Burqaa jaarraa tokkoofi walakka booda

Sanbata darbe ganama barii Finfineetti burqaan jaarraa tokkoofi waggaa 30f duudee ture waan dhoheef ilmaan Kuush malkaa dur itti irreeffachaa turan hora Finfinneetti dhiichisaafi ragadaaa imalaa jiru. Kunis magaalattii miila tokkoon dhaabeera.

Anis dirqama ogummaa koo bahuuf foolleewwaniin sakatta’amee garasitti qajeeleera. Doloolloo Biddeenaa (Addababayii Masqalaa) lafti ija xaafii buusan hinjiru, Oromoo dabalatee ijoolleen Kuush (Sidaamaan, Qabbeennaafi Halaabaafaan) uffata aadaa eenyummaasaanii mul’isuuun faayamanii dhiichisaa mareewoo mareewoo jechaa haala namatti  toluun imalaa jiru.

Ganamuma sana inni kaan akkuma jedhe haala nama hawatuun gara Irreechaatti yoo imalu, kuun ammoo irreeffatee deebi’aa jira.

Anis haala ta’aa jiru yaadqalbiin ergan ilaalee booda kitaaba Tasfaayee Gabra’aab/Gadaa “Callisa Burqaa”jedhutu sammuu kootti dhufe. Oromoon qe’eefi dacheesaarratti abbummaa dhabee ture, kan harkaa qabu saamamee eeggattummaa jalatti erga kufee baroonni lakkaa’amaniiru. Sirni moototaa dabaree irratti waljijjiirus kan as jirtaa Oromoof wabii ta’e tokkollee hinjiru.

Sirni abbaa irrees fakkeenyummaa moototaa hordofuun duula eenyummaa Oromoo lafarraa balleessuu baneen Oromoon addunyaa kanarraa dhabame kitila.

Sirni ADWUI dimokraasii dhugaaf dhaabadheera ofiin jechaa tures dhimmaafi mirga Oromoo duubatti gatuun Oromoon manasaatti boquu buusee akka jiraatu biddeena abjuu nyaachisaa waggoota 27 lakkoofsise.

Burqaan hora Finfinnee kunis hacuuccaa sirnoonni kunniin Oromoorraan gahaa jiraniin kan mufate garaa lafaatti galuusaatiin horri akaakileefi habaabileen Oromoo itti irreeffachaa ture lafa keessaa baduu akka danda’e kitaaba Tasfaayee Gabra’aab keessatti abjootamuunsaa ibsameera.

Burqaan of dhokse kun hanga aarsaan barbaachisu kaffalamutti kan hindhugamneefi dhangaggaa’aa kan ta’e yoo ta’u, aarsaan kaffalamuu qabu erga baheen booda burqaan kun malkaa hunduurraa dhugee dheebuu bahu akka ta’ellee Obbo Waaqoon abjootanii imaanaa dhaamanii darbaniiru.

Har’a Oromoon qeerroo kumaatamaan lakkaa’aman aarsaa dhiigaafi lubbuu kaffaluun boquun Oromoo jaarraa tokkoofi waggaa 30 oliif gadi cabee ture ol jedhee akka deemu taasiseera.

Burqaan of dhoksee dachee keessa gadi badee tures akkuma abjuu Obbo Waaqoo yeroosaa eegee aarsaa kaffalame sababa godhachuun dhohee bahe.

Kunoo Oromoofi obbolaansaa ijoolleen Kuush gammachuun Oromoo keenya jechuun dhiichisa isaanillee hora Finfinnee Dololloo Biddeenaatti argamuun of jiisanii abaarsa barootaaf dhalooticharra ture dhiqachuun waggaa waggaan nu haa gahu, injifannoo keenyas waloon akka tikfannu, nugargaari jechaa uumaasaanii galateeffatanii imimmaan jaalalaafi dhiigummaan wal gaggeessaniiru.

Ilmaan Kuush kunneen qabeenyasaaniirratti abbummaa dhabuun saamamaa, dhiitamaa, dhiibamaa, biyyaaa baafamaa, ajjeefamaa dhufa guyyaa bilisummaa kana dheebochaa kan turan yoo ta’u, har’a Hora Finfinneetti agartuusaanii banatanii dhiichisaa waleebbisanii walgaggeessaniiru.

Obbolummaansaanii kunis siyaasaan, dinagdeedhaan, hawaasummaan walutubee, walunatee akka deemuuf qindoominaan kan hojjetan ta’uu dhaammatanii nagaatti jechaa imalasaanii gara dachee dhalootasaaniitti taasisaniiru.

Anas kanatu dhibe aarsaan hanga wareegama lubbuu gaafatu kaffalamuusaatiin booda injifannoon abbaa biyyummaa mul’achuu eegaluunsaa raagaafi abjuu kitaaba Tasfaayee Gabra’aab ykn Gadaa ‘Callisa Burqaa’ jedhu keessatti barreeffametu dhugaatti jijjiirame jedheen yaadqalbii koo fagaate as deebisee warra walgaggeessu kanneenirra na qubachiise.

Kaan dhiichisaa ragadaa lafa sochoosa, kaanimmoo gammachuu ijoollee Kuush wareegaan argame goomatee dhoksaatti kan dhukkubsatus kumaatama.

Egaa kan gammachuu namaatti hingammanne maal jedhama? isa jedhus ilaaleen malaaf malli jira, mucaaf harmi jira akkuma jedhamu warra gammachuu ijoollee Kuushitti dhukkubsatuuf qorichi dura bu’oota jijjiiramicha lafa qabsiisuuf halkanii guyyaa ifaajaa jiraniidha.

Kanas ta’e sana akka kaleessaa ilaalcha natu siif beekaatiin kan kootu caalaan sabaafi sablammii 83 ol Itoophiyaa keessa jiraatan waliin jiraachuun abjuudha.

Egaa qotiyyoo duriin hinqotanii, akka baran osoo hintaane akka baraatti bulu jedhama mitiiree. Ilmaan Kuush saba dimokraatawaa kana waliin jiraachuufis ta’e tarkaanfachuuf dimokraatawaa ta’uun barbaachisaadha.

Hiikni dimokiraasiif gochaansaa yeroof isaanii galuu baatus hanga hubatanitti obsuun dirqama Seera Gadaa yoo ta’u, injifannoo aarsaa dhiigaaf lubbuun argame kana busheessuuf yaaliin taasifamu garuu gatii akka nama kaffalchiisu beekuun barbaachisaadha.

Isa kanaaf immoo namoota hubannoon dimokiraasii isaaniif hingalle akka galuuf dirqamni olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaatti laatame hojiirra ooluu qaba.

Kabajamuu olaantummaa seeraaf heera mootummaaf warraaqsicha qondaaltota jajjabee kumaatama kan horate yoo ta’u beekaa ofiin hoogganamaa kabajamuu seeraaf gumaacha barbaachisaa bahuunimmoo dirqama lammummaati.

Walumaa galatti Injifannoon kun kan uummata bal’aaf cunqurfamoof aarsaaf wareegama dhiigaaf lubbuun dhufe waan ta’eef lafa qabachuu olaantummaa seeraaf tumsa gochuun barbaachisaa dha. Kun ta’us  bololaa aangoof jecha sirnicha kirkirsuuf yaaliin taasifamu abaarsa guddaa akka callisa burqaa jaarraa hedduuf lafa keessa of dhokse kanaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf harcaatota faallaa sirnichaa deemanirratti qabsaa’aa injifannoo cululuqaa kana kunuunsuun dirqama lammii hundaati.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

2 Comments to “Burqaa jaarraa tokkoofi walakka booda”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *