Hojmaanni Paarkii Shaggar jijjiiramuufi

Finfinnee: Hojmaanni Paarkii Shaggar akka haaraatti jijjiiramee hawaasaaf tajaajila fooyya’aa akka kennuuf karoorfamuu Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksise.

Kantiibaa ittaanaan Magaalaa Finfinnee, Injiinar Taakkalaa Uumaa Paarkii Shaggar Kutaa Magaalaa Gullalleetti argamu Kibxata darbe kan daaw’atan yoo ta’u, bu’uuraaleen misoomaa adda addaa paarkichaaf akka  guutamaniif kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Paarkichi sirnaan tajaajila kennaa akka hinjirre kan eeran Injiinar Taakkalaan, haaromsiifi bu’uuraaleen misoomaa adda addaa guutamaniifi hojiitti akka seenuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Paarkicha haala fooyya’iinsa qabuun hawaasaaf tajaajila akka kennuuf sirreessi ni taasifamaaf jedhaniiru.

Turtii waardiyyoota paarkichaa wajjin taasisaniinis waardiyyoonni ejensiidhaan mindeeffamaa waan jiraniif rakkoolee adda addaatiif saaxilamaa jiraachuu akka komiitti dhiyaateeraaf. Isaanis deebii kennaniin kana booda mindeessi karaa bulchiinsichaa kan raawwatamu ta’uu dubbataniiru.

Paarkiin Shaggar bakka magariisaa lafa hektaara 4.5 irra kan qubate ta’uu  odeeffannoo Waajjira Kantiibaatii argame wabeeffachuun Faanaa Birodkaastiingi Korporeet gabaaseera.

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

3 Comments to “Hojmaanni Paarkii Shaggar jijjiiramuufi”

  1. Pingback: Diyala Bauc14

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *