IRREECHAAFI OROMOO

Irreechi ayyaanota Oromoo biratti garaa garummaa tokko malee miira tokkummaatiin ummata miliyoonota hirmaachisuun sirna ho’aadhaan kabajamu keessaa isa tokkoofi adda durummaan eeramuudha.

Irreechi sirna galaafi kadhannaa Waaqaaf taasifamu yoo ta’u, ayyaanichaan dahachuun qondaaltonni mootummaa, abbootiin Gadaa, namoonni dhuunfaan ergaa baga nagaan geessanii  waliif darsu, hawwu. Keessumaa ayyaanni Irreechaa baranaa karaa hundaan adda waan ta’eef dhamsaafi hawwii gaarii waliif dabarsuun kun iddoo olaanaa qabaata; seenaa badetu iddootti deebi’eekaa.

Haaluma kanaan qondaaltota mootummaa keessaa Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo karaa Gaazexaa Bariisaa Ummata Oromoo maraan, akkasumas, saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa hundaan ergaa, “Baga bacaqii gannaa baatanii IRREECHA Birraa barii Masqalaan geessan” jedhaniiru.

Ummanni Oromoo, ummattoota hortee Kuush Afrikaa Bahaatti argaman keessaa isa guddaa Itoophiyaa keessaafi ala jiraatu ta’uu eeranii, naannoonsaa Oromiyaan quubsuma lafaatiin Itoophiyaa keessatti kan argamuufi naannolee saglan Heera Mootummaa Rippablikii Demokraatawaa Itoophiyaatiin beekamtii argatan keessaa tokkorraa kan hafe hundaan kan waldaangessu ta’uus yaadachiisaniiru.

Ummatichi duudhaafi hariiroo waliin jireenya saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa biroo of keessattis haammatee wajjummaan jiraachuu, akkasumas, ollasaatti nagaafi jaalalaan jiraachuudhaan saba beekamuufi muuxannoo baroota dheeraa lakkoofsise qabu akka ta’es afyaa’ittiin ni ibsu.

Oromoon, jaarraa 16fa keessa qaroomina sirna Gadaatiin falaasama bulchiinsaa tokko jalatti walbulchaa kan tureefi siyaas-dinagdeesaas karaa dimokraatawaadhaan saba gaggeeffachaa ture yommuu ta’u, qajeeltoowwan dimokraasii har’a addunyaan itti fayyadamaa jirtuufis bu’uurrisaa qaroomina Oromoo biraa madde, sirna Gadaati jedhu.

Jijjiirama biyya keenyatti dhufeenis duudhaalee sirna Gadaatti deebi’uun isaan haa hoogganamnu wayita jennu, ijaarsa sirna dimokraasiif Gadaan bu’uuraafi falaasama bulchiinsaa rakkoo biyya keenyaa hiikuuf filannoo biraa kan hinqabne ta’uu waan hubanneefi jedhu Addee Loomiin.

Sirna Gadaa jalatti galmee addunyaa hambaa kiliyaa kan ta’e ‘UNESCO’tti IRREECHI akka galmaa’uuf hojjetamaa kan jiru ta’uu hubachiisuun, uummata Oromoo hunda biratti Irreechi jaalatamaafi kabajamaa akkasumas, Oromiyaa keessatti waggaa waggaan bakkeewwan adda addaatti Irreecha Malkaafi Tulluu jedhamee kabajamaa kan jiru ta’uus ibsaniiru.

Keessattuu, “Irreechi Malkaa wayita Birraan bari’u Bishooftuu, Hora Arsadiitti irreeffatamu Oromoon gola Oromiyaa hundarraa bakka itti walarguufi waaqa, uumaasaa ittigalateeffatu ta’uurra darbee, tokkummaa cimaa saba keenya gidduutti uumuun ayyaana gahee guddaa taphachaa jiruudhadha” jedhu

Kana malees saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa guyyaa Oromoon walgahee uumaasaa galateeffachuuf irreeffatutti argamuun jaalalaafi aantummaa Oromoof qaban agarsiisaa turaniifis kabajaa guddaa kan qaban ta’uu ibsan.

Irreechi, guyyaa galataafi kadhannaa ta’uurra darbee, eenyummaa Oromoo addunyaatti beeksisuu keessattillee gahee guddaa taphachaa tureera. Kana malees, maatiin, hiriyoonniifi firoonni tokkummaan walarguun mallattoo Oromummaa kan ta’e faaya aadaa Oromootiin miidhaganii gammachuusaanii guyyaa itti ibsataniifi waggaa waggaan wayita birraan bari’u hawwiin eeganiidha jedhan.

Kanaaf, baranas, ayyaana guddaa Oromoon biyya keessaafi alaa, saboonni biroofi tuuristoonni addunyaa bakkawwan adda addaarraa dhufuun irratti argamuun walumatti ummanni miiliyoonotaan lakkaa’amu tokkummaafi jaalalaan bahanii irreeffachuuf hawwiin eegaa jiraniifi ummata Oromoo maraan, “Baga bacaqii gannaa baatanii, birraa barii, Masqalaafi Irreechaaf isin gahe” jedhan Aadde Loomiin.

“Irreecha baranaas qabsoo hadhaawaafi wareegama qaqqaalii uumanni keenya kaffaleen injifannoon argame lafa aadaa, seenaafi handhuura Oromoo ganamaa jaarraa tokkoofi walakkaaf daba alagaatiin nurratti raawwatameen HORA FINFINNEE Oromoon irraa dhiibamerratti irreeffachuuf har’a carroomnee jirra; dhaloonni har’aas warra seenaa taanee waan jirruuf baga gammaddan” jedhaniiru.

Waan ta’eefis, injifannoowwan arganne kun kennaadhaan nu qaqqabe osoo hintaane, aarsaa qaqqaalii Oromoon waggoota dheeraaf ilmaansaa itti wareeguun argate ta’uunsaa ummata keenya duraa kan dhokate miti. Kanaaf immoo, ummanni keenya waan har’a argate kana akka dhuunfaattis ta’e akka sabaatti garaagarummaa tokko malee walta’uun kunuunfachuufi tikfachuun injifannoo dabalataa galmeessisuuf hojjechuu qabna jechuun ibsaniiru.

“Injifannoo dabalataatiif ummanni keenya mootummaa cinaa hiriiree hojjechuu qaba wayita jennu immoo, nageenyi ummata keenyaa yoo mirkanaa’e qofa. Nagaan jiruufi jireenya dhala namaa keessaa isa bu’uuraafi murteessaa, akkasumas, nagaa malee guddina yaadamu arguun waan hindanda’amneef, qaamoleen mootummaafi sektaroonni dhimmi ilaalu nageenya ummata keenyaa mirkaneessuu keessatti gahee isaanii akka taphataniif Caffeen, hordoffiifi to’annoo taasisu cimsee kan itti fufu ta’a jechuun hubachiisaniiru.

Walumaagalatti, Irreechi ayyaana guddaa Oromoon biyya keessaafi alaa irratti walargu ta’uu Caffeen hubatee qaamolee mootummaa biroo waliin qindaa’uun milkaa’ina kabaja ayyaana kanaatiif qophii barbaachisaa taasiisaa jiraachuus Aadde Loomiin beeksisaniiru.

Barana ayyaana Irreechaa bifa adda ta’een Hora Finfinnee, Magaalaa Finfinneetti kabajuuf, ittaansees Hora Arsadii, Bishooftuutti kabajuuf sadarkaa naannootti qophii barbaachisaan taasifamaa akka jirus dubbataniiru.

Haa ta’u malee, “Ummanni keenya ayyaana kanarratti hirmaachuuf dhuftan hundi karaa duudhaafi naamusa Oromummaa keenya calaqqisiisuun, nagaafi tasgabbiin, akkasumas sabaafi sablammoota nu waliin kabajuuf dhufaniif jaalalaafi kabaja olaanaa qabnu mirkaneessuun, addunyaaf fakkeenya taanee mul’achuu qabna” jedhaniiru.

Xumuurarrattis Afyaa’iin Caffee Oromiyaa, Aadde Loomii Badhoo ergaa ittaanu dabarsaniiru. Ummata Oromoo hundaan akkasumas, saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa maraan maqaakoofi maqaa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ‘Baga Ittiin Isin Gahe; Baga Ittiin Nu Gahe’ jechuun hawwiin qabu ibsa. Irreechi kan Nagaa, Badhaadhinaa, Gammachuu, Milkiifi Tokkummaa Nuuf Haa ta’u!

Ayyaana Gaarii!!

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 17/2012

Recommended For You

6 Comments to “IRREECHAAFI OROMOO”

  1. Pingback: ai ดูดวง
  2. Pingback: live webcams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *