Doktar Abiyyi Ahmad Sinodosii Bataskaana Ortodoksii wajjin mari’atan

Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiifi Ministirri Muummee ittaanaan Dammaqaa Makonnin Sinodosii Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa wajjin kaleessa waajjirasaaniitti mari’atan.

Marii gaaffii sinodosichi dhiyeesse bu’uureffachuun taasifamerratti ejjennoo mootummaan jijjiiramaa as bataskaana ilaalchisuun qabuufi hojiilee raawwaterratti ibsa kennaniiru.

Abuna Maatiyaasiifi phaaphaasonni biroon hojii gaarii Doktar Abiyyi eddii gara aangootti dhufanii biyyaafi bataskaanattiif raawwatame tarreessuun galateeffataniiru.

Hudhaaleen jijjiiramicha mudataa jiran maricharratti kan ka’an yoo ta’u, balleessawwan qaamolee tokko tokkoon raawwatamaa jiran kaasuun ministira muummeef dhiyeessaniiru.

Ministirri muummeenis fedhiinsaanii ta’e mootummaasaanii bataskaana Ortokdoksii Itoophiyaa cimtuu, ijaarsa biyyaatiif hanga humnashii gumaachituufi tokkummaanshii jabaate arguu ta’uu ibsaniiru. Faayidaan cimachuu dhaabbilee amantii Itoophiyaa biyyaafillee kan gumaachu ta’uus dubbataniiru.

Akaakuudhaan gara gara ta’anis adeemsa jijjiiramaa kana keessa dhaabbilee amantii hunda qoramsi mudachuu eeranii, qaamolee rakkina uumanirratti wajjummaan qabsaa’uu qabna jedhaniiru.

Rakkoolee eeraman tokko tokkoon qo’achuufi hoggantoota sadarkaan jiran wajjin mari’achuun akka hiikanis Doktar Abiyyi ibsaniiru. Dhumarrattis rakkoolee eeraman haala tokkummaafi kabaja bataskaanittii eegeen furuuf waliigalteerra gahamuusaa Waajjrri Ministira Muummee beeksiseera.

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

One Comment to “Doktar Abiyyi Ahmad Sinodosii Bataskaana Ortodoksii wajjin mari’atan”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *