“Ergamni koo fedhii ummanni Oromoo Finfinneerratti qabu ibsuudha” -Qeerroo Obsaa Abdiisaa

Yeroo dhihoo as  maqaa masoo “abbaa goofaree” jedhamuun beekama. Godina Qeellam Wallaggaa, Dambii Doollootti dhalatee Shawaa Lixaa, Aanaa Dandii, Magaalaa Ginciitti guddate. Barnootasaas achumatti barate. Yeroo Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) dho’ee ba’e sana qeerroo Gincii waliin adda durummaadhaan daraggoota hirmaatan keessaa isa tokko. Wayita ammaa Yunvarsiitii Finfinneetti Barataa Saayinisii Siyaasaa waggaa lammaffaati, Qeerroo Obsaa Abdiisaa.

Obsaa namni ijaan arge itti siqee utuu waliin hindubbatiiniifi maqaasaa hingaafatiin Oromoo ta’uusaatiif shakkii hinqabu. Sababnisaas rifeensa goofaree filata. Mormasaatti faaya Odaa qabu dirata. Harkasaarra micciirraafi gumeen hin dhabamu. “Kun anaaf ibsama eenyummaakooti. Anis namni wantoota Oromummaa ibsan kanneen yoo ofirraa qabaate Afaan Oromootiin waliin dubbadha” jedha gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen.

Obsaan caalaatti qalbii namoota hedduu keessa seenuun kan beekame yeroo dhihoo asi. Dhiheenya kana Finfinneetti qaamni ‘Baalaadaraa’ jedhee of hundeessuun socho’u miidiyaaleef ibsa kennuuf wayita waamee turetti inniifi hiriyyoonnisaa ibsicha dhageeffachuuf argamanii turan. Achirrattis Obsaan gaaffii gaafachuuf yommuu yaalu gaggeessaan qaama ibsa kennuu “gurbaa inni abbaa goofaree, na jeeqe. Waan lubbuu koof sodaachisus qabateera” jechuun ibsicha addaan kutee deemeera.

Sana booda namoonni yaada garagaraa kaasaa turan. Obsaan akka itti yaadee ibsa namichaa adda kutuuf deeme, akkasumas akka waan kantiibaan magaalattii erganii deemeetti haasa’amee darbeera. Nutis akkuma Oromoon “Kan abbaarra beeku budaadha” jedhu sana wantoota jedhaman isumarraa qulqulleeffachuu barbaadne.

Bariisaa: Obsaan walga’ii ykn ibsa sana gufachiisuuf deeme jedhama? Mee maal jetta?

Obsaa: Waan itti hinamanneefi namaa hingalle gaafachuun guufachiisuu taanaan eeyyee gufachiiseera. Ummanni akkaafi haala itti dubbatatu dhabe malee garaan isaa gubataadha. Sochiin qaama kanaa akka fonqolcha mootummaatti ilaalamuu danda’a. Abbaan inni sirriin eessa irraa deemnaani inni abbaa imaanaa /baalaadaraa/ kan ta’u inni jedhu ummata baay’ee mufachiiseera. Anis qaama ummataa waanin ta’eef yaadicha kaasuu barbaade. Kunimmoo isa haqa qabu biratti fudhatamummaa, isa haqa malee fayyadamuu barbaadu birattimmoo balaaleeffannaa uuma. Anaanis kanumatu na mudate.

Bariisaa: Akkamiin achitti argamuu dandeesse?

Obsaa: Yeroo ibsichi kennamutti barumsarra waanin hinjirreef ibsi akka kennamu dhageenyaan hiriyoota koo wajjin deemne. Yommuu achi geenyee sagantaa eegalu ibsi kennamu kan sabarratti xiyyeeffate, arrabsoo, balaaleffannaafi jibba saba tokkorratti oofu ture. Keessumaa “abbootiin taayitaa amma aangoorra jiran sirrii miti, fayyadamummaan saba magaalaa Finfinnee keessa jiraatu osoo hin taane olaantummaa Oromootu mul’ataa jira…” jechuun ibsaa ture. Anis kana dhaga’een gaaffii kaasuufiif yaallaan gaaffiikoo fudhachuurra ofumaan rifatanii galma dhiisanii bahan.

Bariisaa: Utuu sidhaggeeffateera ta’ee, maal gaafachuuf turte?

Obsaa: “Haala amma jiruun wanti  Itoophiyaa  hinhammanne Itoophiyaa jedhamuu ni danda’a? Atimmoo Oromoofi kantiibaan Finfinnee wajjin hojjechaa jiru jechaa jirta. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Itoophiyaadhaaf maalidha jettee yaadda?” isa jedhuun gaafachuu barbaadee ture.

Ta’us  utuun gaaffii koo hindhiheessiin walga’ii ykn ibsi isaan waaman bittinnaa’e. Tarii bittinnaa’uu sana isaan faayidaa siyaasaatiif ykn onnee dhabuurraa ka’uun bittinneessuu danda’u.  

Bariisaa: Erga kun ta’ee booda suura atiifi Injinar Taakkalaa Uumaa utuu  biqiltuu dhaabdanii kaatan miidiyaa hawaasaarra deemuun gareen “isaantu isa erge” jedhan turaniiru. Dhuguma isaantu si ergee?

Obsaa: Injinar Taakkalaan na hinergine. Kaayyoo amansiisaaf taanaan garuu utuun ergameeyyuu badaa nama dinquu hinqabu. Akka dhuunfaatti garuu isaanis ta’u qaamni kamuu akka barbaadetti na oofuu hindanda’u. Injinar Taakkalaan yeroo argatanii dhimma kanas akka guddaatti ilaalanii anaaf ergama ykn odeeffannoo naaf hinhinkennine.  Ergamni koo ergama fedhiifi haqa ummanni Oromoo Finfinneerratti qabuudha.

Bariisaa: Namichi hogganaan ‘baalaadaraati’ ofiin jedhu akka ati cuubee baattee turte ibsee ture. Dhugaadhaa?

Obsaa: Ani cuubee hinqabanne. Harkakoorra kan ture alaabaa qofa. Maalirraa ka’ee akkas akka jedhe anaanuu na dinqeera. Alaabaayyuu achumatti argeen qabadhe malee itti yaadee fudhadhee hindeemne.

Bariisaa: Alaabaan ati qabatte jara mufachiiseera jettee yaaddaa?

Obsaa: Eeyyee. Kan seermaleessummaasaanii calaqqisiisu keessaa tokkoyyuu waan seerarratti tumamee jiru faallaa deemuusaaniiti. Alaabaa isaan kan Itoophiyaati jedhanii fayyadaman heeraan kan mormuudha.

Nuti hamma heerri inni kun jirutti isa kabajnee jiraanna. Isa haa fooyya’u jedhamurratti immoo sabni mari’atee kan fooyya’uu ta’a. Hanga kana hintaanetti garuu walqixxummaa sabaafi sablammii mormuun olaantummaa saba tokkoo mirkaneessuuf deemuun dogoggora. Alaabaan biyyattii amma jiru yaadrimee “Eenyuuyyuu eenyuun hincaalu, afaan eenyuuyyuu afaan eenyuun hincaalu, amantiin kamiyyuu amantii kamuu hincaalu” jedhu waan qabuuf hamma waanti fooyya’e hinjirretti nu ibsa jennee waan amannuuf qabannee deemne.

Kun isaan mufachiisuurra  darbee jibbuus danda’u. Sababnisaa isaan kan barbaadan olaantummaa sana. Faayidaansaanii waan jalaa tuqameefi dubbichas hafarsuun kan isaan barbaadan.

Bariisaa: Yeroo FDG Ginciitti dho’ee ba’e sana adda durummaadhaan qeerroo magaalattii wajjin socho’aa turte. Falmiin kee yeroo sanaa isa kana wajjin walqabataa?

Obsaa: FDGtti kan seennee labsiin guddina magaalotaatiin walqabatee ba’e kallattiidhaan  Finfinneefi  kanneen  naannawaashee turan mormuurratti ture. Kunis maastar pilaanii bara 2006  addaan citee bara 2008 mirkaneessuu waan tureef guutummaatti mormii keenya dhageessisne, ittis milkoofne. Sadaasa 12 mormii guddaa dhageesisnee ijoollee hedduu itti gabbarreerra. Inni ‘baalaadaraa’ jedhan  kunis  dhimmuma Finfinneerratti waan xiyyeeffatuuf walqabachuu danda’a.

Dubbii keenyarratti ani dhimma kanaan tasuman ifee muladhe malee hiriyooti koo baay’een na duuba jiru. Hiriyoota koo na duuba, fuulduraafi cinaakoo ta’anii nageenya koof wabii ta’uu danda’an waanin qabuufin ija jabinaan dubbadhe. Yeroo sanas barattoota wajjin turre waliin walii gallee socho’aa turre. Waantin qofaakoo taasise tokkollee hinjiru.

Bariisaa: Haala amma jiruun nageenya keetiif hinsodaattaa?

Obsaa: Xiyyeeffannaan akka narra jiru nan beeka. Garuu kan dhufu guyyaasaa eeggatee dhufa jedhee waanin yaaduuf duris ammas qomuma dhibeen haqa kootiif dubbatachaan jiraadha. Sodaaf bakka hinkennu, of garuu nan eeggadha.

Bariisaa: Dhiibbaa ykn dorsisni ergasii sirra ga’e jiraa?

Obsaa: Kallattiidhaan sodaachisuun hinjiru; dhiibbaan garuu hindhabamu, kana sana jechuu garuu hinbarbaadu.

Bariisaa: Obsaarraa yeroo mara Oromummaatu calaqqisa. Uffannaa keerraa kaasee hanga filannaa rifeensa keetti. Kun maalirraa madde?

Obsaa: Kanin of fuulduratti ilaalaa guddadhe namoota sabboonummaa leellisanii sabboonummaaf jiraatanii wareegamaniidha. Fakkeenyikoo inni guddaan Jaal Laggasaa Wagiiti. Isaan ilaalaa haalaan yeroo hunda caalaatti Oromummaa ittiin gabbisu, warra of ibsuu sodaataniif ammoo akkaataan itti jajjabeessun barbaada. Fakkeenyaaf Gumiin Aadaafi Afaan Oromoo akka deebi’ee hundaa’u keessatti qooda fudhachuun hanga tokko socho’eera.

Kanarra darbee namummaadhuma koon Oromummaan akka narraa calaqqisuuf, Oromoon Walloo, Kamisee akkasi, qeerroon Oromoo akkana inni jedhu narraa akka mul’atun barbaada. Dur maatiin keenya goofaree filataa turan. Na amansiisa taanaan duubatti deebi’eellee isa durii fudhachuu akkan danda’uuf mallattoo naaf ta’a. Faayawwan harkaafi mormakoorra jiran immoo namoota warra kaaniif mallattoo ta’ee akka isaan eenyummaakoo baranii Afaan Oromoo natti dubbatan taasisa. Akka dhuunfaakootti Oromoon hundi waan Oromummaasaa calaqqisu utuu ka’aatee natti tola. Yoo akkas ta’e hariiroon keenya cimataa deema.

Bariisaa: Goofaree kee kana yoomii kaastee guddisuu eegalte?

Obsaa: Bara 2003 gara dhumaarraa kaaseen guddise.

Bariisaa: Barnoota barachaa jirtu yommuu xumurtu Oromoof maal gumaachuu yaadda?

Obsaa: Hiree abbaa biyyummaa mirkaneeffachuu, biyya abbaa ofiirratti abbaa ta’anii jiraachuun walqabatee afaan isaan dubbatan waanin beekuuf (Amaariffa jechuukoo miti) tooftaa diinni ummataafi hoggantoota keenya miidhuuf fayyadamaa turaniifi  jiran waanin beekuuf faana dha’ee saaxilee irratti mormii koo dhageessisuu ittuman fufa; sana gidduutti waan ta’u Rabbi haa beeku, yoon lubbuun jiraadheef.

Bariisaa: Qarreefi  qeerroodhaaf dhaamsa yoo qabaatte?

Obsaa:  Of ta’uun bu’uura qaroominaati. Ka’umsas galmas. Beektonni falaasamoonni  addunyaayyuu  gaafa  jalqaban “ani eenyu” jedhanii waan ka’aniif of haa taanu, wal haa taanu, waan ofiirratti immoo abbaa haa taanuun jedha.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Ergamni koo fedhii ummanni Oromoo Finfinneerratti qabu ibsuudha” -Qeerroo Obsaa Abdiisaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *