Qeerroon kaleessa biyya bilisoomse har’a ammoo dhiiga arjoomee lubbuu baraaraa jira

Kabajamuu dhabuu olaantummaa seeraatiifi mirga dimokiraasiin  sabaafi sablammiileen Itoophiyaa dhiitamaa, darbamaa, hacuucamaa jaarraa hedduuf  turaniiru.

Sirni balaafamaan mirga namummaa sarbu hundeedhaa buqqa’ee akka dhabamsiifamuuf shoorri qeerroofi qarreen Oromoo taphatan injifannoo cululuqaa har’a mul’ateef bu’uura.

Qeerroofi qarreen Oromoo harqoota gabrummaa lammiileerratti fe’ameefi sarbama mirgaa walqixxummaa sabaafi sablammiileerra qaqqabaa ture diiguuf lubbuusaa osoo hinmararfatiin aarsaa qaalii kanfaleera.

Sabaafi sablammiin kaleessa gadi qabaa kanaan boquunsaa cabee tures ol jedhee akka deemu bu’uura qeerroon buuse yoomuu kan dagatamu miti.

Sirnoonni balaafamoo darban erga dhabamsiifamanii as qeerroon ta’e qarreen akkasumas kutaaleen hawaasaa marti gara misoomaafi hojii tola ooltummaatti deebi’aniiru.

Yeroo ammaattis dargaggeessi utubaafi abdii biyyaa ta’e aantummaa lammiileesaatiif qabu agarsiisuuf ammallee duubatti deebi’uu akka hinqabnedha kan ibsamu.

Tibbuma kana aadaa tola ooltummaa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyii Ahmadiin eegalame milkeessuuf dargaggoonni adda durummaan akka hirmaatan taasifamaa jira.

Gaazexaan Bariisaas qeerroowwan hojii tola ooltummaa kana ittifufsiisuuf hojiitti seenaan kan daaw’ate yoo ta’u, isaan keessaa arjoomni dhiigaa dargaggoota magaalaa Dukamiin gaggeeffamaa ture isa tokko.

Dargaggoo Caalaa Mallasaa jiraataa magaalaa Dukam yoo ta’u, aadaa tola ooltummaa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyiin eegalame milkeessuuf kanneen dhiiga arjooman keessaa isa tokko.

Akka dargaggoon kun jedhutti biiftuu bilisummaa har’aa kana ijaan arguuf mirgi walqixxummaa akka kabajamuuf aarsaa lubbuu qeerroofi qarreen Oromoo kaleessa kanfalan fakkeenya irraa baratamuu qabuudha.

Kun kan ta’eefis qeerroon kaleessa biyyasaa bilisa baasuuf lubbuusatiif hinsassanne har’ammoo dhiiga arjoomee lubbuu lammiileesaa baraaruu akka qabuudha dargaggoon kun kan kaase.

Dhiiga arjoomuun lubbuu aarsaa gochuu wajjin walbira qabamee wayita ilaalamu hojii salphaadha kan jedhe Dargaggoo Caalaan, inniifi fakkaattonnisaa hojii tola ooltummaa kanaaf adda duree ta’uun dirqama tajaajila lammummaa ta’uu himeera.

Tajaajilli lammummaa kennamu kamuu duudhaafi aadaa Oromootiin kan deeggaramu ta’uu kan ibsu Dargaggoo Caalaan, isa kana ittifufsiisuuf  Doktar Abiyyiin eegalame kun dhalootaan kan dhaalamuu qabuudha jedha.

Tajaajlila lammummaa dhiiga arjoomuu kanaan lubbuun haadholee da’umsarratti dhumaa jiru akka hir’atu kan gargaaru yoo ta’u, dargaggoonnis kana beekuun aantummaa lammiileesaaniif qaban agarsiisuun irraa eegama.

Qeerroonis ta’e qarreen utubaafi gaachana biyyaa waan ta’aniif tajaajila lammummaa aadaafi duudhaa Oromoon jajjabeeffamu kamuu keessatti adda durummaan hirmaachuun irraa eegama kan jedhe dargaggoon kun, ofiisaatiif dhiiga arjoomuun dirqama tajaajila lammumaasaa bahachaa jiraachuu eera.

Dargaggoo Taammiraat Dheeressaas gamasaatiin haasaa taasiseen dhiigni arjoomamu jaalala lammiif qaban kan itti agarsiisaniifi aadaa ofirra darbanii waliif jiraachuu kan gabbisu akka ta’eedha kan kaase.

Tajaajilli lammummaa humnaafi beekumsa qabaniin akka ta’ellee kan kaase dargaggoon kun, akkuma inni kaan barasaa aarsaa godhee daangaa biyyaa eegu, kaanimmoo tajaajila lammummaa salphaa, dhiiga arjoomuu kanaan du’a waloolchuu qaba jedha.

