Manni hidhaa Maa’ikalaawwii daaw’attootaaf baname

Guyyaa Haqaa Qaam’ee 5 bara 2011 kabajamu sababeeffachuun manni hidhaa duraanii Maa’ikalaawwii jedhamuun beekamu kaleessarraa eegalee ummataan daaw’atamaa jira.

Walittiqabaan koree kominikeeshinii, miidiyaafi qophii waltajjii ayyaanichaa Obbo Zinaabuu Tunnuu akka jedhanitti, mana hidhaa kanatti kanaan dura mirgi lammiilee sarbamaa ture. Jijiirama biyyattiitti dhufe sababeeffachuun manni hidhaa kun cufamee godambaa akka ta’uuf mootummaan murteesse.

Mana hidhaa kanatti shakkamtoota dhimma siyaasaatiin walqabatanirratti oggaa qorannaan geggeeffamu gidiraan hanga qaama hir’isuutti lammiileerratti raawwatamaa ture jechuun ‘FBC’n gabaseera.

Mana dukkanaatti itticufamee miidhaafi hiraarsi olaanaan lammiileerra qaqqabaa akka tureefi lubbuun tokko tokkoo darbaa turuun yaadannoo yeroo dhiyoo akka ture Abbaan Alangaa Federaalaa beeksiseera.

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

One Comment to “Manni hidhaa Maa’ikalaawwii daaw’attootaaf baname”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *