Barri simanne carraa gaarii kan nuuf ta’u, yaada qajeelaa yoo qabaanne qofa

Finfinnee: Abbootiin amantii bara haaraa 2012 ilaalchisuun dhaamsaafi hawwii gaarii qaban lammiilee Itoophiyaa maraaf dabarsaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuusii Itoophiyaa Luba Yoonaas Yiggazuu akka jedhanitti, barri kun, yeroon waljijjiiruun yoo itti jiraanne malee hiika hinqabu. Yerootti sirriitti fayyadamuu dhabuun ammoo galfata nyaachuu waan ta’eef seeraan itti fayyadamuufi itti hojjechuun kan nurraa eegamuudha.  

Barri darbe wantoota gaggaarii yaaddessoofi abdii nama kutachiisan keessummeesseera kan jedhan pirezidaantichi, hojii gaarii baricha keessa raawwannetti akkuma gammadnu, hammeenyatti gaabbuutu nurra jira. Yaadni gaariifi qajeelaan yoo jiraate barri amma simanne kun carraafi abdii gaarii ta’a. Yaada qajeelina hinqabneen jireenya ittifufuun yoo yaalame garuu kan duraarra haalli hammaachuu waan danda’uuf namni hundi gaarummaa filachuu akka qabu dhaamaniiru.

Haalli nageenyaafi tasgabbii biyyattii yeroo ammaa kallattii gaariirra jira kan jedhan LubaYoonaas, nageenyi kun hundee gadfageeffatee akka itti fufuuf lammiileen garaagarummaa qomoofi amantii tokko malee gahee irraa eegamu akka qaban yaadachiisaniiru.

Carraan jireenyaa nu dura diriiree jirutti fayyadamuuf namni hundi yerootti  fayyadamuudhaan hojii jireenyasaa jijjiiru irratti bobba’uu qaba kan jedhan pirezidaantichi, hojdhabdummaafi hiyyummaa hir’isuun kan danda’amus dandeettiifi beekumsa keenya qindeessinee dhamaanee yoo hojjene qofa ta’uu eeran.

Paatiriyaarikiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas akka jedhanitti, namoonni yaadaan, hojiifi haala jireenyaatiin jijjiiramuu yoo baatan bara haaraa simachuu qofaan jijjiiramni dhufu hinjiru.

Ofii keenya haaressuudhaan bara haaraa yoo simanneedha haaromsa Itoophiyaa mirkaneessuu kan dandeenyu. Hawwii nuti bara haaraatti waliif dhaamunus jecharra darbee gochaan akka mul’atuufi  hundumaa dura namoonni walii dhiisuufi waliigaltee dhugaa taasisuu qabu.

Yaadaan waliigallee waldandeenyee  jiraachuu  yoo baanne rakkoo keenyaaf furmaata hinargannu. Kanaafuu filmaatni qabnu hanga ta’e dhiifnee hanga ta’e  fudhannee, hanga ta’e ammoo kennuudhaan  yaadaan walitti dhiyaannee gara tokkummaatti dhufuudhaan biyyaafi biyyattii guddisuu qofa jedhu.

Duudhaan waldanda’uu biyyattiitti laafaa dhufuun adda addammaan akka babal’atu taasisuudhaan lammilee hedduun akka du’aniifi qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif sababa ta’eera kan jedhan paatiriyaarikichi, bara haaraa kanatti yaadaafi qalbii haaraadhaan duudhaa tokkummaa, jaalalaa, waldanda’uu, walkabajuu keenyaa gabbifachuun barbaachisaadha. Rakkoolee nu mudatan hunda dandammannee injifannoon keessa darbuu kan dandeenyu yoo tokkummaa qabaanne qofa jedhu.

Phaaphaasiin Amantii Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Birihaana Yasuus Suraafeel akka jedhanitti, bara haaraa kanatti wantoota haaraa karoorfachuufi raawwachuuf onnee keenya bannee jaalalaafi dhiifamaan, tokkummaafi gamtaadhaan jalqabuu qabna.

 Qoodinsa,  walballeessuu irraa fagaannee akka obbolaatti waljaallachuu, walgargaaruufi waliif yaaduudhaan ilmaan abbaa tokkoofi biyya tokkoo ta’uu keenya gochaa mul’isuu qabna. Dargaggoonnis humnoota jijjiirama kana gufachiisan irraa fagaachuun ummataafi biyya gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Pirezdaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo akka jedhanitti, barri haaraan waan haaraa fidee dhufuu kan danda’u yoo geggeessitoonni mul’ata qabaataniifi nageenyiifi tasgabbiin yoo jirate qofa waan ta’eef namoonni hundinuu jibba, sanyummaafi haaloorraa bilisa ta’anii jaalalaan waliin jiraachuu akka qabaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa Haaji Umar Idiris akka jedhanitti, nageenya biyyattii mirkaneessuuf lammiileen tokkummaa, jaalalaafi walgargaaruudhaan hojjechuu qabu. Namni hundinuu guyyaa darbe, ji’a darbeefi waggaa darbe akkamitti hojii isaa raawwachaa akka ture gamaagamuudhaan of sirreessaa deemuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

4 Comments to “Barri simanne carraa gaarii kan nuuf ta’u, yaada qajeelaa yoo qabaanne qofa”

  1. Pingback: auto swiper
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: Saphir Thailand

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *