Xiyyeeffannaan baranaa fedhiifi faayidaa ummataa mirkaneessuudha

Pirezdaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsa torban har’aa waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf kennaniin, ummata Oromoofi biyyattii hundaan baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birra geessan jechuun ibsa hawwii gaarii dabarsaniiru.

Barri haaraan kun bara nagaa, gammachuu, badhaadhinaa, injifannoo, tokkummaafi bara rakkooleen keenya bu’uura irraa itti hiikanuufi injifannoowwan hedduuf bu’uura itti kaa’annu akka nuuf ta’u hawwaniiru.  

Hojiilee guguddoo mootummaan naannichaa bara 2011 keessa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaatiin raawwateefi hojiilee  gurguddoo bara 2012 keessa xiyyeeffannaan irratti hojjetamanis ifa taasisaniiru.

Hojiilee bara darbe keessa dirree siyaasaa babal’isuuf raawwatamaniin paartiileen siyaasaa biyya alaa taa’anii qabsaa’aa turan biyyaatti deebi’anii karaa nagaadhaan akka qabsaa’an taasifameera.

Aadaan siyaasa biyyattii wal balleessuu, waldiiguu, walajjeessuu irraa gara mariifi yaadaan walmo’achuutti akka ce’uuf bu’uurri cimaan kaa’ameera. Dhaabbileen dimokiraasii sadarkaa sadarkaan jiran cimanii akka ijaaraman  taasisuufis tattaaffii cimaan taasifameera. Paartiilee siyaasaas waliin mari’achuun dhimmoota waliinii irratti ejjennoo tokko qabachuuf marii bal’aa adeemsisaa turaniiru.

Bara 2011 ummata hirmaachisuudhaan lammiilee qe’ee isaaniirraa buqqa’an miliyoona 1.1 gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an ta’eera. Humni ABO hidhatee Oromiyaa Lixaafi Kibba keessa socho’us mariifi hirmaannaa jaarsolii biyyaa, Abbootii Gadaafi dhaabbilee siyaasaa birootiin akka qe’ee isaaniitti deebi’an gochuudhaaf raawwatameen namootni hedduun gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an ta’eera. Bu’uuruma kanaanOromiyaa Lixaafi Kibbatti nagaafi tasgabbiin akka bu’u, namni akka barbaadetti bilisaan akka socho’uuf haalli mijaa’eera jedhu.

Kontirobaandiifi daldala seeraan alaa midhaan nyaataafi kanneen biroo dhoksuu irraa kaasee gabaa keessatti hir’ina sobaa uumuudhaaf hojii raawwatamaa ture cabsuudhaaf caasaan mootummaa sadarkaa sadarkaan jiru ummata waliin hojii seera kabachiisuu hojjechaa jira.  To’annoofi hordoffii gama kanaan taasifameen qaamolee hedduun seeratti dhiyaatanii akka adabaman taasifameera. Ummatni yakki akka hir’atu taasisuu keessatti  gahee qaama nageenyaatiin bakka hinbu’amne taasiseera. Yeroo ammaa naannoon Oromiyaa haala nageenyaa gaarii keessa jirti. Seeraan alummaan sochiin hawaas dinagdee naannicha takaalaa tures cirameera jedhu.

Ijaarsi sirna dimokiraasii biyyattii akkaataa faayidaafi fedhii qaama  hundaa ibsuun hojiirra oolchuu irratti rakkooleefi hanqinoota hedduu qaba ture. Naannnoleen waliin qabsaa’anis kaayyoo tokkoof utuu hintaane akka biyyoota ollaatti akka wal ilaalan adeemsa taasisutu ture.

Mootummaan naannichaa dhimma kana sirreessuuf mootummoota naannolee waliin marii adeemsiseera. Marii adeemsifamaa tureenis shirri geggeeffamaa ture akka saaxilamuufi hariiroon  ummataa daran cimsuuf hojii bal’aan raawwatamaa tureera.

Naannoleen  daangaafi qabeenyaan akka walitti bu’an taasisuudhaan lammiilee akka buqqa’aniifi nagaan bahanii akka hingalleef  hojii guddaatu raawwatamaa ture. Mootumaan naannichaa mootummoota naannolee waliin ta’uun rakkoon gama kanaan mul’achaa ture bu’uura irraa furuudhaan jijjiiramniifi bu’aalee hedduun akka galmaa’an ta’eera jedhu.

Ummatnis rakkoo hawaas dinagdee isa mudatu waliin hiikuudhaaf sochii cimaa taasisaa jira. Daangaa irrattis waliin misoomuuf waliin hojjechaa jira. Qaamolee naannawaa daangaa irratti  rakkoolee adda addaa uumuuf socho’an irrattis tarkaanfiin seera kabajchiisuu irratti fudhatamaa jira.

Hojiin nageenyaafi tasgabbii ummataa eegsisuu, shira adda addaa deemaa ture saaxiluufi tarkaanffiin seeraa akka irratti fudhatamuuf hojjetamaa ture baranas cimee kan itti fufu ta’uu himu.

Mootummaan naannichaa humna hooggansa siyaasaa sadarkaa sadarkaan jiruu cimsuuf bara 2011 hoggantoota aanaadhaa hanga federaalaatti jiran kuma 20fi hooggantoota bu’uuraa kuma 60f leenjii hubannoo gabbisuufi dandeettii isaanii cimsu kennameera.

Leenjichis hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru bilchina hooggansaa barbaachisu akka horatu, adeemsa jijjijjiirama kanaa sirriitti akka hubatu, akka wal hubatu, fedhiifi faayidaa ummataa sadarkaalee hundatti akka mirkaneessaniifi tajaajila si’ataa kennuu irratti kaka’umsa cimaan akka qabaatu taasiseera.

Hojiilee mootummaan naannichaa dinagdee utubuuf taasisaa tureen jijjiiramoonni qabatamoon akkuma galmaa’an qormaatawwan heduunis nu quunnamaniiru. Invastimantoonni hedduun dhaabbachuu isaaniitiin carraa hojii uumuufi galii mootummaa irratti miidhaa guddaa geessisaa tureera.

Invastaroonni qonna irratti hirmaatan hojiitti galuu dhabuunis hanqinni sanyii filatamaa akka mudatu taasiseera.  Yeroo ammaa garuu invastimantoonni Oromiyaa keessa jiran tokkoofi lama irraa kan hafe hundinuu hojiitti akka deebi’an taasifameera jedhu Obbo Shiimallis.

Hojii bal’aa omisha omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf raawwatameen lafti heektaara kuma 900 kilaasteraan akka omishamu ta’eera. Hojiin kun qonnaan bulaan kilaastericha keessatti hammatame hundinuu galtee walqixa akka fayyadamuufi omishaafi omishtummaan isaa walqixa akka guddatuuf haala mijataa uuma.

Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuudhaan jiruufi jireenya qonnaan bulaa fooyyessuudhaaf makkaanaayzeeshinii qonnaa babal’isuu, misooma jallisii, horsiisa beelladootaafi lukkuu irratti  hojii guddaan raawwatamaa jira.

Rakkoo daldala seeraan alaa furuuf Waldaalee Hojii Gamtaa cimsuu, gabaa misoomsuu, bakka omishni qonnaan bulaa itti dhiyaatu qopheessuu, hooggansa alergii omisha qonnaa cimsuufi Waldaaleen Hojii Gamtaa industirii barbaadan keessatti akka hirmaatan gochuufi omishaalee gabaa biyya keessaafi biyya alaatiif akka dhiyeessan taasisuudhaan hundaa ol ammoo qonnaan bulaa akka tajaajilan taasisuuf hojiilee bal’aan raawwatamanuiiru.

Tajaajila lammummaa waliin walqabatee Caffeen Oromiyaa bara kana seera haaraa baaseera. Tajaajillichi dhalootni  ammaa duudhaafi aadaa Oromootiin akka ijaaramu, tokkummaan isaa akka cimuufi beekumsa, dandeettii, ogummaafi qabeenya ummata bira jiru qindeessinee jijjiirama bu’uuraa ittiin fiduuf gargaara.

Hojii tola ooltummaa bara 2011 keessa hirmaannaa qeerroo, qarreefi ummataatiin raawwatameen qabeenya qarshii biliyoona tokkoo olitti tilmaamamu uumuun danda’ameera. Tajaajilichi  jireenya lammiilee hedduu kan jijjiire ta’uufi dinagdeefi qabeenya dabalataa uumuu keessattis gahee guddaa waan qabuuf waggaa guutuu cimee itti fufuu akka qabu himu.

Walumaagalatti raawwiin hojii bara 2011 qormaatawwan hedduu kan qabu ta’us bu’aawwan qabatamoon kan itti galmaa’aniidha. Jijjiiramicha sirriitti hubatanii hogaanuu irratti hanqinni jiraachuun, qaamoleem jijjiiramichi tapha ala isaan taasise sadarkaa adda addaa irratti hojii diigumsaa irratti bobba’uun, paartiileen siyaasaa aadaa siyaasaa shiraafi wal jibbiinsaan guutame keessaa bahuu dhabuun, ilaachonni finxaaleyyiifi hojdhabdubbaan rakkoolee gurguddoo bara hojichaa keessatti mul’ataniidha.

Rakkoolee kunneen ilaafi ilaameefi mariidhaan  furuuf tattaaffii taasifamaa tureen yeroo ammaa naannicha keessa tasgabbiifi jijjiiramni guddaan mul’achaa jiraachuufi qormaaticha dandammachuun jijjiiramichi utubamee fuulduratti adeemaa jiraachuu dubbatu.

Bara 2012 akka naannichaatti hojii tola ooltummaadhaan hojjetamu utuu hidabalatin bajata qarshii biiliyoona 70n ramadameera. Baajatni qabame kunis  hojiilee bara 2011 keessa jalqabaman itti fufsiisuuf, pirojektoota jalqabaman waggoota dheeraa lafa irra harkifatan xumursiisuuf, rakkoolee bulchiinsa gaariifi kenniinsa tajaajilaatiin walqabatan furuuf kan oolu ta’uu himaniiru.

Filannoo biyyaalessaa barana adeemsifamu haqa qabeessa, hunda hirmaachisaafi karaa nagaafi dimokiraatawaa ta’een akka adeemsifamuuf mootummaan naannichaa gahee isarraa eegamu hunda ni bahata.  

Fedhiifi faayidaa ummataa mirkaneessuu, nagaafi tasgabbii mirkaneessuu, yakka hir’isuu, mirga namummaafi dimokiraasii kabachiisuu, rakkoo hojidhabdummaa hir’isuu, weerara lafa irratti raawwatamu irratti tarkaanfii fudhachuun hojiilee ijoo mootummaan naannichaa ummatta hirmaachisuun barana raawwatu ta’uu himu. 

Ayyaanni irreecha baranaas akkaataa duudhaa ayyaanichaafi kallattii abbootiin Gadaa kaa’aniin kan kabajamu ta’uu himanii, ayyaanichi ayyaana nuti tokkummaa keenya ummata addunyaatti ittiin beeksifnu akka ta’u hawwaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

5 Comments to “Xiyyeeffannaan baranaa fedhiifi faayidaa ummataa mirkaneessuudha”

  1. Pingback: bk8
  2. Pingback: cb tokens

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *