Kanneen indastirummaasaa mi’eeffatan hundi turizimii industirii aara hinqabne jedhanii waamu. Dhugaadhumatti kanneen turizimiin dinagdee, dinadgeen turizimiisaanii ta’eef akkana jedhanii yoo waaman nama hindinqu. Akka ragaaleen ibsanitti, biyyoota Kaaribiyaan, Paasifikii Kibbaafi biyyoota odoola garba Hindiin marfamanii jiran keessaa kurnansaanii dinagdeesaanii keessaa hanga harka 31 turizimiirratti kan hirkateedha.
ALA bara በ2015 turistoonni addunyaa biliyoona 1.1 ta’an gara iddoowwan hawata turistii biyyoota adda addaatti argamanitti imaluun daaw’ataniiru. Gama kanaan turistii simachuudhaan Faransaayiin kan gitu hinragamne. Turistoota miliyoona 84.5 simattee keessummeessiteetti jechuudha.
Itoophiyaanis haadha qabeenya hambaawwan seenaafi uumamaa Dhaabbata Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Waltaniitti galmaa’an 11ti. Bardheengaddaa qofa naannawa addunyaarraa turistoonni kuma 900 ol qabeenyawwanshii kanneen daaw’achuuf dhufaniiru. Kanaanis galii doolaara biliyoona 3.4 argatteetti. Baranas kurmaana jalqabaa qofatti qarshii miliyoonni 880 ol akka argatteedha mootummaan kan ibse.
Itoophiyaan ayyaanota amantiifi aadaa adda addaa kanneen ummata miliyoonotaan lakkaa’aman hirmaachisuun dirreerratti kabajamaniin kan badhaate ta’uunshii galii damecharraa argamuufgumaacha olaanaa waan qabaatuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba. Kanaan waaqabatee turtiin turistoonni biyya keenyatti taasisan akka guddatuufis irratti hojjechuun barbaachisaadha. Kana maddiittis konfiraansonni bizinasii egzibishinoonni biyyattiitti qophaa’an shoora olaanaa qabaatu.
Biyyi keenya damee turizimiirraa hanga eegamuun fayyadamtuu akka taatuuf dhimmamtoonni qindoominaan hojjechuun akkuma jiuutti ta’ee filannoo ijaa qalbii turistii hawachuu danda’an baay’isuun daran murteessaadha. Kanaaf ammoo ayyaanota akka Irreechaafi Masqalaa, Fichee Cambalaa, Shadayiifi Ashandaafaafaarratti xiyyeeffannaan hojjechuu barbaachisa.
Ayyaanonni kunniin madda turizimii ta’uu qofaan kan ibsaman otoo hintaane hariiroo ummatoonni waliisaaniitiif qaban guddisuufi cimsuu keessatti gumaacha olaanaa qabaatu. Keessumaa ayyaanni Irreechaa ummata Oromootiin adda addummaa amantiifi sabummaa tokko malee lammii hunda hirmaachisuun waggaa waggaadhaan kabajamu gama kanaan fakeenyummaa guddaadhaan kan eeramuudha.
Ayyaanonni amantiifi aadaa ummatoota biyya keenyaa hariiroo ummatootaa cimsaa hawata turistii ta’uun madda galii akka ta’aniif xiyyeeffannaan hojjechuun hojmanee boriif bulfamu ta’uu hinqabu. Fakkeenyaaf Sa’ud Arabiyaa yoo fudhanne torban tokko keessatti galii doolaara miliyoon 10 kan argattu ayyaana amantiirraayi. Akkuma nuti dinagdee keenya hirkattummaa qonnaa jalaa baasuuf tattaafataa jirru isheenis gara dinagdee turizimiitiin durfamuutti ceessisuuf tattaafataa jirti. Biyyoonni biroonis haaluma kanaan fayyadamoo ta’aa jiru.
Biyyi keenyas ayyaanota aadaafi amantiitiin kan badhaate waan taateef tarsiimoo misooma aadaa qopheessuun ogeessota beekumsa qaban, dhaabbilee amantii, gumuu abbootii Gadaa, dargaggoota, dubartootaafi qaamolee biroo hirmaachisuun akkuma dhagaa tokkoon simbara lama jedhamu san duudhaalee kanneeniin hariiroo ummatootaa cimsaa madda galii godhannee utubaa dinagdee keenyaa haa godhannu.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011
3 Comments to “Ayyaanota dinagdeefi hariiroof!”