Akka Dargaggoo Taammiraat jedhutti dhaloonni biyya dabareen walharkaa fuudhee labata dhufuuf wayita dabarsu aarsaa barbaachisu kaffalee yoo ta’u, bakka aarsaa hadhaa’aa hingaafannettis tajaajila lammummaa sasalphaa kennuunis duudhaa ummatichaati jedha.

Tajaajilli lammummaa kennamu kamuu hawaasa mara biratti kan nama galateeffachiisu yoo ta’u, isa kana gabbisaa miira waliif jiraachuu aadaa taasisuun dhimma dagatamuu hinqabne ta’uu dubbata.

Haadholeen, daa’immaan, akkasumas dadhabaan hedduu rakkoo hanqina dhiigaatiin yeroorraa yerootti bakka hintaanetti dhuman tajajila lammummaa salphaa,  arjooma dhiigaatiin fayyuu osoo danda’anii dagatamuunsaanii fafa jedha.

Tajaajilli lammummaa kunimmoo irra caalaa dargaggoota kan ilaallatu waan ta’eef hirmaachuu qabna kan jedhe Dargaggoo Taammiraat, isaan biroonis aantummaasaanii agarsiisuun dirqama ta’uu kaasa. 

Yeroo ammaattis tajajia lammummaa akka magaalaa Duukamitti dargaggootaan kennamaa jiruun hirmaannaa ho’aa jiraachuunsaa jajjabeessaa ta’uu kan hime gochichi aantummaa dargaggeessi lammiisaaf qabu kan mul’iseedha.

Kenniinsi tajaajila lammummaa dhiiga arjoomuu akka Oromiyaatti karoorfame yuunitii 651 ol waan ta’eef milkaa’ina kanaaf dargaggeessi hirmaachuu akka qabu kan kaasemmoo Dargaggoo Mootummaa Fayyisaati.

Akka inni jedhutti tajaajilli lammummaa kennamu biyya aarsaa lubbuun ijaaran labata boruuf dabarsuuf kan gargaaruudha.

Labatni har’aa kun aadaa waliif jiraachuu aadaa walii birmachuu yoo hinqabaatiin ibsituun Oromummaasaa of harkaa akka dhabetti lakkaawama kan jedhe Dargaggoo Mootummaan, imala misoomawaa kana deeggaruun dirqama labatichaati yaada jedhu kaasee jira.

Tajaajila lammummaa tibbana kennamu kanaan inni fedhe dhiiga arjoomuun, kan fedhe biqiltuu dhabuun, kaan mana dadhabaa suphuun, kaanimmoo barattoota ganna barsiisuun aadaa waliif jirraa babal’isuun dirqama.

Aadaan kun gabbatee hanga hindeemnetti egeree biyya ofii mijataa taasisuun kan danda’amu miti kan jedhe dargagoon kun, kan qaban qabatanii gabaa bahu akkuma jedhamu humna qabaniin lammiif dhaabachuun mallattoofi duudhaa Oromummaa  ta’uu  akka qabu ibsa.

Tajaajilli lammummaa akka Oromiyatti kallattiin taa’e hojiitti hiikamaa jiru kana keessatti hirmaannaan ho’aa taasifamaa jiru daran jajjabeessaa yoo ta’u, fuuldurattis cimee yoo ittifufe aadaa waliif jiraachuu Oromoo qabatamaan mirkaneessuun kan ulfaatu hintahu.

Sosochichin kun cimee akka ittifufuufis hirmaannaa qondaaltonni mootumma irraa kaasee hanga dakaatti jiran agarsiisaa jiran jajjabeessaa ta’ee mul’achaa jira.

Kun kan ta’eefis qeerroofi qarreen Oromoo korniyaan osoo walhinfo’iin warraaqsa siyaasaa keessatti qooda fudhachaa akkuma turan har’as waliin hiriiruun du’a lammii ofii baraaruuf dhiiga arjoomaa jiraachuusaati.

Arjooma dhiigaa kanaan alattis naannawa qulqulleessuun qilleensa naannawaa mijataa taasisuu keessatti hirmaannaan dargaggootaan mul’achaa jiru egeree biyyaattif abdii kan horuudha.

Walumaagalatti qeerroos ta’e qarreen kaleessa dhiigee lubbuu wareegee biyyasaa harka hattootaarraa bilisa baase har’ammoo lammiilee hanqina dhiigaan karaatti hafanii, sireetti galaniif akkasumas kanneen abjuun jireenyaa jalaa maseene deebisee ijaaruuf tajaajila lammummaa dhiiga arjoomuu gabbifachuu qaba.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

8 Comments to “Qeerroon kaleessa biyya bilisoomse har’a ammoo dhiiga arjoomee lubbuu baraaraa jira”

  1. Pingback: fuckgirl
  2. Pingback: Japanese webcams
  3. Pingback: Pharmaceutics1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *