Ummatoota lamaan dinagdeedhaan walitti hidhuu

Ummatni Oromoofi Somaalee durirraa kaasee akka ummata tokkootti nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa turan, jiraachaas jiru. Gammachuufi gadda qaban walumaan qooddachaa jiraatu.

Waggoota muraasa darban asitti garuu shira hattootaafi kontirobaandistootaatiin hariiroon  ummattoota obbolaa, dhiigaafi seenaadhaan walitti hidhame kanaa sadarkaa hineegamneen akka raafamu ta’ee ture.

Ummatoonni kunniin hariiroosaanii wacaafi shira diinaatiin hinsochoonerratti hundaa’uun baatii Eblaa darbe qe’ee hangaftichaa, Adaamaatti; Sanbata darbe ammoo mana quxisuu, Jigjigaatti bakka qondaaltonni naannolee lamaaniifi akkasumas ugaazonni, jaarsoliin biyyaa Somaalee, abbootiin Gadaa Oromoofi dhimmamtoonni biroo bal’inaan hirmaatanitti walwaamanii jaalalasaanii ganama dhandhamaa oolaniiru.

Ummatni hortee Kuush kunniin garaagarummaa qabanirra afaan, seenaa, amantiifi kkf dabalatee kan tokko isaan taasisu waan caaluuf sirnoota darban keessa hacuuccaa isaanirra gahaa turerratti wajjummaan qabsaa’uun waliin kufanii ka’aniiru; bilisummaafi walqixxummaas walumaan gonfataniiru.

Ummata Oromoofi  Somaalee gidduu garaagarummaan bu’uuraa waan hinjirreef  jireenya hawaasummaatiin walkeessa galaniiru. Isaan waliif  waliif ollaa qofa osoo hintaane dawoo jireenyaatisi.  

Kanaaf imala amma eegalame kanaan hariiroo obbolummaa jidduusaaniitti eegalame cimsuun alatti misooma dinagdeetiin walitti hidhuun daran barbaachsisaadha.  Kanaafis pirojektota addaddaa bocuun tattaaffiin walirraa hincinne hanga caasaa dakaatti taasifamuu qaba.

Rakkoon ummata tokkoo kan isa kaaniis waan ta’eef bilisummaafi walqixxummaan mul’achaa jiru caalaatti dagaagee sadarkaa olaanaatti akka ce’uuf  bu’uuraaleen misoomaa ummatoota obbolaa lamaan kanneen jiddugaleessa godhate dhugoomsuunis dhimma xiyyeeffannaadhaan raawwatamuu qabuudha.

Ummatoonni kunniin hiyyummaafi duubatti hafummaa dhabamsiisuuf irree tokkoon akka hiriiran gochuufis wajjummaadhaan hojjetamuu qaba. Abdii guddaa fuuldura keenya jiru bira ga’uuf waliin hojjechuu murteessaa ta’uunis hubannoo argachuutu irra jraata. Ammaan booda kan nu baasu karaa nagaafi dimokraatawaatiin tarkaanfachuu qofti murteessaa ta’uun gonkumaa dagatamuu hinqabu.

Hayyoonni hariiroo ummatoota lamaanii cimsuurratti hojjetaa turanis adeemsi amma jiru daran abdachiisaa ta’uu ragaa bahaa waan hiraniif  jalqabbiin kun fuuldurattis cimee akka ittifufuuf ciminaan akka hojjetu gorsu. Haaluma bulchiinsaa mijataa gochuuf malee ummattoota kanneen gidduu durumayyuu daangaa sararuun waan barbaachisneef ummatota kanneen dinagdeefi aadaa qofaan walitti hudhuu qofti gahaa ta’uun itti amanamuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

6 Comments to “Ummatoota lamaan dinagdeedhaan walitti hidhuu”

  1. Pingback: Cartel cartridges
  2. Pingback: sex bao dam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *