Waamii Birraatuu addabaabaayisaaniirra biqiltuu dhaaban

Adaamaa: Itoophiyaatti ji’a gannaa  kana keessa biqiltuu biliyoona afur dhaabuuf karoora qabame keessaa Adoolessa 22 bara 2011 biqiltuun miliyoona 200 dhaabuuf yaadamee ture. Haata’u malee karooraa ol biqiltuun miiliyoonni 353.6 dhaabamaniiru.

Rooba gannaafi qorra osoo hin sodaatiin Ministira Muummee Doktor Abiyyi Ahmad dabalatee ummanni biyyattii tuutaan bahuudhaan sagantaa kanarratti hirmaachaa ooleera.

Pirezedaanti Saalawarqi, Giiftii duree Zinnaash Taayaachoo, ministirri muummee ittaanaan Obbo Dammaqaa Makoninniifi qondaaltonni olaanoon mootummaa hirmaachaa oolaniiru.

Duulli kun manguddoo umrii 105, ji’aa jahaafi guyyaa 16 atileet Irreessaa Baashaa Waamii Birraatuus hirmaachiseera.

Waamii Birraatuu biqiltu kan dhaaban Oromiyaa, magaalaa Adaamaatti addabaabaayi maqaasaaniitiin moggaafamerra. Isaan qofa osoo hinta’in maatiin isaanii, firoonniifi jaalattoonni isaanii hirmaataniiru.

Manguddoon kun biqiltuu Odaa kan dhaaban yoo ta’u, hanga umriin isaanii jirutti achitti deddeebi’anii kunuunsuufis waadaa galaniiru. Kana booddees maatiinsaanii, bulchiinsi magaalaa Adaamaafi ummanni naannawa sanaa biqiltu kana akka eeganis imaanaa itti kennaniiru.

Fiigicha meetira kuma shanii, kuma 10, dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20fi dorgommii maaraatoniitiin kan beekaman Waamii Birraatuu, dullumni isaan dadhabsiisus onneen isaanii ammas guutuudha.

Waamii Birraatuu waggoota 63n darbaniif atileetiksiirraa osoo addaa  hinba’in turuudhaan seenaa atileetota keenyaa keessatti atileeta duraa ta’uu seenaan isaanii ni mudhisa.

Manguddoon kun yeroo dargaggumaasaanii Itoophiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaawwan atileetiksii Addunyaa, taphawwan Afrikaa Guutuu, dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaarratti gareedhaanis ta’u dhuunfaadhaan hirmaatanii qabxii boonsaa galmeessisaniiru. Yeroo dorgommiirra turanitti meedaaliyaawwan warqii 30, meetii 40, nahaasa 10fi waancaawwan 15 ol argataniiru.

Olompikoota 10 arguusaanii kan dubbatan Waamiin, atileetota durii Abbabaa Biqilaa dabalatee Maammoo Waldee, Miruts Yifxar, Tolosaaa Qottuu, Isheetuu Turaa, Mahaammad Kadir, Yoohaanis Mahaamadfaa leenjisaniiru.

Dorgommii maaraatooniitiin atileetota akka Kabbadaa Baalchaa, Darajee Nadhii, Biraanuu Girmaa, Hundee Xooree, Gabree Gurmuu, Leenjisaa Badhaanee, Hajii Bulbulaafi kkf leenjisuudhaan qabxii olaanaa akka argatanis ni dubatu.

Atileet Waamiin akka ibsanitti, bosona ni jaalatu. Yeroo baay’ees duula dhaabiinsa biqiltuurratti hirmaachaa turaniiru. Kan ammaa kun garuu isaniif seenaa guddaadha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

2 Comments to “Waamii Birraatuu addabaabaayisaaniirra biqiltuu dhaaban”

  1. Pingback: Las Vegas SEO Co
  2. Pingback: sex video

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *