Gamtaa Barattoota Oromoofi egereesaa

Guddinaafi qaroomina biyya tokkoo keessatti jaarmiyaaleen sivikii shoora olaanaa qabaatu. Jaarmiyaaleen siviikii ilaalcha siyaasaafi kkf irraa bilisa ta’anii waan socho’aniif fudhatamummaan isaan hawaasa biratti qaban daran olaanaadha.

Waltajjii tibbana egeree Gamtaa Barattoota Oromoo ilaalchisuun bakka hayyoonniifi dhimmamtoonni garagaraa argamanitti geggeeffamerratti hayyuun Obbo Gaaddisaa Abarraa jedhaman hiika, amaloota, maalummaafi bu’aa akkasumas qooda jaarmiyaan hawaasaa ijaarsa biyya tokko keessatti qabu akka ittaanutti kaa’aniiru.

Jaarmiyaan siviikii gurmuu tola ooltummaaf ijaaramee sochiilee hawaasummaarratti hojjetuudha. Qaama seeraafi heera biyyaa kabajeefi fudhatee socho’uudha. Jaarmiyaan hawaasaa dhaaba fedhiirratti  hundaa’e ijaarame,  caalmaatti kan ofiin of gargaaru, caasaa seera biyyaa keessatti hojjetuufi duudhaa waloo (‘shared value’) qabuudha jedhan.

Amaloonni jaarmiyaan hawaasaa fedhiidhaan waan ijaaramuuf ilmaan biyyaa tola oolantu, warra waa argachuuf otoo hintaane kennuuf deemantu keessatti hirmaata. Miseensonni jaarmiyaa hawaasaa waa kennuuf malee waa fudhachuun akeekasaanii miti. Warra beekumsa qulqulluu qaban, beekumsasaaniitiin lammiifi biyyasaanii tajaajiluu fedhan, warra maallaqaafi humna qabantu jaarmiyaa hawaasaa keessatti qooda fudhata jechuun ibsan.

Beekumsi jaarmiyaa hawaasaa of danda’aadha malee hirkataa miti. Namoonni jaarmiyaa hawaasaarratti yaada of danda’aa dhiyeessu. Jaarmiyaa hawaasaa keessa bilisummaa yaadaa guddaatu jira. Namoonni achi keessa jiran waan ittifakkaate dubbachuuf mirga qabu jedhu.

“Jaarmiyaaleen hawaasaa taateewwan saanduqaan alatti ilaaluun amalasaa birooti. Kana keessatti duudhaaleen hawaasaa iddoo olaanaa qabu. Fakkeenyaaf Oromummaan dhuudhaa ijoodha jedhu. Namni jaarmiyicha keessa jiru waantota hunda bitaa mirgaan fageessee saanduqaan alatti ilaaluu danda’a” jechuun ibsu.

Jaarmiyaan hawaasaa tokkummaa ummataafi biyyaa ijaaruu malee diiguurratti qooda hinqabu jedhanii, kanaafis oggaa sababa kaa’an achi keessa diinniifi gareedhaan walhiruun waan hinjirreef ta’uu dubbatu. Dhimma kana fakkeenyaan oggaa ibsanis “Jaldeessi gareedhaan deema. Koodama qaba. Koodamichi oggaa kormi dhalatu ni ajjeesa ykn tumee keessaa balleessa. Walballeessan malee walbira jiraachuu hinda’an. Yeoo koodamichi dulloome jaldeessuma xiqqootu isa ajjeesee kootama ta’a” jechuun ibsu.

Jaarmiyaan hawaasaa biyya kanaa amala akkanaa qaba. Kan biyya dimokraasii ammoo amala, “Haati mimmixaa kanuma kootu mi’aawa” jedhu wajjin kan walfakkaatu ta’uus ni ibsu.

Akka ibsa Obbo Gaaddisaatti, kan kootu wayyaan rakkina hinqabu. Garuu jaarmiyaan siyaasaa hawaasa iddoowwan lamatti hira; warra garee tokko deggaruufi garee biraa deggaru jechuun. Kan hawaasaa keessa garuu amalli akkanaa hinjiru.

Jaarmiyaan hawaasaa yeroo rakkinaatiif furmaata, yeroo hunda ijaaramaadha. Sektara mootummaafi siyaasa caalaa misooma qulqullina qabu kan hojjetuudha. Bu’aas buusuu danda’a. Beekumsa qabatamaa qabu qabatee ummatasaatiif kennuuf deema.

“Jaarmiyaan hawaasaa waan hojjetamurratti xiyyeeffannaan hirmaata. Biyyoota Awurooppaatti keessumaa ispoortiirratti kan hojjetu jaarmiyaa hawaasaati. Biyya kanatti waa’ee ispoortiirratti hubannoon jiru laafaadha. Ispoortiin sabboonummaadha, bilisummaadha, kan duudhaa dhalootatti dabarsu, tokkummaa biyyaa kan eegsisuudha” jechuun ibsu.

Jaarmiyaa hawaasaa keessatti walitti mufannaafi waliigaltee dhabuun miseensotaa xiqqaadha. Namni achi dhaqu sabasaatiif waa kennuu dhaqa. Kan waa kennuu dhaquu ammoo isa waa qabuudha. Kanaaf as keessatti kan sirriitti hubatamuu qabu fedhiin tola ooluudha malee waa kennanii waa fudhachuun tasumaa hinjiru. Adeemsisaa gara tokko qofa, innis waa kennuu qofa. Tola ooltummaadha jechuudha jedhu.

Sochiidhuma hawaasummaa kana bu’uura godhachuun koree dhimma sabaa lammiilee Oromoo Naannoo Somaaleetti  qe’eesaaniirraa buqqa’an gargaaruuf hundaa’erraa ka’amee kan ijaarame Gamtaan Barattoota Oromoo (GBO) qarreefi qeerroon miira lammummaa gonfatanii akka socho’an gochuuf hundaa’e.

Akka pirezidaantiin  GBO barataa Ahmad Muhammadsaanii ibsutti, sochiin kun Yunivarsitii Finfinnee keessatti yeroo jalqabaatiif sagaleen barattoota Oromoo akka dhagahamu taasise. Otoo qaamni nageenyaa mooraa tiksu quba hinqabaatiin mallattoo barattoota 500 walitti qabuun gaaffiileen lama yunivarsichaaf dhiyaatan.

Gaaffiileen kunniinis ummata Oromoo Naannoo Sumaaleerraa buqqa’eef gargaarsa gochuufi Aadaafi Afaan Oromoo yunvarsitichi ALA bara 2014 sababa maastar pilaaniitiin addaan cite deebi’ee akka banamu kan jedhu ture. Dhiibbaa koreen dhimma kanaaf hundaa’e uumeenis gaaffiileen lamaan kunniin deebii argatan.

Korichi yunivarsitichaafi barattoota mara hirmaachisuun lammiilee Naannoo Somaaleerraa buqqa’aniif qarshii miliyoona lamaa ol walitti qabe. Gumiin Aadaafi Afaan Oromoos waggoota afur booda akka banamu taasifamee baranuma akka hojii jalqabu ta’eera jedha pirezidaantichi.

Yunivarsitichatti barataan Oromoo kamuu sababa naamusaatiin barumsasaarraa akka hinar’amneef tattaafatamaa turuus eeree, kanaanis ALA bara 2017 as barataan Oromoo tokkollee naamusaafi ilaalcha siyaasaatiin kan hinari’amne ta’uu dubbata.

Korichi namoota siyaasaan hidhamanii gadilakkifamaniif Giddugaleessa Aadaa Oromootti simannaa gochuu yaalee sababoota gara garaatiin otoo hinmilkaa’iin hafuusaafi dhaabbileen siyaasaa Oromoo maqaa adda addaatiin socho’an gaaddisa tokko jalatti akka dhufan gochuufis daran tattaafachuusaanii eera.

Koreen Dhimma Sabaa Barattoota Oromoo Yunivarsitii Finfinnee gara Gamtaa Barattoota Oromootti (GBO) mul’ata guddaa “Wabii tokkummaa Oromoo” qabatee Waxabajjii 27 bara 2010 qaama seerummaa argatee ifatti kan hundaa’e ta’uus ni dubbata Barataa Ahmad.

GBOn abukaatoo tokkummaa ummata Oromoo ta’uun dhaloota haaraa keessattuu dhalataa Oromoorratti hojjechuun gama siyaasaa, dinagdee, saayinsiifi teknolojiidhaan sadarkaa addunyaatti dorgomsiisuuf  akkasumas duudhaa Oromummaa ittifufsiisuuf, Oromoo gama hundaan anga’oomsuu akka mul’ataatti qabatee ka’uus ni eera.  

Gamtichi gargaarsa qaamolee adda addaarraa argateen qarreefi qeerroo wajjin marii kan eegale ta’uus ibsee, kunis kan barbaachiseef Oromoon bara gabrummaa rakkoodhaanis ta’u otoo amantiidhaan walhinqoodiin tokkummaa agarsiise ittifufsiisuu kan kaayyeffate ture jedha.

Oromoon gaafa bilisoomes akka tokkummaasaa eeggatee ittifufuuf wabii sabichaa kan ta’an, qarreefi qeerroo godinaaleefi magaalota adda addaatti argaman wajjin mari’achuun murteessaa waan ta’eef mariin jijjiirama biyyattiitti dhuferratti xiyyeeffate yeroowwan adda addaatti geggeeffamuusaa ibsa.

Rakkooleen faayinaansii ololli gamtichi deggartuu dhaaba sanaa ykn kanaati jedhu garanaa garasii irratti adeemsifame karooraafi mul’ata gamtichi qabatee ka’e milkeessuurratti gufuu ta’uus eereera. Ta’us gamtichi tokkummaafi dantaa Oromoo eegsisuurratti xiyyeeffatee bilisummaan akka hojjettu dubbata. Gamtichi siyaasa kamuurraayyuu bilisa ta’uun saanduqaan alatti yaadaa akka tureefi jirus pirezidaantichi ni eera.  

Pirofesar Asaffaa Jaalataafi Doktar Firdiisaa Jabeessaa dabalatee hayyoonni waltajjii marii kanarratti argaman haalatti gamtichi jaarmiyaa hawaasaa ta’ee socho’uu qaburratti gorsaafi kallattii kan kennaniif yoo ta’u, gurmuu kana yaadaanis ta’u waan danda’ameen utubuun ni barbaachisas jedhameera.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

7 Comments to “Gamtaa Barattoota Oromoofi egereesaa”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *