqaa dha. Akka kootti silaa afaan federaalaa gochuuf xinnoo inuma obsina. Lakki yoo jedhamemmoo akkuma Dirribaa sana firoottan koo afaan Oromoo hororan faana jiraachuuf of qopheessuu dha kaa. Malli jireenyaa kan abbaa ta’a gaafa sana.

Dhumarratti finoota kaartaa haaraa kanarratti hundaa’uudhaan mucaa koo isa amma dhalate maqaasaa “Tasfaayee” jedhee moggaasuudhaaf mana maree maatiitiin sadarkaa waliigaltee irra gahuu koo maatii bariisaatiif gamanumaan beeksisuun barbaada!

Hora Bulaa, Deebanaa!

Hamiltan Abdulaziiz

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

6 Comments to “Malaan Jireenya “Nuuroo Bazadee””

  1. Pingback: pls cosmetics
  2. Pingback: 가입머니 5만
  3. Pingback: special offers

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *