Dhaloota gama hundaan qaroomeefi gahoome horachuuf

Dhaloota Kiristoos durarraa eegalee jaarraa 5fa irraa hanga jaarraa 21fatti namoonni dachee kanarratti haalota adda addaatiin dhiibbaa qabu turan waa’ee barumsaarratti waan jedhan danuu qabu.

Akaakuuwwan barumsaa manneen barnootaa keessatti kennaman maniinsaanii ijoon waan dhaloonni darbe raawwate irra deebi’anii raawwachuu otoo hintaane, barattoonni waantota haaraa hojjechuufi gabbisuu akka danda’aniif kan ga’oomsu ta’uu akka qabu gorsu.

Saayikolojistiin Siwiizarlaandi, Jeen Piyaageet jedhamuufi ALA bara 1896 hanga 1980 jiraate waa’ee barumsaa oggaa ibsu, “Barumsi waan nutti himame ykn kutaalee kitaabaa dubbisne keessaa hammam duuchumatti qabanne jechuu otoo hintaane kan beeknuufi hinbeekne hangam addaan baafachuu dandeenyeerra gaaffii jedhu deebisuudha” jedha.

Kana malees barreessaan lammii Faransaayi Anaatolee Firaansi jedhamu, “Barumsi addunya jijjiiruuf meeshaa humna qabeessa” jechuun waa’ee barumsaa ibsa.

Pirezidaantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Neelsan Maandeellaanis “Akeekni ijoon barumsaa haala kamiin miidhagina jaalachuu akka dandeenyu kan ittiin barannuudha” yoo jedhan, falaasamaafihayyuun herregaa, Pilaatoon ammoo “Kaayyoo ijoo barumsaa ta’uu kan qabu namni tokko waan tokkorratti xiyyeeffannaafi sababaan akka yaadu gochuudha. Dandeettiifi waan guutamaa ta’e kalaquun manii sirrii akeeka barumsaati.

Kanaafuu barumsi waa hunda jechuun ni danda’ama. Barumsi sirriin miira of jaalachuu keessaa bahuun waa’ee dhala namaa akka yaadnu kan nu taasisuudha.  Barumsi bantuu bilisummaafi jireenyaati. Barumsi imala dukkana keessaa gara ifaatti taasifamuudha.

Kanaaf biyya keenyattis dhaloonni kun oggaa bara haaraa kanatti barumsa eegalu  nageenya dhaabbileefi manneen barnootaasaaeeggachuun, beekumsaaf cichee addunyaa wajjin dorgomuuf of qopheessuu qaba.  Kun yoo ta’uu baatee kaayyoon qabatamee manaa bahame karaatti hafa.

Barsiisonnis qaroo sabaa waan ta’aniif  yeroosaanii guutumaatti dhaloota qaruuf oolchuun, barattoota gidduutti miirri waliin dorgomuufi walbarsiisuu akka cimuuf yeroo kamuu caalaa tattaafachuu qabu.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuufis adda durummaan socho’uu qabu. Humna, beekumsaafi qabeenya jiru qindeessuun dhaloota gama hundaan qaroomeefi gahoome horachuuf mootummaafi hawaasa naannawaa wajjin xiyyeeffannaafi kutannoon hojjechuu qabu.

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

One Comment to “Dhaloota gama hundaan qaroomeefi gahoome horachuuf”

  1. Pingback: rove battery

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *