Finfinnee: Akkuma “Dura fiiganiif dursanii hinqaqqaban” jedhamu biyyi jalqaba addunyaa buna dhandhamsiiste tun boodarra biyyoota dhandhama bunaa baratanii irraas fayyadamuuf kutataniif harka kennattee, biyya dursitee kaate booddeen hordofuuf dirqamte.
Hunda caalaa immoo qonnaan bulaan dafqa gurraacha itti dhangalaase faayidaa faddaaltotni argatanii gadi argachuunsaa hamilee isa buuftee omisha bunaa dhiisee filannoowwan biroo akka barbaadu isa kakaafte.
Biyyootni akka Biraazil, Veetnaamiifi Kolombiyaa omishaafi dhiyeessii gabaa buna addunyaa qixa kopheesaaniitti hodhatanii kophaasaanii fiigaa ofumaa injifachuu ittuma fufan.
Biyya omisha qonnaa eegaltee faayidaasarraa argattuun boodatti hafte tana ni bayyanachiisa jedhamee kan abdatamu Pirojektii Guddaan Gamtaa Awurooppaatiin deeggaramu tokko dheengadda ifoomeera.
Pirojektichi waggoota afuriif kan turu ta’uufi qonnaan bultoota omisha bunaarratti bobba’an fayyadamtoota taasisuuf carraa haaraa qabatee kan dhufe ta’uu Daarikterri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Doktar Addunyaa Dabalaa ni dubbatu.
Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan qabeenya bunaatiin sadarkaa gaariirra yoo jiraattellee guddinni omishaafi ittifayyadamni qonnaan bultootaa damee bunaa gadaanaadha.
Pirojektichi aanaalee Itoophiyaa 28 omisha bunaatiin beekaman keessatti kan raawwatamu ta’uufi kanaanis omishaafi omishtummaa dabaluu cinatti buna qulqulluu omishuudhaan faayidaan qonnaan bultootaa akka dabaluuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa, Obbo Dhaabaa Dabalee gamasaaniin pirojektiin kun aanaalee Itoophiyaa 28tti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, kunneen keessaa aanaaleen 16 Oromiyaa keessatti kan argaman ta’uu himaniiru.
Faayidaan guddaa pirojektii kana qonnaan bultoonni damee buna Oromiyaa haala kamiin omishaafi omishtummaasaa guddisuu danda’urratti, gabaa addunyaa waliin walitti dhufuu danda’urratti leenjii kennuufi biqiltuu bunaa omisha dabalu dhiyeessuun furmaata kenna jedhamee amanama jedhaniiru.
Hanga ammatti gidduugalaan hektaara tokkorraa bunni kuntaalli jaha ykn torba qofaan kan omishamu yoo ta’u, kunis teknolojii qonnaa ammayyaatti fayyadamuu dhabuu akka ta’e hoggantichi eeranii, pirojektichi rakkoolee akkanaa furuurratti kan xiyyeeffatu ta’u ibsaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011
7 Comments to “Pirojektii omisha buna keenyaa bayyanachiisu”