Ummata Oromoo miliyoona 40 caalu keesaaa dhibbantaan 23 sarara hiyyummaa gadii keessatti argama. Babal’achuu hiyyummaa kanaaf sababa kan tae hanniifi saamichi heddummaachuu waliin kan walqabatu yoo ta’u, hudhaalee kanneeniin gaaga’amni dinagdee biyyattiirra qaqqabe daran hammaataa ture.
Ummanni Oromoos warraaqsa siyaasaa hadhaa’aa taasisuun adeemsicha injifannoodhaan xumuree fuulasaa gara misoomaatti naannessuun dheebuusaa waggootaa dheeraa dhandhamuu eegaleera.
Akkuma, “Harki baay’een hojii salphisa” jedhamu san harki kaleessa hattootarratti duuluun sirna hattootaa diige har’as tulluu hiyyummaa diiguuf kutatee waan ka’eef Kaampaanii Qindaa’aa Sheerii Odaa ija ummata bal’aa ta’e hundeessuu danda’eera.
Tibbuma kana sirna eebba buufata raabsaa boba’aaa Magaalaa Galaaniifi Baasii Odaa gaggeeffamerratti argamuun haasaa kan taasisan Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dubbii dubbataniin, irreen Oromoo sirna hattootaa diige har’ammoo misooma dhandhamuu dandahuufi ilmaansaatti darbuu dandahu hundeessuu dandaheera jedhan.
Warraaqsa dinagdee Oromoo rakkoo siyaasaan hubamee ture bayyanachiisuuf wayita sosochiin karoora hiixataan Sheerii Odaa kun jalqabe namoonni hedduu hin milkaa’u jedhanii abdii kutachaa turaniiru jedhanii, kutannoo nidandeenyaa Oromoon agarsiiseen ija godhachuu dandahuusaatti gammaduu ibsann.
Oromoon eeggattummaa jalaa bahuuf babala’chuun misoomaa isa murteessaa ta’uus eeranii, bu’aan kaampaanichaa guddatee fakkeenyummaan kan eeramuudha jedhan.
Akka ibsa pirezdaantichaatti warraaqsi dinagdee Oromoo utubuuf aggaamamee kun fuuldurattis itti kan fufu yoo ta’u, ummannis sosochicha cinaa dhaabachuun fayyadamummaasaa haalaan mirkaneeffachuuf tumsiin irraa eegama.
Lakkoofsaan baay’achuun ilmaan Oromoo qabeenyaanis dabaalamuu akka qabaatullee Obbo Shimallis yoo kaasan isa qaban eeggachaa kan hafetti aggaammachaa miira tokkummaatiin hojjechuun dirqama Oromummaati jedhu.
Dhalli namaa akka waan hiyyummaa wajjin uumameetti of lakkaahuu hinqabu jedhanii, hojjennaan jijjiirama barbaade galmeessisuun kan dandahamu ta’uu sosochii warraaqsa dinagdee Kaampaanii Sheerii Odaarraa barachuun kan dandahamu ta’uu himan.
Dinagdee Oromoo gaaga’ama keessaa baasuuf akkuma kaampaanichaa kumaatama horachuun murteessaa akka ta’e dubbatanii, yeroo ammaattis warraaqsa dinagdee Oromoo kana utubuuf sosochiin Konistiraakshiniin Walaabuu taasisaa jiru olaanaadha jedhan.
Warraaqsa gama indastiriif, manuufaakcheriingiin eegalame kana qonna hammayyaa babal’isuun misoomawwan qonnaan bulaa fayyadamaa taasisan babal’isuuf tumsi mootummaa cimee itti fufa kan jedhan Obbo Shimallis milkaahinasaaf tumsi lammiilees barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Warraaqsa dinagdee Oromoo Sheerii Odaa kun kan wixiname bara dukkanaa Oromoon sagaleesaa dhageessisuu hindandeenye keessa akka ta’e kan himan immoo Kantiibaa Ittaanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaati.
