Qubeetti qubeelaa malee quba kaa’uun kutuudha

Itoophiyaan haadha sabaafi sablammoota 83 olii yoo taatu jaarraa hedduuf ilmaanshii kana akka dhala gudeedaa osoo hintaane akka haadha  biddeenaatti ija garagaraan ilaalaa biyya guddistedha.

Haati ilmaan 83 olii Itoophiyaan; isa kaan harma hoosisaa kaanimmoo sagal boosisaa akka guddistu kan ishee taasise maalidha jennee wayita ilaallu olaantummaa saba tokkoo sammuu doofaan sabaafi sablammootarratti fe’amedha.

Sirni sammuu doofaan yaaduufi miira  ofittummaan socho’u kamuu ilaalcha an siif beekaa lammiileerratti fe’e sana hanga sadarkaa manaa manaatti babal’isuun lammiileen eenyummaafi afaansaaniitti akka qaana’an, afaan sirna gabroomfataammoo dirqamaan akka baratan, akka ittiin walii galan ta’amaa tureera.

Kana malees namni Itoophiyaa keessatti afaan gabroomfataa sirriitti hin dubbanne akka saalfiitti ykn gadaantummaatti ilaalamuurraa kan ka’e wayita dubbatu yoo dogoggore itti kolfamaa tureera. Kunimmoo siyaasa dhokataa olaantummaa ofii saba biraarratti fe’amuuf galaafatamee deemamudha.

Dhiibbaan kun yeroorraa yerootti hammaachaa hanga namni sabummaasaa jibbuutti kan geessisaa ture yoo ta’u, dhiibbaa gama kanaan qaqqabu jalaa ba’uuf hanga maqaasaa jijjiirratutti kan gahellee tokko lama miti.

Barri bara fidaatii qabsaa’onni sirnicha kana balaaleffatan biqiluusaaniin walqabatee sabafi sablammoonni Itoophiyaa mirga walqixxummaa akka argataniif qaanqeen diddaa biqiluu dandeesseetti.

Keessumattuu gadi qabaa kanaan kanneen hubamaa turan keessaa ummanni Oromoo isa tokko yoo ta’u, Oromoon afaan ofiin akka baratu, walii galu, qubee mataasaa akka qabaatu yaaliif diddaa quuqamtoonni taasisanii turan Oromoon akka dammaqu karaa saaqeera. Keessumaa hayyoonni quuqamni lammii isaan keessa buleefi jijjiiramni akka dhufu carraaqqii godhan hedduu ta’anis sirna balaafamaa darbe keessa shoora Sheek Bakrii Saphaaloofi Onesmos Nasiib taphatan bakka guddaa kan qabudha.

Kun kan ta’eefis Oromoon eenyummaasaan akka boonu akkasumas, qubee mataasaa qabaatee gadi qabaa jalaa akka ba’u bu’uura buusaniiru. Qaanqee qabsoo isaan qabsiisan kanaan Oromoon dammaqee akka of ta’uufii diddaa gabrummaa akka balaaleffatu ta’uusaan biiftuun bilisummaa har’a ABCD jedhanii itti baratan kun lafa qabachuu danda’eera.

Ammaan tana hunduu darbee qubeen ijaaf gurra ummataa ta’e kun babal’achuun hanga sadarkaa PHD (Doktireetiitti) baratamuu danda’eera. Haa ta’uutii harcaatonni “Itoophiyaaf nutu beeka” jedhan “babal’achuun qubee laatinii Itoophiyaan akka diigamtu taasisa” ilaalcha jedhuun eenyummaa lammiileerraa diddiqa naquun sirna dukkanaa’aa kaleessaa olaantummaa saba tokkoon gaggeeffamu deebisuuf abjootaa jiraachuu mul’istuuwwan gara garaatu calaqqisa.

Tibbuma kana maqaa roodmaappii barnootaa fooyyessuu jedhuun mirga naannooleef kenneme cabsuun siyaasa dukkanaa’aa guddina afaan naannoolee cunqursuu danda’u lafa qabsiisuuf bara bajataa 2012tti hojiitti akka hiikamu murtee Ministeera Barnootaan darbe sabaaf sablammiilee Itoophiyaa keessatti komii kan kaase yoo ta’u, murteen darbe daangaa aangoo naannoolee kan dhiite ta’ee mul’ateera.

Naannooleen murtee darbe kana erga dhaga’anii gochichi daangaa aangoo naannoleefi sirna bulchiinsa federaalizmii kan faalleessu waan ta’eef hojiirra kan hinoolleefi deeggarsa akka hinqabne ibsaniiru.

Keessumaa naannooleen Oromiyaafi Tigraay murtee darbe kana seeraan ala waan ta’eef kan hin fudhanne ta’uu ifatti yoo beeksisan Ministeerri Barnootaa ofirra deebi’ee akka of ilaalu taasisuusaan murtichi sirrii akka hintaaneefi fooyya’insi ilaalchaa akka calaqqisu ta’eera.

Haaluma kanaan afaan federaalaa kutaa 1 kaasee naannoolee mara keessatti kennama jedhamee himamee ture akka yaada jajjabeessaatti kan ka’e malee dirqama miti yaada jedhuun akka fooyya’u beeksiseera.

Silas jaarraa 21ffaa kana keessa biyya bulchiinsa federaalizmiin bultu keessatti olaantummaan afaan tokkoo afaan biraarratti akka calaqqisu gochuuf yaaluun akkasumas, afaan isa kaan gadi qabuuf sosochiin taasifamu deeggarsa argata jedhanii yaaduunuu of burjaajessuudha. Roodmaappiin barnootaa qophaa’u kamiyyuu daangaa seeraa sirna bulchiinsi federaalizimii Itoophiyaa qubachiise faallessuun mirga ofiin of bulchuu mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu dhiitu waan ta’eef olaantummaa seeraan socho’uun dirqamadha.

Kun kan ta’eefis sababa  wareegamni dhiigaaf lubbuu kaffalamaa tureef inni tokko  walqixxummaan afaanii, mirgi afaan ofiin barachuu, guddisuu akka gabbatu kan gaafatu waan tureefidha. Har’a erga sabaafi sablammoonni 83nu eenyummaasaaniin boonuu jaqabanii eenyummaa saba biraa itti fe’uuf yaaliin taasifamu garba daakuu yoo ta’een alatti Itoophiyaa keessatti hojiitti hiikama jedhanii yaaduun duubatti hafummaadha.

Tokkummaan Itoophiyaa qabatamaan mirkanaa’uu kan danda’u akka kaleessaa olaantummaa saba tokkoon hogganamuu, afaan tokko dubbachuun osoo hintaane miirri waldanda’uu, walqixxummaa, ofiin of bulchuu heerarra jiru yoo aadeffatame qofadha.

Bara kana keessa lammiilee afanjajeessuun “an sii beeka” jedhanii bu’aa qabsoo dhiigaan argameefi mirga walqixxummaa mirkanaa’e olaantummaa saba tokkoo walirratti fe’uun siyaasa dhokataa bobaa jalatti baatamee deemamu lafa qabsiisuuf yaaliin taasifamu ilaalcha booddeetti harkistummaadha. Ilaalchi kunis harcaatota raacitiin of tuulummaa keessa jiruun baatamee kan deemu yoo ta’u, dhaloota jaarraa 21ffaa kana biratti fudhatama kan argatu ta’ee hin mul’atu. Kanamalees dhaloonni ammaa kun imaanaaf bu’aa qabsoo wareegamtootarraa fudhate kana osoo hinharcaasiin dhaloota dhufutti dabarsuuf yoomuu caalaa kan hojjetu ta’uusaa sochii jirurraa hubachuun ni danda’ama.

Kun ta’us yaaliin guddina afaanichaa booddeetti harkisuufi qubeetti quba qabuu kun quba ilmaan Oromotaa kutuu ta’ee waan mul’atuuf daangaa seeraan taa’e keessaa osoo hinba’iin socho’uun dirqama.

Ammaan tana ilmaan Oromoo kan barbaadanis ta’e kan qabsaa’aafii jiran Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa ta’ee hojiitti hiikamuu waan ta’eef sochiin warraaqsicha doomsuuf taasifamu faayidaa ummataatti bu’uu waan ta’eef fooyya’uu mala.

Mirga afaan ofiin barachuu qubee fedhaniin barachuu kan namni nama badhaasu osoo hintaane kan ofii murteeffatan waan ta’eef ilaachi durii hafuun dirqama. “Osoo hinfooriciin hidhii walitti qabuu” akkuma jedhamu murteen maal na dhibdeen murtaa’uu balaa waan baatuuf ija siyaasaafi miira itti gaafatamummaaa akkasumas kara hirmaachisaa ta’een walii galteerra ga’uun egeree biyyaaf murteessaadha.

Walumaagalatti Itoophiyaan haadha ilmaan sabaaf sablammii 83 olii taate kun biyya olaantummaa saba tokkoon ijaaramte osoo hintaane biyya hirmaannaa walqixxee sabootaan utubamtee jirtu waan taateef Itoophiyaa ilaalcha dukkanaa’aa keessaa baasnee fuulduratti tarkaanfachiisuuf tumsi waliinii barbaachisaadha.

Hanga kun hintaaneetti sochiin Itoophiyaanummaa dayeefachuun eenyummaa saba tokkoo walirratti fe’uuf deemamu haamilee ittiin galma ga’uufi ga’umsa ittiin laga ce’u waan hinqabneef of ilaaluun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

One Comment to “Qubeetti qubeelaa malee quba kaa’uun kutuudha”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *