Guyyaa xiiqiin jaarsa dargaggoomsite gaafa morkii kan injifannoo

Guyyaa dadhabbiin humna cimaa caale, guyyaa beelli  quufa dachaa ta’e, gaafa rakkoon gaddisiisuu dhiisee ummata gammachiise, guyyaa namni bishaan dhugee daandiirra buluu filate guyyaa murannoo, guyyaa xiiqii.

Waamicha sabaatiif sabni bal’aan awwaatee  hunduu imalasaa gara Finfinneetti deeffate, jaarsaa jaartii dhiiraa dhalaa osoo hinjedhin kallattii arfaniin Guyyaa Jimaata waaree boodaa eegalee Oromoon bakka jiruu gara magaalattiitti qajeele.

Daangaa Oromiyaa hundarraa ummanni guyyoota lamaafi sadii karaa bulaa garaasaa hidhatee giphii duwwaan sabboonummaa qofaan gara iddoo xiiqiitti gulufe.

Magaalattiinis ummatashee jaarraa tokkoofi walakkaa oliif ofirraa ariite simachuuf dirqamtee waan qabdu hundaan itti dirmatte, Jimaata galgalaa hanga Dilbataatti fooliin Oromummaa magaalattii keessaa baduu didee diina aarsee warra injifannoo kanaaf wareegame immoo boolla keessatti boonse.

Qeerroofi qarree guyyaa kana arguuf qabsaawaa turaniif guyyaa sana Finfinnerraa hafuun akka salphinaatti laakka’amuusaatiin magaalaafi aanaan guyyaa sana waamicha Finfinneerraa hafe tokkollee waan jiru hinfakkaatu.

Dargaggeessi bakka jiru hundaa gaafas bakka wanti hundi hinmijaa’initti, wanti nyaatanii dhugan hafee iddoon rafanii bulan hinjirretti irreesaa onnatee dhufuun nama ajaa’ibsiisuu dhabuu danda’a.

Guyyicha garuu maanguddoon waggaa 80 guyyaa lama  nyaataafi hirriba malee bultee sirnicharratti onnee cimaafi miira injifatamuu hindandeenyeen socho’uu arguun iccitiin gaafasii hangam dhoksaa akka ta’e kan agarsiisuudha.

Godina Harargee Bahaa, daangaa naannoo Sumaaleerraa waamicha xiiqii kana hinhafnu jechuun achitti kan argaman Obbo Mahaammad Bakrii, dadhabbiin imala guyyoota lamaa, beelliifi hirribni guyyota lamaaf dhaban sunis qaama gammachuusaanii akka ta’e ibsu.

“Xiiqiin garaa keessa nu jiru dadhabbiifi beellis akka nutti hindhagahamne nu taasiseera.” kan jedhan maanguddoon kun osoo lubbuunsaanii jiru guyyaa kana arguunsaaniis akka lammata dhalachuutti kan isaan boonse ta’uu dubbatu.

Guyyaa kana arguuf waggoota hedduu bosona keessaa qawwee diinatti dhukaasaa turuusaanii himanii, dhalootni har’aa garuu meeshaa tokko malee qalama qofaan lafa jaarraa tokkoofi walakkaa oliif harka diinaa turte deebisanii Oromoomsuu danda’uunsaanii injifannoo dachaa ta’uu eeru.

Obbo Yuubaa Galmaa immoo maanguddoo umrii 78 yoo ta’an, Noorwoyii jiraatu. Guyyaan seena qabeessaa kun akka isaan jala hindabarreef jedhanii haadha warraasaanii waliin dursanii gara biyyaa dhufuusaanii kan himan maanguddoon kun, gammachuu guyyaa sanaatiin umriin hanga ta’ee akka isaaniif dabalameetti kan itti dhagahamaa jiru ta’uu ibsu.

“Injifannoo wareegama dhaloota lamaa sadii booda argame kanatti Oromoon onneensaa dhadhaa hindhugne hinjiru” kan jedhan Obbo Yuubaan, isaanis waggoota digdamaan duratti dhimmuma kanaaf biyyaa ari’amuusaanii ibsu.

Guyyaan jaarsa umrii saddeettamaatii hanga ijoollee xixiqqootti gammachuun walqixxeesse sun, seenaa saba kanaa keessatti boqonnaa addaa kan saaqeedha.

Walumaagalatti, Oromoon lafa ganama humnaan irraa ari’ame deebisee dhuunfachuuf qabsoo dhalootarraa dhalootatti dabarsaa gaggeesseen, jaarraa tokkoof walakkaan booda dabareen isa geesse. Kunimmoo akkuma Oromoo gammachiise qaamota mufachiise qaba waan ta’eef of eeggachaa sirbuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

4 Comments to “Guyyaa xiiqiin jaarsa dargaggoomsite gaafa morkii kan injifannoo”

  1. Pingback: link

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *