Kan dhugu sihii kan machaahu ana

Torban darbe mataduree kana jalatti hayyoota tokko tokko ilaalchisee taajjabbiin qabu siin dubbisiisuun eegalee irraa bulfachuu koo ni yaadattu. Taajjabbiin koo kutaan ittaanus kunooti.

Sitaajjabe yaa saree yoo nyaattu dutaa bultaa yoo dhabdu suuqa lixxa

Sitaajjabe yaa gadhee yoo nabiraa garmaamta yoo fagaattu hamattaa

Bishaan qal’ate jettee eenyuun maalfaa komatta?

Aangoo hojiin malee fiigdee eessaa argatta

Haa hafu of qusadhu garba hindaakiin salphatta jedhanii geeraru eelaa garaa baafachuuf.

Hayyuu ta’uun biyyaaf yoo jiraatan malee aangoo qabachuun fedhii ofii guuttachuuf riqicha cehumsaa godhanii ilaaluun ofittoo akka nama taasisu dagachuun nurra hinjiraatu.

Hayyuun Oromoof hojjetu qaawwa Oromootti quba qabaa diina kaleessa Oromoo gabroomfataa tureef karaa saaqaa natu beeka jedhuufi ilmaan Oromootti quba qabu kun bakka kaleessa tureefi seenaa beekaa laata?Of haa ilaalu garaanis isa haa taajjabu.

Kan kaleessa qabsoof wareegama dhiiga qeerroofi qarreen mana hidhaa keessaa bahe jijjiirama ijasaatiin argu dunuukfatee ija kaleessa mana hidhaa keessa tureen ilaalaa wanni geeddarame hinjiru kan jedhu ofii of sakattaasisuutu furmaata.

Namni gurrisaa bara hiyyoolee duude hiyyoolee jechaa hafa akkuma jedhamu ija kaleessaatiin jijjiirama har’a galmaa’aa jiru madaaluun waan danda’amu waan hintaaneef yaada ofii ofirra deebi’anii ilaaluun barbaachisaadha.

Komataafi qabsaa’aan hundi aangoo qabata yoo jedhame ummanni Itoophiyaa marti aangoo qabachuu mala ture. Haata’uutii kaleessa hidhaa keessa waan turameef sagalee qabsoo waan dhageessisaniif gahumsaafi deeggarsa ummata bal’aan alatti achitu naaf mala jedhanii lafa dhiituun kun wareegama kaleessaatti bishaan naquu akka ta’e dagachuu hinqabnu.

Saboonniifi sablammiileen Itoophiyaa ammaan tana kan barbaadan hayyuufi qondaala siyaasaa biyyasaa gara fuulduraatti tarkaanfachiisu yoo ta’u, humnoonni heera biyyittii faallessaa waliin dhahuun karaa qaxxaamuraa aangoo qabachuun fayyadamummaa lammiilee gufachiisuuf fiiganis of ilaaluu malu.

Fedhii aangootiif gururi’uun amala harcaatota garaasaaniif bulanii ta’us biyya heerri sabaafi sablammii walqixxeesseefi dimokraasiin keessatti lalisuu jalqabetti aangoon harka micciiruun  dhaalamu  jira  jedhanii  yaaduun  gowwummaadha.

Kun ta’us kan kaleessa qabsoo ummataan hidhaarraa bahaniifi har’a biyya keessaafi ala deemuun olola sobaa afarsuun nageenya lammiilee yaaddoo keessa galchuuf kaatanis daangaa seeraa qabaachuu malu.

Dimokraasii keessa dirqamni jira, seeraa keessas daangaan jira. Kun ta’us maqaa dimokraasii jettu qabatanii tasgabbiifi nageenya ummataa booressuun olaantummaa seeraatiin daanga’uu qaba.

Kabajamuu olaantummaa seeraatiif ammoo mootummaan aangoorra jiru ciminaan hojjechuu kan qabaatu yoo ta’u, olola namoonni olola aangoof kaatan facaasaniin jireenyi lammiilee yaaddoo keessa akka hingalle hojjechuun irraa eegama.

Qaamni anatu Itoophiyaaf beeka jedhu kamuu beekamtii gonfachuu kan danda’u filannoo dimokraatawaa qofaan ta’uu osoo beekuu akka fedhe gulufuun kun hanga yoomiitti nama jechisiisuurra darbee amantaa hawaasni mootummaarraa qabu akka laafu waan godhuuf irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Kun ta’us jaarraa 21fa keessa karaa qaxxaamuraatiin aangoo qabachuuf yaaluunis ta’e Itoophiyaa kaleessa olaantummaa saba tokkootiin guutamte deebisuuf wixxirfachuun bulchiinsa sirna Federaalizmii sabootaafi sablammiilee walqixxeessetti bu’uu yoo ta’u, hayyoonni jijjiirama dhandhamaa jijjiiramni hinjiru jettanis duumessa kaleessa ija keessanirra taa’e ofirraa kaasuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti akkuma dullattiin  “Bagan cabes bagan ka’es kan haaduu baatee natti fiiguufi kan  teepha baatee natti kaatu arge” jette san ummanni bal’aa kan isaaf hojjetuufi isarratti hojjechuu barbaadu adda baafachaa waan jiruuf maqaa hayyuutiin warreen olii gadi kaattanii jijjiiramichatti bishaan naquu barbaaddan taajjabbiitti hafuun dura qalbii diddiirrachuun qabdu.

Waasihun Takiletiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

4 Comments to “Kan dhugu sihii kan machaahu ana”

  1. Pingback: hihuay
  2. Pingback: slot gacor

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *