
Finfinnee: Obbo Muktaar Yaasiin Godina Jimmaatti jiraataa Magaalaa Aggaaroo yoo ta’an hojii misooma biqiltuurratti bobba’aniiru. Akaakuuwwan mukaa kanneen akka garaaveeliyaa, gaattiraafi kkf lafa heektaara sagal caalurratti dhaabanii kunuunsaa jiru. Hojii kanatti erga babba’anii yeroo dhihoo ta’us haalli jajjabeessaan akka hinjirredha Gaazexaa Bariisaaf kan ibsan.
Yommuu hojii kana jalqaban obbolootaafi firootasaanii wajjin gurmaa’uun lafa isaaniirratti mootummaan biqiltuu kennuufii eeranii, sana booda garuu deggarsa ogeessaatii kaasee meeshaalee hojiif oolan dhiheessuu, nama eegu itti ramaduufi liqaa mijeessuutiin walqabatee gaaffiin irra deddeebiin ka’us hanga yoonaa deebii akka hinarganne ibsu.
Rakkoon kun kan Obbo Muktaar qofa osoo hintaane kan namoota misooma biqiltuufi bu’aalee mukaarratti bobba’an hedduu ta’uu kan ibsan immoo Pirezdaantii Mana Maree Daldalaafi Waldaalee Seektaraa Oromiyaa, Obbo Taaddasaa Gannaatiiti. Waltajjii marii namoota dhuunfaa damee hojii kanarratti bobba’an waliin dheengadda Finfinneetti taa’amerratti akka ibsanitti, dameen misooma mukaafi bu’aaleesaa galii olaanaa kan argamsiisuu danda’u ta’ullee haala barbaadamuun hojiirra hinoolle.
Kunimmoo hirmaannaa mootummaatiin qofa osoo hintaane dameen dhuunfaas yoo irratti hirmaate bu’aa fiduu akka danda’u kaasanii, manni marichaas kaayyoo hundeeffamasaa irraa ka’uun haala mootummaan qopheessarraa dameeleen dhuunfaa fayyadamoo akka ta’aan kan hojjetu ta’uu himu. Kanaafis qorannoo rakkoo adda baasee furmaata kaa’uu qophaa’uusaafi yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolchuun bu’aa yaadame bira ga’uuf kan gumaachu ta’uu addeessu.
Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti, Hogganaan Damee Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Doktar Girmaa Amantee gamasaaniin, akka biyyaatti bosona dhaabamurra boosannii manca’u akka caalu kaasanii, isumarraa haafe biyyattiin utuu mukkeen hedduu qabduu biyya alaatii bu’aalee mukaa kanneen akka waraqaa, chippuudii, poolii ibsaa, xaawulaafi kkf galchuudhaan sharafa alaatiif baasii garmalee baasaa jiraachuu ibsu.
Kun immoo dinagdee biyyaa quucarsuurra darbee namoonni muka misoomsuuf fedhii akka dhaaban taasisuun qabeenyi naannawaa illee balaarra akka bu’uuf karaa akka saaqu himu. Kanaafuu dameeleen dhuunfaa walitti dhufuun bu’aa argamuu danda’u dhufuuf karoora waliin qopheeffatanii socho’uun sirriidha jedhu.
Akka Oromiyaattis mootummaan gama kanaan deggarsa barbaachisu hunda taasisuuf kuteenyummaadhaan hojjetaa jiraachuu kaasanii, bosonni Oromiyaa dinagdee Oromiyaa utubuun qarreefi qeerroon fayyadamoo akka ta’aniif haala mijataa qopheessuu Doktar Girmaan ni dubbatu.
Kanaafis lafti heektaara miliyoona 11.7 ta’u misoomaaf oolu adda baafamee jiraachuusaa eeranii, namoonni dhuunfaa damee kanarratti hirmaachuun ofiifi biyya akka fayyadaniif waamicha dhiheessu.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011
Hi, I do think this is an excellent web site. I stumbledupon it
I’m going to
come back once again since I bookmarked it. Money and freedom is
the best way to change, may you be rich and continue to guide other
people.
Howdy! I’m at work surfing around your blog from my new iphone!
Just wanted to say I love reading through your blog and look forward to
all your posts! Keep up the outstanding work!
Thanks for another excellent article. The place else may anybody get
that type of info in such a perfect way of writing?
I have a presentation subsequent week, and I am at the search for such information.
Spot on with this write-up, I seriously believe that this website needs a lot more attention. I’ll probably be
back again to see more, thanks for the info!
WOW just what I was looking for. Came here by searching for site
alo789in: alo 789 – alo789 dang nh?p
I love it whenever people come together and share thoughts.
Great website, keep it up!