Warraaqsichi wayita wixiname sanatti namoonni hedduu shakkii keessa turuu kaasanii, hara’a ijjisaa lafarratti argamuunsaa bu’aa qabsoo gaafasii kan dhugoomse waan ta’eef kan jajjabeeffamuu qabuufi irraa baratamudha jedhan.
Kaampaaniin Sheerii Odaa kun bu’aa qabsoo ilmaan Oromoo ta’uus himanii, dinagdeen Oromoo siyaasaan gaaga’amaa ture ijaaramuu jalqabamuusaaf agarsiistuu guddaadha jedhan.
Kaampaanii kana wanni adda taasisu yeroo gabaabaa keessatti baasiiwwan 50fi buufataalee raabsaa boba’aa lama eebbisiisuusaati kan jedhan kantiibichi jalqabbii kana cimsuuf harki baay’ee Oromoo kun utubuu akka qabullee kaasaniiru.
Akka ibsasaaniitti Oromoon kana booda hiyyummaan maqaa kan dhahamu osoo hintaane ofirra darbee ollaasaaf ummata moodela ta’uu qabu waan ta’eef warraaqsicha finiinsuun barbaachisaadha.
Ittigaafatamaan Kaampaanii Sheerii Odaa, Obbo Isheetuu Zallaqaa gamasaaniin sirna eebba buufata raabsaa boba’aaf baasii Odaarratti dubbii dubbataniin warraaqsi dinagdee taasisaa jiran daran hiixataa ta’uu eeran.
Karoora kana keessaa buufatoonni raabsa boba’aa lama qarshii miliyoona 42n magaalaa Galaanitti ijaaramaniifi baasiiwwan qaxxaamura biyyaa 50 qarshii miliyoona 400n bitamuu ibsaniiru.
Buufatni raabsa boba’aa kun ifatti banumuusaan hojidhabeeyyii 100 oliif carraa hojii banuu akka dandhe kan ibsan Obbo Isheetuun konkolaachistoota 200 oliifsi abdiin ofitti amanamummaa akka jiraatu kaampaanichi shoora guddaa taphateera jedhan.
Rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa kana furuuf hojii waliin gahinsaa hojjetamaa jiruun raabsaaleen bobahaa 10 ijaarsarra jiraachuu ibsanii, waggaa sadii booda gara buufata raabsaa boba’aafi zayitii konkolaataa 100tti ol guddisuuf hojiitti seenameera jedhan.
Akka Itoophiyaatti buufataaleen raabsa boba’aafi zayitii konkolaataa 800 qofa tahuu kan ibsan Obbo Isheetuun kaapaaniinsaanii waggaa sadiin booda gara 100tti yeroo ol guddisu isa jalqabaa ta’ee akka galmaahu kaasaniiru. Kunimmoo dargaggoota hojidhabeeyyiif Oromootti miira abdii horannaa akka uumus kaasaniiru.
Kanamalees warraaqsi dinagdee kaampaanichaa akka Afrikaa Bahaatti isa jalqabaafi ijoo ta’uun Oromiyaa maqaa waamsisa kan jedhan Obbo Isheetuun, hariiroo Afrikaa Bahaafi Oromoo gidduu jiru cimsuufillee tajaajila geejjibaa Finfinneerraa biyyoota Afrikaa bahaatti taasisuuf hojiin jalqabamuu dubbatan.
Kanaafis waggaa sadii booda baasiiwwan Odaa 300 dabalataan galchuun geejjiba si’ataafi ammayyaa Itoophiyaafi Afrikaa bahaa walitti hidhu hundeessuuf kutannoon hojjetamaa jira jedhan.
Miseensonni sheerii bitatanii galii hingodhiin hafan warraaqsicha utubuuf dirqamasaanii bahuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 17/2012
5 Comments to ““Baay’inni humna malee ba’aa miti” -Obbo Shimallis Abdiisaa”