Finfinnee: Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaa booda barana Fulbaana 24 bara 2012 kan kabajamu yoo ta’u, borumtaasaa ammoo Irreechi Hora Harsadii Magaalaa Bishooftuutti ni kabajama.
Ayyaanicha sababeeffachuun agarsiisniifi baazaarii Kibxata darberraa eegalee hanga Jalabultii ayyaana Irreechaatti turu Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti banameera. Agarsiisicharrattis uffannaa, faayawwaniifi nyaatawwan aadaa Oromoofi kitaabotni Afaan Oromootiin barreefaman adda addaafi suuraawwan dhiyaataniiru.
Doktar Wandimmuu Taganyi barsiisaa Yuunivarsitii Amboo yoo ta’an namoota agarsiisicharratti hirmaatan keessaa isaan tokkoo. Agarsiisicharratti ‘T’-shartoota adda addaa alaabaa abbaa Gadaafi Odaa akkasumas barreeffama ‘’Irreecha Hora Finfinnee bara 2019’’ jedhu ofirraa qabu, kooffiyyaa, faayaawwan alaabaa abbaa Gadaa ofirraa qabu kan harkatti godhataniifi mormatti diratan qabatanii dhiyaataniiru.
Aadaa sabichaa beeksisuu keessatti gahee isaan irraa eegamu bahachuuf jecha agarsiisicharratti kan argaman ta’uus ni dubbatu.
Irreecha Hora Finfinnee waggaa 150 booda deebi’e sirriitti kabajuudhaan bakka duraatti deebisuu qabna kan jedhan Doktar Wandimmuun, ummatnis uffannaafi faayaawwan aadaatiin bareedee ayyaanicharratti hirmaachuu akka qabu yaadachiisuun agarsiisichi ummatni Oromoo uffannaafi faayaawwan aadaa barbaadu bakka tokkotti argatee akka bitatuuf kan gargaaru ta’uufi gara ayyaanicha madda galii guddina dinagdee keenyaa akka utubuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechuu qabna jedhu.
Obbo Ibraahiim Shaabaay Awustiraaliyaarraa ayyaanna irreechaa kabajuufi maatii isaanii dubbisuuf kan dhufan yoo ta’u, namoota agarsiisicharratti uffannaa aadaa bitachaa turan keessaa isaan tokko.
“Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee qabsoo wareegama dhiigaafi lubbuutiin deebi’e ayyaana seena qabeessa abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuudha. Ayyaana aadaa Oromoo addunyaatti beeksisuu kana hawata tuuristii gochuuf sirriitti irratti hojjechuun barbaachisaadha. Finfinneen handhuura Oromiyaa waan taateef wantoonni duudhaafi aadaa ummatichaa ibsan baay’inaan keessatti hojjetamuu qabu” jedhu.
Siyaasni dinagdeedhaan hindeggeramne akka ittoo soogidda hinqabneeti kan jedhan Obbo Ibraahiim, kanaaf dinagdee keenya guddisuurrattis xiyyeeffannee hojjechuun bmurteessaa ta’uu eeran. Oromoon siyaasa qofa utuu hintaane daldala keessas galee dinagdeesaa guddisuurratti xiyyeeffachuu akka qabu gorsu.
Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Admaasuu Waaqggaarii baniinsa agarsiisichaarratti akka jedhanitti, ummatni Oromoo Ayyaana Irreechaa bara 2012 keessumaa kan hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaaf addaan cite ture qabsoo cimaa taasisuudhaan yeroo inni kabajachuuf jedhutti agarsiisniifi baazaariin aadaa Oromoo mul’isu sabboontota ilmaan Oromootiin qindaa’ee jala bultii ayyaanichaatti dhiyaachuusaa guddaa nama gammachiisa. Agarsiisni kun uffannaa, faayaawwaniifi nyaatawwan aadaan Oromoo beekisisuu keessatti gahee olaanaa qabaata.
Xiinxalaan Siyaasaafi Daarektarri Miidiyaa OMN Obbo Jawaar Mahaammad gamasaaniitiin akka jedhanitti, fiigicha Irreechaa yeroo darbe geggeeffame nagaan xumuruun hiika guddaa qaba. Agarsiisni aadaa kunis waan qabnu walitti gurguruufi walirra bituudhaan dinagdeedhaan akka wal cimsinu waan taasisuuf waltajjiin walfakkaatu magaalota Oromiyaa hunda keessatti babal’achuu qaba.
Qabsoo keenya harka mirgaatiin qabannee itti fufsiisuudhaan harka bitaatiin ammoo dinagdee keenya cimsachuuf socho’uu qabna jedhanii, dinagdeedhaan hinutubamne lafee foon hinqabne waan ta’eef dinagdeerrattis cimuun akka barbaachisu ibsu.
Durataa’aa Ittaanaan Kongirasii Federaalistii Oromoo, Obbo Baqqalaa Garbaa akka jedhanitti, agarsiisichi waltajjii aadaan Oromoo itti calaqqisuufi bakka ummatni Oromoo itti walbaruudha. Ummatni Oromoo ayyaana Irreecha baranaa nagaafi tasgabbiidhaan xumuree aadaa Oromoo caalaatti beeksisuu qaba.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 17/2012
8 Comments to ““Qabsoo keenya harka mirgaatiin qabannee bitaadhaan dinagdee keenya guddifachuuf socho’uu qabna” -Obbo Jawaar Mahaammad”