“Caaseffamni Sirna Gadaa Oromoo kan mootummaa federaalaa caalaa ammayyaa’aadha”-Abbaa Gadaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa

Finfinnee: Sirni Gadaa Oromoo sirna bulchiinsa hawaas-dinagdee, siyaasaafi amantii ummata Oromoo kan calaqqisiisu yoo ta’u, jaarraawwan hedduuf dhimma itti bahamaa tureera; har’as itti tajaajilamaa jirra.

Haa ta’u malee sirni mootummoota darbanii eenyummaa ummata Oromoorratti dhiibbaa hamaa geessisaa waan tureef, sirni bulchiinsa ammayyaa’aa kun walumaan cunqurfamaa tureera. Booranaafi Gujiin alatti hubannoon ummatni Oromoo sirnicharratti qabu daran akka laafuuf sababa ta’eera.

Caaseffamni Sirna Gadaa Oromoo keessa jiru garuu kan sirni mootummaa federaalaa hordofu caalaa ammayyaa’aa ta’uu yeroowwan addaddaatti hayyootni argannoo qorannoosaanii wabeeffachuun ibsaa turaniiru.

Kanneen keessaa  Pirofesar Asmaroom Laggasaa qorannoo waggoota kudhanii oliif Sirna Gadaa Oromoo Booranaa, Gujiifi Keeniyaarratti taasisaniin mirkaneessaniiru. Har’allee hayyootni Oromoo hedduun kanuma ibsuurratti argamu.

Gaggeessaan hojii Dhaabbata Ofiin of Gargaarsa Oromoo (‘OSHO’) Abbaa Gadaa, Doktar Mulugeetaa Dabbabaa Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, caaseffamni bulchiinsa Sirna Gadaa Oromoo kan mootummaa federaalaa keessa jiru caalaa ammayyaa’aadha; hundarra misooma hawaas-dinagdee si’eessuuf sirna mijataa ta’eedhas.

Caaseffamni kun kan hoggansaa, kan misoomaa, dinagdee, haajaa alaa, hawaasummaafi humna ittisaa of keessaa waan qabuuf kan bulchiinsi mootummaa ammaa hordofu caalaa hojjechiisuu danda’a jedhan. Kana malees caaseffamni sirnichaa walitti hidhamiinsa sabootaafi sablammootaa kan cimsu ta’uurra darbee walitti bu’iinsa uumamuu malu karaa nagaan furuu keessatti gahee guddaa kan taphatu ta’uu ibsaniiru.

Ummatni fuulasaa gara misoomaafi guddinaatti akka fuulleffatu gochuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhanii, lammiileen duudhaalee waliin jireenyaa sirnaan eeganii akka jiraataniifis sirna dirqisiisu ta’uu eeran. Caaseffamni kun ammoo sirna bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti akkuma jiruun hojiirra yoo oole kan ammaa caalaa bu’aa qabeessa kan taasisu ta’uus ibsaniiru.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaas wayita ammaa caaseffama Sirna Gadaa keessa jiru hoggansa olaanaadhaan qorachiisaa jiraachuu himanii, caasaa mootummaa keessatti hojiirra oollaan tokkummaa Oromoo eegsisuu keessatti bu’aa guddaa qabaachusaas eeraniiru.

Caaseffamni Sirna Gadaa keessa jiru amantii waliinis idduma tokkotti waltuquurraa kan hafe, hangas mara dhiibbaa guddaa hingeessisu jedhaniiru. Xiyyeeffannoon caaseffama Gadaa, amantii osoo hintaane guddina hawaas-dinagdee si’eessuu akka ta’es hubatamuu qabaa jedhan.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Tsahaayi Nigusee

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

19 Comments to ““Caaseffamni Sirna Gadaa Oromoo kan mootummaa federaalaa caalaa ammayyaa’aadha”-Abbaa Gadaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa”

  1. Pingback: fox888
  2. Pingback: hjp168
  3. Pingback: car detailing
  4. Pingback: Jaxx Liberty
  5. Pingback: informative post
  6. Pingback: Open link
  7. I’ve been using [url=https://www.nothingbuthemp.net/products/thc-whiskey-125mg ]9 delta whiskey[/url] regular seeing that on the other side of a month now, and I’m justifiably impressed during the positive effects. They’ve helped me determine calmer, more balanced, and less tense throughout the day. My snore is deeper, I wake up refreshed, and uniform my nave has improved. The value is famous, and I worth the common ingredients. I’ll definitely heed buying and recommending them to the whole world I recall!

  8. Pingback: Mostbet
  9. I’ve been using [url=https://www.nothingbuthemp.net/products/cordyceps-mushroom-gummies-for-energy ]mushroom energy gummies[/url] constantly seeing that during the course of a month nowadays, and I’m indeed impressed at near the positive effects. They’ve helped me feel calmer, more balanced, and less tense in every nook the day. My snore is deeper, I wake up refreshed, and even my pinpoint has improved. The value is outstanding, and I cognizant the common ingredients. I’ll definitely heed buying and recommending them to the whole world I know!

  10. I’ve been using https://www.nothingbuthemp.net/collections/thc-gummies regular for over a month now, and I’m justifiably impressed by the positive effects. They’ve helped me judge calmer, more balanced, and less anxious throughout the day. My sleep is deeper, I wake up refreshed, and straight my nave has improved. The trait is outstanding, and I cherish the sensible ingredients. I’ll positively heed buying and recommending them to everyone I be aware!

  11. I started entrancing https://www.cornbreadhemp.com/products/cbd-sleep-gummies a handful months ago and forthrightly, they’ve made a great difference. I usually secure individual after dinner to boost me wheezles unserviceable and catnap better. They taste tremendous —like verified bon-bons — and don’t desert me mood weak the next day. It’s objective a worthwhile, muted vibe that helps remove the margin dotty after a stressful day. Wasn’t established they’d occupation at prime, but in the present climate I’m all in. Completely second if you need something typical to take you rest without any weird side effects.

  12. At first, I was skeptical about https://joyorganics.com/products/delta-9-gummies-blackberry-lime , but now I keep them in my nightstand. They’ve develop neighbourhood of my evening habitual—ditty gummy, a cup of tea, and I’m good to go. I don’t perceive treble or freaky, due serene and on the brink of to nonsense down. The flavor’s in actuality as a matter of fact fitting too, which surprised me. No eerie aftertaste like some others I’ve tried. If your leader runs a mile a in style at cimmerian dark or you’re upstanding maddening to relax after farm, these are undoubtedly worth checking out.

  13. Pingback: Flowserve pump

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *