Itoophiyaatti waggaatti dubartoonni kuma 500 sababa ulfa baasuutiin lubbuusaanii dhabu

Finfinnee: Akka qorannoo Dhaabbata Fayyaa Biyyoolessaa ‘WHO’ dhiheenya adeemsifame ibsutti addunyaa kanarra waggaatti dubartoonni miliyoona 208 ni ulfaa’u. Kanneen keessaa miliyoonni 123 (%59) kan barbaadaman, miliyoonni 85 (%41) ammoo osoo itti hin yaadamiin kan ulfaa’amudha.

Kanarraa ka’uun shamarraniifi dubartoonni karooraan ala ulfaa’an gara ulfa baasuutti kan deeman yoo ta’u, kanas karaa nageenyasaa eeggateefi hineegganneen raawwatu. Kanneen keessaa haadholiin kuma 47 ta’an sababa ulfa baasuu nageenyisaa hineegganne (‘unsafe abortion’)tiin lubbuusaanii dhabu.

Akka Itoophiyaatti ammoo waggaatti dubartoonni miliyoona afur kan ulfaa’an yoo ta’u kumni 500 ulfa ni baasu. Kanneen keessaa %32 ulfa baasuu nageenyisaa hineegamneen lubbuusaanii ni dhabu.

Ulfa baasuun amantiinis ta’u duudhaa ummataatiin fudhatama kan hinqabnedha. Kanaafi seerri Itoophiyaas wantoonni rakkisoo ta’aan yoo jiraatan malee ulfa baasuuf eeyyema yookiin kan hinlaanne.

Dhimma kana furuun seeraan osoo hintaane hubannoo uumuudhaan jedhe kan amanu dhaabbanni mootummaa ‘IPAS’s dubarri kamuu sababa hubannoo dhabuutiin ofiifi maatiishee balaarra akka hinbuusneef bara 2001 irraa eegalee hojii bal’aa hojjetaa jira. 

Akka Ogeessi Fayyaa Hormaataa ‘IPAS’ Obbo Lachisaa Asaffaa leenjii hubannoo uumuu torban darbe gaazexeessitootaaf Bishooftutti kennamerratti akka jedhanitti, dhaabbatichi gama kanaan dubartoonni odeeffannoo ga’aa argatanii ofiin akka murteessan, tajaajila fayyaa hormaataa guutuu akka argataniifi sababa ulfa baasuu nageenya hinqabneen lubbuusaanii hindhabneef wantoota barbaachisan dhiheessuutiin hojii bal’aa hojjeteera. Naannolee Oromiyaa Tigraay, Amaaraafi Kibbaafi Finfinneettis dhimmoota jedhaman irratti xiyyeeffachuun hojjetaa jira.

Gorsaan Imaammataa dhaabbatichaa Obbo Darajjee Admaasuu gamasaaniin fayyaan hormaataa yaada bal’aa kan of keessaa qabu ta’uu eeranii, yeroo baay’ee garuu ‘HIV/AIDS’fi quusannaa maatii qofarratti akka xiyyeeffatutti yaadama. Ta’us rakkoon ulfa baasuu keessumaa kan nageenyasaa hineegganne waliin walqabatu daran yaaddessaafi xiyyeeffannaa ga’aa kan hinarganne ta’uu dubbatu.

Akka isaan jedhanitti, ulfa addaan kutuun kan dhufu sababoota hubannoon ga’aa dhibu, sagantaan qusannaa maatii qaqqabamaa ta’uu dhabuu, dhiibbaa aadaa, dinagdeefi barnoota gadaanaa qabaachuu, maatiin ijoolleessaanii mariisisuu dhabuu, manneen barnootaa haala barbaadamuun dhimmicharratti hojjechuu dhabuufi kkfdha. Kanaaf gaaga’ama gama kanaan dhufu hir’isuuf mootummaafi qaamoleen dhimmichi ilaallatu rakkoolee kannene irratti xiyyeeffachuu akka qaban gorsu.

Ministeera Fayyaatti, Gorsaan Daarektoreetii Fayyaa Haadholiifi Daa’immanii Doktar Yohaannis Geetaachuus, ulfa addaan kutuun rakkoo mataasaa kan qabu yoo ta’u, karaa nageenyi isaa hineegamneen yoo ta’u, ammoo miidhaansaa dachaa ta’uu ibsu. Sababa ulfa nageenyisaa hineegamneen dubartootaafi shamarran du’an cinaatti kanneen lubbuudhaan hafan ammoo dhukkuboota kanneen akka ‘HIV/AIDS’, kaansarii fiixee gadameessaa, infeekshinii, garmalee dhanagala’uu dhiigaa akkasumas miidhama qaamaaf saaxilamuu danda’u jedhu.

Kanaaf hanga hubannoon ga’aa uumamee ulfa baasuun hir’atuutti karaa nageenyi eegameen ulfi akka addaan citu haalonni mijachuu akka qaban ibsu. Kanaafis mootummaan xiyyeeffannaa itti kennee hojjechuu akka qabu addeessu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

5 Comments to “Itoophiyaatti waggaatti dubartoonni kuma 500 sababa ulfa baasuutiin lubbuusaanii dhabu”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: tải sunwin
  3. Pingback: Bilad Alrafidain

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *