Finfinnee: Duudhaaleen Irreecha keessa jiran jijjiiramoota hawaas-dinagdeefi siyaasa Itoophiyaa ceesisuurra darbanii walta’insa biyyoota Afrikaaf kan gumaachan ta’uu abbootiin Gadaa Oromoo ibsuurratti argamu.
Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas duudhaaleen Irreecha keessa jiran marti ilaalcha lammiilee afrikaanotaa gara misoomaa, guddinaafi walta’insaatti ceesisuuf humna qabaachuusaa beeksiseera. Kanaanis hayyootaan qoratamaa kan ture yoo ta’u, bu’aa qabeessummaansaa olaanaa ta’uun ibsameera.
Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Girmaa Hayiluu akka jedhanitti, Sirna Gadaa Oromoo keessatti Irreechi iddoo guddaa qaba. Irreechi guyyaa galataa waan ta’eef duudhaalee kanneen akka nageenyaa, walta’insaa, tokkummaa, jaalalaa, misoomaa, waldanda’uufi walkabajuu of keessaa kan qabuudha.
Sirni Gadaa Oromoo bara 2008tti Dhaabbata Mootummoota Walta’anii Damee Barnootaa, Saayinsiifi Aadaatti (UNESCO) akka hambaa kiliyaatti galmaa’uusaa yaadachiisanii, Irreechis sirnuma kana jalatti qabameera jedhan.
Ta’us, duudhaaleen Irreecha keessa jiran haalaan bal’inaafi faayidaa waan qabaniif qofaatti of danda’ee yuneskootti akka galmaa’uuf biiroonsaanii hayyoota Oromoo wajjin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kana milkeessuufis hayyootni biyyattii qorannoo gadi fageenya qabu akka adeemsisaniif waamichi taasifamaa tureera; gariinis awwaachaa jiraachuu himaniiru.
Akka ibsasaaniitti, Irreechi Hora Finfinnee waggoota dheeraa booda barana Finfinneetti kabajamu seenaa guddaa ta’uurra darbee calaqqee walta’insa biyyaalessaati. Kanaaf sirnichi karaa safuufi duudhaa ummata Oromoo bu’uureffateen kabajamuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa turuu eeraniiru.
Hundarra ammoo sochii Irreecha yuneeskootti galmeessisuuf taasifamaa jiru milkeessuuf ayyaanni kun karaa nagaa ta’een kabajamuutu irra jiraata. Kanaaf ammoo ummatni Oromoo abbaa dhimmaa waan ta’eef, hunduu qoodasaa bahachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Sabootaafi sablammootni naannolee biyyattiis Irreecharratti hirmaachuuf Finfinnee seenaa waan jiraniif simannaan ho’aa taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Qarreefi qeerroon Oromoos sirna ayyaanichaarrattis isaan kunuunsuufi dursa kennuutiin jaalala qabnuuf qabatamaan mul’isuu akka qabanis yaadachiisaniiru. Ummattoota Itoophiyaa maraaf Irreechi kan nagayaa, jaalalaafi milkii akka ta’uuf hawwaniiru.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012
Surri Daanyee Abarraatiin
5 Comments to “Irreechi of danda’ee yuneskootti akka galmaa’uuf hojjetamaa jira”