“Iccitii muka Odaa nurra kan beeku Waaqa” -Abbaa Gadaa Hayiluu Laggasaa

Finfinnee: Odaan Oromoo biratti muka seenaafi kabaja guddaa qabuudha. Odaan uumamaan mukeen biroorraa adda. Odaa, Gadaafi Oromoon  walirraa adda hinba’an. Odaan galma, kabajaafi mallattoo Oromooti. Mukti kun uumamaan biqiloota biroo irraa adda waan ta’eef eeguufi kunuunsuun barbaachisaadha.

Gumii Abbootii Gadaa Maccaarraa Abbaa Gadaa Hayiluu Laggasaa akka jedhanitti, Odaan mukkeen jiran keessaa adda. Mukti kun Oromoo biratti seera, kabajaafi ulfina guddaa qaba. Odaa, Gadaafi Oromoon walirraa adda hinba’an. Odaan galma, kabajaafi mallattoo Oromooti. Odaan muka irra keessisaa dagaagu, hidda jabaafi umurii dheeraa qabuudha. Odaa mukeen biroorraa waanti adda taasisu tokko daraaree ija godhata garuu halkan waan daraaruuf daraaraan isaa hinmul’atu jedhu.

Namootni baay’een Odaa muka harbuufi qilxuu wajjin walfakkeessu. Odaan garuu akka mukeen biroo bonaafi ganna baala  hinharcaafatu kan jedhan Abbaa Gadaa Hayiluun, caamsaa ykn ongeen akkamii yoo mudatellee Odaan jalli qabbana ykn gaaddisa. Kanaafuu Gadaa Oromootiin Odaa kunuunsuu malee miidhaa irraan gahuun, muruun, jalatti fincaa’uufi bobba’uun dhorkaadha. Namni Odaa miidhe akka nama namaa ajjeeseetti lakkaa’ama. Icciitii Odaa nu caalaa kan beeku Waaqa jedhu.

Odaan muka ulfinaafi safuu guddaa qabuudha kan jedhan abbaan Gadaa kun, Odaafi Oromoon walirraa adda hinba’an; Odaan mallattoo Oromooti. Muka Odaa qofa utuu hintaane biqiloota biroofi waan uumamni isa badhaase eeguufi kunuunsuun aadaa Oromooti.  

Keessumaa biqiloota akka waddeessaafi birbirsaa akka argan muruun tumaa Gadaatiin dhorkaadha. Namni  sibiila qara qabu baatee bosona seenuun dhorkaadha. Yoo muka muruun dirqama isa barbaachisellee akka inni latutti eeggatee muruu qaba. Isa booda kan simure ana miti jedhee sibiila natti hinrifatin jedhee itti  irreeffata jedhu.

Akka Gadaa Oromootti mukti yeroo muramu nutu hinargu malee imimmaan buusee boo’a jedhama. Akka saayisiin jedhuttis, biqilootni yeroo gammadanis ta’e rifatan  qabu.  Ummamni tasgabbii argate jechuun ilmi namaas tasgabbii argateera jechuudha. Kanaafuu akkuma muka Odaa eegnuufi kunuunsinu biqilootaafi lubbuqabeeyyii biroos eeguufi kunuunsuu qabna jedhu Abbaa Gadaa Hayiluun.

Giddugala Aadaa Oromootti, Qorataan Seenaafi Dursaan Garee Seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee akka jedhanitti, waggoota kuma 12 dura ilmaan Oromoo lama wal lolanii hagafti quxusuusaa dhahee ajjeese. Ateet kan jedhamtu awwaala obboleessa isheerra biqiltuu Odaa dhaabdee bishaan Abbayyaa obaasuun kunuunsitee guddiste.

Waggaa waggaan  Odaa sana jalatti ayyaaneffachuun yaadatti turte. Yeroo booda maatiin obboloota sana lamaan Odaa sana jala taa’anii araaraman. Odaanis yeroo sanaa jalqabee muka (gaaddisa) araaraafi seeraa ta’e. Akkasumas muka jala taa’anii araara buusaniifi seera itti tuman akka ta’e himu.

Obbo Diingoo Abdallaa Giddugala Aadaa Oromootti, Abbaa qabeenyaa Kaaffee Odaa Intarnaatinaaliiti. Akka isaan jedhanitti  bara 1997 Magaalaa Adaamaatti Kaaffee Odaa Itarnaashinaalii jedhanii moggaasuun oggaa hojii jalqabuuf jedhenitti, “Maaliif maqaa akkasii baafte, ati ABOdha” jedhanii isaan qoratan. Odaan muka araaraati. Odaa jala yoo taa’an jinniin nama hindhahu. Namni dheebote yoo Odaa waan qara qabuun waraanee aannansaa arraabee dheebuu ba’a. Leenci Odaa koree nama hin nyaatu. “Muka kanaan yoo ittarnashinaala jedhan maaltu itti hir’ata” jedhee ittiin falminaan na dhiisan. Anis maqaa Kaaffee Odaa Intarnaashinaal jedhuun eeyyama baafadhee hojjechaan jira.  Gara fuulduraatti maqaa kanaan Finfinnee keessatti kaaffee iddoo bashannanaa qabu banuuf karooran qaba” jedhan.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012

Recommended For You

10 Comments to ““Iccitii muka Odaa nurra kan beeku Waaqa” -Abbaa Gadaa Hayiluu Laggasaa”

  1. Pingback: valorant esp
  2. Pingback: carts vape
  3. Pingback: Margaret
  4. Pingback: live cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *