Adaamaa: Qaamoleen haqaa aangoo dahoo godhachuun gocha alseerummaan qaama sirreeffamtootaa gara jabummaan hir’isaa turuu agarsiistuuwwan hedduutu jiru.
Gochi kunimmoo biyya sirna dimokraasiin bulaa jirtutti shaakalamuunsaa alseerummaa yoo ta’u, gochi suukanneessaan akkasii akka itti hinfufneef Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa hojjetaa jiraachuu ibseera.
Tarkaanfiin gara jabummaa sirna moototaarraa kaasee kan dhufe yoo ta’u, keessumaa godaannisa inni ilmaan Oromoorratti maxxansee darbe fakkeenyummaan ka’a.
Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti daariktarri rifoormii, Obbo Jiishaa Guddisaa guyyaa haqa Oromiyaa Adaamaatti kabajamerratti ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin haaromsaan dura qaamoleen haqaa mootummaaf tumsuun sirreeffamtoota seeraa qaama hir’isaa turuu himaniiru.
Kenniinsa haqaa kaleessaafi har’a jedhurratti waraqaa barreffamaa dhiyeessaniinis Itoophiyaa keessatti dararaan qaamota seeraan ilmaan namaarratti raawwatamaa ture hedduu hammaataa ta’uu ibsaniiru.
Tarkaanfii garajabummaafi alseerummaa qaamolee haqaatiin sirreeffamtootarra qaqqabaa tureen kan ijji jaame, ilkaan buqqa’e, miilli cite, ajjeefame hedduu ta’uu eeraniiru.
Qaamni haqaa dhugaa jiru adda baasuun murtii seera qabeessa dabarsuuf akkuma maqaasaa haqaaf kan dhaabatu ta’uu mala kan jedhan Obbo Jiishaan, dararrri qaama hir’isuu manneen sirreessaa keessatti lammiileerratti qaqqabaa ture faallaa kanaa ta’uu himu
Hundaa’uu mootummaa haaromsaa as garuu gochichi suukannneessaa ta’uun waan irra gahameef mirgi namoomaa sirreeffamaas ta’e badiinsaa ija haqaatiin ilaalamuufi kunuunfamuu akka qabu Obbo Jiishaan kaasaniiru.
Yeroo ammaatti garuu gochi badii kaleessaa akka irra hindeebi’amneef qaamoleen haqaa daangaa seeraa kennameef keessaa akka hinbaane hordoffiifi ijaarsi humnaa kennamaa turuu himaniiru.
Keessumaa kenniinsa tajaajila haqaa, murtiifi qabannaa sirreeffamtootarratti ijaarsi dandeettii sadarkaa dippiloomaarraa hanga digirii jalqabaatti kennamaa jiraachuu Obbo Jiishaan himanii, kaleessarra har’a jijjiiramni fooyya’aa jiraachuu dubbatu.
Kun ta’us qaamoleen haqaa akkuma kaleessaa faallaa seeraa deeman jiraachuus himanii, tarkaanfiin sirreessaafi barsiisaan kennamaa jiraachuu kaasaniiru.
Abbootiin alangaa torba rakkoo naamusaatiin hojiirraa gaggeffamuu, 28 adabbii mindaafi sadarkaarraa gadi buusuu, sadii ammoo akeekkachiisni itti kennamuu Obbo Jiishaan himaniiru.
Kana malees abukaatota faallaa naamusa hojii deeman fo’uun ragaa qabatamaan erga irratti argamee booda gumiin abukaatotaa tarkaanfii sirressaa kan fudhate yoo ta’u lama heyyamni hojii akka jalaa qabamu, tokko heeyyamni akka dhorkamu,14 ammoo murtiin adabbii qarshii itti kennamuu ibsaniiru.
Qaamoleen haqaa faayidaa battalaatiif jecha haqa lammii haquun mirga namoomaa faallessan itti gaafatamumma jalaa bahuu kan hindandeenye ta’uu kan himan ammoo Pireezdaantii Ittaanaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Obbo Mohaammad Nuureeti.
Qaamoleen haqaa kanneen akka poolisii, abbootii alangaa, abbootii seeraa ergamasaanii haalaan bahachuun dirqamsaanii yoo ta’u, dhugaa dabsuun qaama sirreeffamaa hir’isuun alseerummaadha jedhan.
Haala kanaan dura hinbaramneen poolisiin haqa lammii eegsisuuf jedhee lubbuusaa wareege akkuma jiru warreen kaanis fakkeenyummaa kana fudhachuun dimokiraasiin akka lafa qabatu tumsuun akka irraa eegamu dubbatan.
Fuuldurattis Oromiyaan dirree dimokiraasiin itti babal’atu akka taatuuf qindoominni qaamolee haqaa murteessaa ta’uu kan himan Obbo Mohaammad, alseerummaan qaama namaa hir’isuu sirreeffamaa dararuu deeggarsa kan hinqabne ta’uu beeksisaniiru.
Kun ta’us qaamoleen haqaa faallaa mana hojiin ala deeman sakatta’amaa seecca’amaa tarkaanfii barsiisaan irratti fudhatamaa kan deemamu ta’uus ibsanii, dirqama ogummaa namatti laatame beekuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Haaromsaa as hamma tokko jijjiiramni qaamolee haqaarratti mul’achaa jiraatus ammallee waantonni fooyya’uu malan akka jiran kaasaniiru.
Hojiin hannaa, dhugaa dabsuu, sirreeffamaa ija seeraan madaaluu dhabuun ammallee fooyyee barbaada kan jedhan Obbo Mohaammad, rifoormiin hojmaata badaa akkanaa sirreessu hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Rifoormii qabannaa sirreeffamtootaa wajjin walqabatee ijaarsi manneen sirreessaa gaggeeffamaa turuullee kaasanii, qorannaa gama kanaan gaggeeffameen fooyya’insi nyaataa, ciisicha sirreeffamtootaa kan duriirraa jijjiirama jajjabeessaa argamsiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Fuuldurattis Oromiyaa dachee haqni irratti mirkanaa’e, olaantummaan seeraa itti mirkanaa’eefi naannoo misoomaan badhaate taasisuuf qaamoleen haqaa qindoominaafi iftoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012
8 Comments to “Sirreeffamaa, miila kutaa, haqa dabsaa qaama haqaa ta’uun hindada’amu”