Itoophiyaan biyya sirnoonni ofittoo jaarraa hedduuf mirga sabootaafi sablammiilee keessatti ukkaamsaa turan yoo taatu sirnoonni kunneen bulchiinsa ulee abaarsaa uummatatti fe’atan kanneen akka waan waaqarraa isaaniif kennameetti lakkaawwachaa sabaafi sablammii hiraarsaa turaniiru.
Barri moototaas barri Dargiis walqixxummaan sabootaafi sablammiilee yoo mirkanaa’e Itoophiyaan ni diigamti ilaalcha jedhu baatanii olaantummaa saba tokkoo lallabaa umrii aangoosaanii dheeressaa kan turan yoo ta’u, qabsaa’ota sirnichaaf gufuu ta’an adamsuun ajjeesaa, fannisaa, mana hidhaa keessatti hiraarsaa turuu galmee seenaatu ragaa baha.
Ummanni biyyatti diddaa sirnoota kanneenirratti taasisu yeroo yeroon finiinuusaan aarsaafi wareegamni lubbuu erga bahee booda hunduu akka dhufaatiisaaniitti dabareen dhabamsiifamaniiru.
Haala kanaan dura Itoophiyaa keessatti hinbaramneen ADWUIn ulee bulchiinsaa of harka galchatee as saboonniifi sablammiileen Itoophiyaa mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka argataniifi mirga afaan ofiin barachuu akka qooddatan karaan saaqameera.
Ta’us ofittoonni jaalala lammii hinqabne saamichaafi hanna aadaa godhachuun umanni laaqii hiyyummaa keessatti akka kufu waan taasisaniif akkasumas heerriifi raawwiin waldhabuusaatiin komattoonni lammiisaaniif dhaabatan diddaa akka agarsiisan taasiseera.
Komiin kun gara warraaqsaatti cehuun kumaatamoonni qabsoo kanaan akka wareegaman, hidhaa keessatti akka hiraarafaman, galaanaan akka dhuman, biyyaa akka baafaman taasisaa tureera.
Kun ta’us biiftuun saamtotaaf baate lixuu hinooltuutii guyyaa biiftuun itti lixxee kaasee hidhamtoonni maqaa warraaqsaafi diddaa sirnichaatiin hidhaman kitilatti lakkaawaman akka hiikaman akkasumas kanneen biyyaa baafaman biyyatti akka deebihan taasiseera.
Mootummaan haaromsaa deeggarsa uummata bal’aan aangoo qabates dogoggoroonni kanaan dura hojjetamaa turan akka hindeebineef karaa hirmaachisaa ta’een biyya hoogganuufi jijjiiruutti kan taa’e yoo ta’u, hayyoonni beekna beekna jedhanis jijjiirama biyyasaanii keessatti akka qooda bahataniif haala mijataa uumeera.
Haala mijataa uumame kanaanis dirreen dimokraasii bal’ateera,kan fedhan deeggaruun kan fedhan mormuunis itti fufeera. Kanneen Itoophiyaaf anatu beeka jedhan kumaatamamnis dhalachuurra darbanii halkan tokkotti ilmaan kitilatti lakkaawaman horataniiru.
Akkuma haati warraa abbaa warraatiin, “Kan dhugu sihi kan machaahu ana jetteen” jedhamu san jijjiiramni dhufe otoo abbaa qabuu kan kootii kan kootiin baay’atee olaantummaan seeraa akka hinkabajamne godheera.
Hayyoonni kaleessaafi dheengadda biyyaa baafamaniifi mana hidhaa keessatti hiraarfamaa warraaqsa qeerroofi qarreen akkasumas qondaaltota gameeyyii jaalala lammiifi biyyaa qabaniin taasifamaa tureen hidhaarraa yoo bahan akka waan ofii lolanii jijjiiramicha fidaniitti of ilaalanis hindhaban.
Kanamalees jijjiirama kan gamaas kan gamanaas fayyadamaa taasise kanatti bishaan naquun jijjiiramni akka waan hinjirreetti kanneen kaasanis tokkoo lama miti. Galtee yoo isinii ta’eef hidhaarraa bahuufi biyya alaalaa teessanii ilaalaa turtanitti galuu danda’uun keessan jijjiirama mitii laata?
Akka feetan olii gadi deemtanii kan feetan akka komattan, deggartan akkasumas kan feetan akka qeeqxan kan isin taasise kun isin biratti jijjiirama ta’ee hinlakkaawamuu laata? Karaa nama ‘maalii’ sareen abidda qaqqaammatti inni jedhamu kanuma mitiiree!?
Ittifufa
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011
8 Comments to “Kan dhugu sihi kan machaahu ana”