Adaamaa: Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa hattoota qabeenya biyyaa saamaa turaniifi hanga ammaatti hinsaaxilamne to’achuuf ragaa qindeessaa jiraachuu ibse.
Komishinarri komiishinicha Obbo Abbabaa Kabbadaa ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, komiishinichi hattoota qabeenya biyyaa saaman saaxiluuf ragaa barbaachisaa qindeeffachaa jira. Nama hattummaan shakkame qabuun dura ragaa qabatamaa walitti qabachuun dirqama mana hojichaa ta’uu himaniiru.
Hojiin hattoota saaxiluu eegalamee ture kan callisamee bira darbame fakkaatus qaamolee haqaa shanan waliin ragaalee barbaachisu qindeessuun hattoota hinsaaxilamin to’achuuf hojjechaa jiraachuu kan himan komiishinarichi, dinagdeen Oromiyaas ta’e biyyaa gaaga’amaa hannaaf saamicha irraa baraaruuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Sosochii kanaan dura taasifameen hattoonni hedduun qabamanii hordoffii seeraa jala jiraachuu kan himan Obbo Kabbadaan, kanneen hafan saaxiluufis ragaaleen barbaachisoo walitti qabamaa jiru. Hojii gama kanaan jalqabame milkeessuuf qaamolee haqaa gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Hojiin hattoota saaxiluuf seeratti dhiyeessuu kun xiyyeeffannoofi kutannoo cimaa waan barbaaduuf qindoominaan irratti hojjechuu kan barbaachisu ta’uu himanii, shakkamaa mara qabuurra ragaalee barbaachisoo erga irratti walitti qabatanii booda qabuun akka seeratti dhiyaatan taasisuuf hojjechaa kan jiran ta’uu himu.
Hattootni ragaan qabatamaan irratti walitti qabame yeroo gabaabaa keessatti qabamanii yakka hannaatiin akka gaafataman ni taasifama kan jedhan komiishinarichi, shakkamtoonni dhimmisaanii qorannaarra jiru gadi fageenyaan akka ilaalamuuf Abbaa Alangaatti kan dabarsan ta’uu ibsaniiru.
Akka ibsa Komishinarichaatti, hojmaatota badaa haqa uummataa dabsan dhabamsiisuuf sektaroota mootummaa gara garaa keessatti jijjiiramni akka mul’atu ta’eera. Hanna sektaroota mootummaa gara garaa keessatti heddummaatu dhabamsiisuufis qondaaltota naamusaafi qaamolee dagaagina naamusaa sadarkaa Daariktaraatti ijaaruun hudhaalee sadarkaa aanaa hanga gareetti jiran dhabamsiisuuf hojii jajjabeessaan raawwatameera. Sosochii gama kanan taasifameen maallaqni mootummaa seeraan ala hatamaafi saamamaa ture kan biliyoonaan lakkaa’amu baraaruun danda’ameera.
Ijaaramni kun hanniif saamichi kichummaatti akka maseenuuf hojiin hubannoo uumuu raawwatamaa jiruun hawaasa qabeenyasaafi mootummaaf quuqamu baay’inaan horachuun danda’ameera kan jedhan Obbo Abbabaan, sosochiiwwan kana cinattis maddoota hannaafi saamichaa irratti qorannoo xixiqqaa gaggeessuun lammii hannaafi saamicha irraa bilisa ta’e horachuuf qaamolee haqaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbatu.
Yeroo ammaa aanga’ootni mootummaa ergama isaanitti kenname haalaan akka bahataniif qabeenyisaanii akka galmaa’u ta’aa kan jiru yoo ta’u, shakkii jiru adda baasuufis bu’aan jajjabeessaa galmaa’aa jiraachuullee Komishinarichi hubachiisaniiru.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012
9 Comments to “Komiishinichi hattoota hinsaaxilamne to’achuuf ragaa qindeessaa jiraachuu beeksise”