Finfinnee: Biiroon Barnoota Oromiyaa waggumaan yaa’ii barnootaa si’a lama adeemsifachaa kan ture yoo ta’u, kan bara jalqabaa kanas Fulbaana 12 bara 2012 Finfinnee, Hoteela Intarkontinantaaliitti adeemsifateera.
Kaayyoonsaas tokkoon tokkoon rakkoolee barnootaa naannichaa adda baasuun furmaata kaa’uufi manneen barnootaa sadarkaa 1fa, 2fafi kollejjota jiran mara wiirtuu jijjiiramaa akka ta’aniif qindoominaan irratti hojjechuu akka ta’e ibsameera. Hundarra ammoo barnootni egeree Oromiyaafi ummata Oromoo kan murteessu waan ta’eef, kutaalee hawaasa maraa xiyyeeffachiisuuf kan gargaaru ta’uusaa hubatameera.
Hoggantootniifi ogeessotni barnootaa, hawaasni manneen barnootaa, dhaabbileen deggartootaa irratti hirmaataniiru. Qaamoleen hojii baruu barsiisuuf gumaacha addaddaa gochaa turaniifi barattootni bara 2011 qorumsa biyyaalessaa kutaa 10fafi 12fa fudhachuun qabxii olaanaa galmeessanis badhaafamaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo yaa’icharratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, egeree ummata Oromoo kan murteessu barnoota waa ta’eef, biiroonsaanii waliigahinsaafi qulqullina barnootaarratti cichee hojjechaa tureera; jiras. Kanaanis dhaloota dammaqinaan misooma hawaas-dinagdeefi siyaasa keessatti hirmaachuun qoodasaa bahachuu danda’u horachuun danda’ameeraa jedhan.
Bara barnootaa 2012ttis akka naannoo Oromiyaatti barattoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa miliyoona 11 barsiisuuf karoorfameeraa jedhanii, kanaafis qophiin gahaan taasifamuusaa ibsaniiru. Barnootni egeree dhalootaa murteessuuf gahee olaanaa waan qabuuf, barattootni umriinsaanii barnootaaf gahe marti barumsasaanii hordofuu akka qabanis yaadachiisaniiru. Kanaaf ammoo maatiin barattootaa, ogeessotni barnootaafi hawaasni hundi kaka’umsa uumuu akka qaban gaafataniiru.
Akka naannichaatti qulqullinni barnootaa hanga har’aattuu yaaddoo waan ta’eef, bara haaraa kanatti furuudhaaf deggartootni barnootaa marti tumsa walirraa hincitne gochuu akka qabanis yaadachiisaniiru. Nageenya manneen barnootaa mirkaneessuufis hunduu qoodasarraa eegamu bahachuu qabaa jedhan.
Dhaabbilee barnootaa babal’isuun, walgitinsa barattootaa mirkaneessuun, barnoota ga’eessota cimsuun, qabeenya manneen barnootaa kunuunsuufi hirmaannaa hawaasaa, akkasumas dhaabbilee deggartootaa jajjabeessuun akka kallattii barnootaatti qabameeraa jedhan.
Pirezidaantii Ittaanaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas xumura yaa’ichaarratti argamuun ergaa dabarsaniiru. Kanaanis Oromiyaatti ijoolleen umriinsaanii barnootaaf gahe tokkollee manatti hafuu akka hinqabne hubachiisaniiru. Kanaaf ammoo hoggansisaanii itti dhiyeenyaan to’annoofi hordoffii ni taasisaa jedhanii, kutaaleen hawaasaas deggarsa gochuu akka qabanidha, kan dubbatan.
Barnootni sadarkaa kamittuu qulqullinaan akka kennamuufis hoggansi sektara barnootaa kutannoon hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Barattootnis barnootasaanii haalaan hordofanii guddina waliigala biyyasaaniif gumaachuuf xiiqiin barachuu qabuu jedhan. Hojjettootni mootummaafi ogeessotni barnootaas barachuu barattootaa si’eessuuf tumsa akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Takkaalliny Gabayyootiin
(Suurri Waynisheet Kaasaa)
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 17/2012
7 Comments to “Barnootni egeree Oromiyaa murteessa”