Koottaa shamarran Ashandaafi Shadayifaa wajjin ol haa baanu!

Ayyaanota amantii ka’umsa godhatanii aadaa ummatootaa calaqqisiisuun sirna ho’aadhaan dirreerratti waggaa waggaadhaan shamarraniin kabajaman keessaa tokko ayyaana Itoophiyaa Kaabaatti maqaawwan adda addaatiin garuummoo haala walfakkeenya qabuun baatii kana keessa kabajamu Ashandaa, Shadayi, Ashadiyyeefi  Solaliidha

Ayyaana dheengaddarraa eegalee kabajamaa jiru kana ilaalchisuun Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad ergaa baga geessanii dabarsaniiru. Ergaansaaniis akka ittaanutti dhiyaateera.

Ayyaana biyya keenyatti dubartoonni dirreetti akka bahaniif gumaache keessaa Ashandaafaan akka fakkeenyaatti ni eeramu. Ayyaana walakkeessa ji’a Hagayyaa, yeroo gannaa dacheen magariisa uffatte kanatti naannolee Tigraayiifi Amaaraatti kabajamu kanarratti shamarran uffannaa aadaa adda uffataniifi dhallaaduu jiidhaa mundhiisaaniitti hidhatanii weeddisaa bahu.

Bara adababayiiwwan keenya dhiirota qofaan qabamee ture sanatti ayyaanonni akka Ashandaafaan, jiraachuunsaanii bishaan burqituu qorraa gammoojjii keessatti argameetti lakkaa’ama.

Baatiin Hagayyaa ayyaanni tokko dhiirotaaf, tokko ammoo dubartootaaf kennuun ji’a haqummaasaa agarsiiseedha. Dardaddarran dhiiraa guca qabsiifatanii, daasii hojjetanii, qaccee iyyisiisaa ayyaana ‘taaboree’ kabaju. Sirbaafi shubbisasaaniirraa hawwiifi yaadasanii hubanna.

Akkasumas Ashandaa fa’irraa sagaleefi yaada shamarranii dhageenya. Ashandaafaan, aadaa wajjummaa akka ummataatti qabaachaa turre agarsiisu. Ayyaanichi moggaasawwan adda addaatiin kabajamus ibsituu hariiroo hawaasummaafi aadaati.

Ayyaanichi amantii wajjin hidhata waan qabuuf xinsammuu namootaa ol kaasuu keessatti iddoo guddaa qaba. Ayyaanicha baroota darbanirra har’a akka nu barbaachisu kan taasisus yaaduma shamarranii kana. Ba’uu, bu’uurra, dhidhimuufi dhaabatanii jiraachuurra ol ba’uu.
Rakkoo akka risaatti irratti olbaanee oggaa ilaallu garuu salphateefi yartuu ta’ee nutti mul’ata. Akka jigsuufi dhabamsiisuu dandeenyus ni amanna.

Gubbaarraa buunee daka qaqqabuuf irraan gadeensaa nutti salphata; isa buune sana deebinee bahuun garuu tabba nutti ta’a. Ta’us eessa akka ture yaadachuun tabbicharra akka humna qabnu akka hubannu nu taasisa.

Tabba buune deebinee bahuu qofa otoo hintaane sanarra akka ol jechuu akka dandeenyu akka hubannu nu gargaara. Kanaaf, rakkoo nu mudate sirreessuuf iddoo rakkoo itti ilaallu sirreessuun kan nu barbaachisuuf. Ol ba’uun kan nu barbaachiseefis  kanumaafi; rakkoolee keenyarra teenyee ilaaluu akka dandeenyuuf.

Rakkoolee danuun Itoophiyaa xaxanii qaban akka furamaniifi gonkumaa dhabamuu danda’an kanneen amananis hinamannes ni jiru. Addummaa lamaaniituu odeeffannoo argataniifi beekumsa kuufatanirraa kan dhufu miti. Iddoo dhaabatanirraa kan madduudha.

Akkuma ayyaana Ashandaafaa, shamarran ol ba’uuf murteessanii rakkoolee kamuu irra ta’anii ilaalu. Rakkooleedhaa olittis of argu. Kanneen akka shamarran kanneenii ol ba’uuf hinqophoofne garuu rakkoo ofii jalatti kufanii of argu. Sana abdii kutatu.

Koottaa, akkuma shamarran Ashandaafa, ol haa baanuu. Ayyaanni kun ayyaana baroota kuma lakkoofsiseedha. Ayyaana yeroo rakkoos kabajamaa tureedha. Yeroo nuti dubartootaaf xiyyeeffannaa hinkennineefi akka manaa hinbaane taasifamaa turanitti kabajamaa ture.

Dubartoonni sarbama mirgaan marfamanii, hudhaaleefi dhiibbaadhaan qabamaniillee wanti abdii kutannaa jedhamu isaan hinxuqne. Otoo abdii kutataniiru ta’ee bara akka gadi bu’an taasisaa turre sanatti ayyaana ol nama baasu hinkabajan ture.

Yaada ol ba’uu shamarran Ashandaafaarraa barannee  rakkoolee keenyarra yoo  ol taane salphaatti mo’anna. Koottaa shamarran kanneen wajjin ol haa baanuu!

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *