Gara jaalala dhugaatti ce’uuf Qaam’ee akka riqichaatti

Yunivarsiitii tokko keessatti barsiistuun muummee xiinsammuu barattoota isheetiif hojmanee kennuu barbaaddee hundisaanii dinnicha qabatanii akka dhufan ajajje. Dinnichicharratti  maqaa namoota jibbanii barreessanii akka dhufan itti himte.

Baay’inni dinnichaa fidanii dhufanii baay’ina namoota jibbaniitiin akka walqixxaatu jetteen. Kana jechuun namni nama tokko jibbu dinnicha tokko kan fidu yoo ta’u, haaluma kanaan hamma namoota jibbanii qabatanii dhufu jechuudha.

“Har’arraa eegalaatii torban tokkoof dinnicha kana korojoo keessanitti baattanii deemtu. Eessattuu ofirraa lafa kaa’uun hindanda’amu” jetteen.

Hanguma bubbulu dinnichi baatanii deeman tortoree fooliinsaa jijjiiramuu eegale. Keessumaa barattoonni hanga dinnicha jahaatti baatan foolii ajaa’utti garmalee rakkachuusaanii dubbachuu eegalan.

Yeroon kennameef waan xumurameef torban tokko booda akka gatan hayyamameef. Barattoonnis daran gammadanii fuullisaanii cululuqee ajaa’aafii foolii hamaa baadhatanii jooraa turan ofirraa darban, boqonnaas argatan.

Barsiistunis, “Argitanii barattootakoo, torban tokko keessatti waan badaa kana baadhattanii oliif gadi jooruu dadhabdan. Jibbi isin dhala namaatiif qabdanis akkanuma. Jibbi onnee Xureessa. Iddoowwan deemtan hundatti isin jala deemee isin jeeqa. Tasgabbii sammuu isin dhorka. Mee xiinxalaa dinnicha torban tokko keessatti samee ajaa’e dandamachuu dadhabdan, akkamitti onnee jibbaan balfamte qabattanii jiraattu ree?!” jettee gaafii ajaa’ibaa gaafatte.

Asirratti barreeffaman taaksiirratti dubbise tokkon yaadhadhe, innis, “Jaalalaan waan qabamneef jibbaaf iddoofi yeroo hinqabnu’’ kan jeduu. Dhugaadha waanuma fedhes ta’u jibbi isa jibbamerra isuma jibbe sana deebi’ee garmalee waan miidhuuf onneefi keessoo keenya jaalalaafi walmararfannaaf qopheessuu qabna.

Jibbi ba’aa sammuu, akka rirma keessoo namaa nyaatuudha. Ba’aa sammuufi summii kana baatanii deemuun akkuma barattoonni irranatti eeraman jedhan ni ulfaata, ajaa’inni fooliisaas badaadha.

Dhimma kana gara biyyaattis ol kaafnee ibsuun nurraa eegama.  Warra jaalalaan biyya ijaaruuf dhama’aa jiran jajjabeessaa kanneen jibbaan biyya diiguuf wixxirfataniin adabadhaa jechaa ji’a Qaam’ee fuuldura keenya jiru akka riqichaatti fayyadamnee jaalalaan gara bara haaraatti haa ceenu.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

2 Comments to “Gara jaalala dhugaatti ce’uuf Qaam’ee akka riqichaatti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *